Raashiyaan haleellaa gaggeessiteen magaala Soledaar jedhamtu Yukireen irraa fudhachuu beeksifte

Magaala Soledarhalleellaa Raashiyaatin barbadoofte

Madda suuraa, MAXAR TECHNOLOGIES

Maxxanfame

Raashiyaan haleellaa cimaa gaggeessiteen magaala Soledaar jedhyamtu guutummaan to'achuu beeksifte.

Magaala kana qabachuuf Raashiyaan ji'oota hedduuf Yukireen wajjin waraana guddaa gaggeessun guyyaa har'aa guutummaan to'achuu beeksifte.

Ministeerri Ittisaa Raashiyaa akka beeksisetti magaala kana qabachuun haleellaa baha Yukireenitti gaggeessituuf bakka tarsiimawaafi murteessadha jette Raashiyaan.

Magaalli Soledar bakka ashaboon lafa keessaa qotamee bahu yoo ta'u, holqa loltoonni itti daheeffataniifi meeshaalee waraanaa keessa dhoksuun danda'amu heddu qabdi.

Soolidar qabachuun Raashiyaa magaala Yukireen dhiyeenyarratti argamtu Bakhmut qabachuuf iddoo tarsiimawaa ta'ee ishee tajaajila.

Haleellaa Raashiyaan magaalattii qabachuuf taasistu cichitee qolataa jiraachuu Yukireen beeksiftee turte.

Lolli Raashiyaafi Yukireen gidduutti naannoo magaala Soledaaritti gaggeeffame irratti gama lamaanuu lubbuu loltoota hedduu kan nyaatedha jedhame.

Ittaanan ministeera ittisaa Yukireen Hanna Maliyar, magaalattii keessatti halkan guutuu lolli cimaan gaggeeffamuu himte.

Loltoonni Yukireen, "haleellaa kana qolachuuf gotummaan lolaa jiru" jette.

Raashiyaan ji'oota darbaniif magaalotafi bakkeewwan heddu gadi dhiiftee bahaa turte. Kanaanis loltoonni Yukireen hamilee argachuun haleella gurguddaa Raashiyaarratti raawwachuun magaalota akka Karkiiv fa'aa Raashiyaa irraa deebifatanii turan.

Raashiyaan magaala Soledar qabattus magaala dhiyeenyatti argamtu Bakmut qabachuuf qormaanni cimaan akka ishee mudatu himu xinxaaltonni waraanaa. Sababni ammoo loltoonni Yukireen magaalattiifi naannawa isheetti dahannoo ciccimaa ijaarratanii jiru waan ta'eef.