US dabalatee biyyoonni lixaa meeshaa waraanaa Yukireeniif erguu eegalan

Taankii

Madda suuraa, AFP

Maxxanfame

Jarmanii fi US konkolaattota meeshaalee waraanaan dabaalaman Yukireeniif arjoomuuf walii galan. Firaansi duraanuu Yukireeniif ergaa jirti.

Yukireen tumsa biyyoota lixaa kana yeroo dheeraaf hawwiin eegaa turte, deeggarsi biyyoonni lixaa taasisaniif kun dirree waraanaatti olaantummaa akka gonfattuuf ishee utuba.

Gaaffii ji’ootaan booda Yukireen konkolaattota meeshaalee waraanaa fe’atan argattus konkolaattonni kunneen dirree lolaa amma Raashiyaa walin itti jiranitti hagas mara jabeeyyii miti.

Ta’us waraanicha kallattiin ittiin deemaa jiru kan jijjiirsisu, injifannoo guddaadha jetti Yukireen.

Jarmaniin yeroo dheeraaf meeshaalee waraanaan Kiiv tumsuu irratti rincicaa turte. 

Erga Pireezidantiin Firaansi Imaanu’eel Maakroon Roobii darbe meeshaa waraanaa konkolaataatti fe’amu- AMX-10 RC jedhamu Yukireeniif erguuf akka jirtu ibsitee booda, Chaansilarri Jarman Olaaf Iskoolzi Pireezidantii Ameerikaa Joo Baayidan bira bilbilan.

Duuba qondaaltonni lameenuu akkuma Aab Maakroon tumsa meeshaa waraanaa Yukireeniif taasisuuf waliigaluu ibsan.

Dureen Jarman meeshaalee waraanaa gurguddoo ta’an akka taankii waraanaa fi meeshaalee waraanaa sasalphoo konkolaataarratti fe’aman Yukireeniif erguus ta’e haala kam keessattuu Jarmaniin qophaashee tarkaanfii akka hin fudhanne ejjennoosaanii ta’uu ibsaa turan.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Oduu Pireezidant Maakroontu ejjennoosaanii jijjiirsise jedhu Barliin cimsitee haalteetti.

Pireezidanti Baayidan konkolaattota meeshaa waraanaa baachuun dirree waraanaatti bobbaafaman Bradley jedhaman 50 arjoomuuf baajata tumsa nageenyaaf qabatan doolaara biiliyoona 2.8 keessatti tarreessaniiru.

Bradley kan jedhamu ofiisaa taankii ta’ee warana osoo hin taane ‘taankii barbadeessa’ jedha Peentaagan.

Jarmaniin ammoo dhuma ji’a Bitootessaatti konkolaattota waraanaa lafoon haleelan- Marder 40 fi meeshaa waraanaa misaa’ela fashalsu erguuf karoorfachuu ibsite.

Akkasumas torbanoota saddeetiif leenjiin Jarmaniitti kan itti fufu ta’uu dubbi himaan mootummaa biyyattii himeera.

Tumsi meeshaa waraanaa biyyoota sadeen- US, Firaansi fi Jarmanii irraa argamu loltoota Yukireen fuulduratti baasuun akkasaan lolicharra aananiif carraa guddaadha.

Loltoonni Yukireen bakka faffaca’anii jiranii as ba’uun walfaana hiriiranii walfaana boojuun galuu danda’u jedhamaa jira.