Baarseloonaan Liyoonel Mesii deebifachuuf PSG waliin 'dubbachaa' jira

Liyooneel Mesii

Madda suuraa, Getty Images

Maxxanfame

Baarseloonaan Liyoonel Mesii deebifachuudhaaf Paris St-Germain waliin dubbachuu Pirezidantiin Itti-aanaa Baarseloonaa Raafaa'el Yusetee himan.

Rakkoo hanqina maallaqaa isa mudateen Baarseloonaan miindaa isaaf kaffaluuf gatantaree wayita turetti Mesiin miindaa isaaf kaffalamaa ture hir'isee turuuf fedhee ture. Garuu hin taane.

Kanaaf, Hagayya 2021 ture Baarseloonaatii bahee PSGf kan mallatteesse.

Taphataan addunyaa irratti gurra guddaa qabu Mesiin Baarseloonaaf taphataa kamirrayyu caalaa goolii hedduu lakkoofsiseeraaf.

Taphataan umuriin isaa waggaa 35 ta'e kun, hanga bara 2021 hanqina maallaqaatiif Baarseloonaa gadhiisutti taphoota Baarseloonaaf taphatee 778n gooliiwwan 672 lakkoofsiseera.

Taphataan lammii Arjentiinaa kun kontiraanni inni Paris St-Germain waliin qabu ganna dhufu kan dhumu ta'ullee, filannoon isaa garuu kilaba Firaans kana keessa turuu akka tahetu himama.

"Liyoo fi maatiin isaa jaalala akkamii akkan isaaniif qabu ni beeku," jedha Yusteen.

Mesiin waggaa lama dura miindaa argatu hir'isee Baarseloonaa turuu fedhus, seera maallaqaafi hanqina maallaqaa tureen kilabichi PSGf dabarsuuf dirqameera.

Mesiin Baarseloonaaf oolmaa guddaa ooleera. Baarseloonaanis Mesiif ijoollummaa isaarraa kaasee hanqina qabu guuteefiif guddisee kanaan isa ga'uudhaan oolmaa guddaa oleeraaf.

Liyooneel Mesiin Baarseloonaan si'a afur Shaampiyoonii Awurooppaa, si'a 10 ammoo La Liga akka mo'atu taasiseera.

Mesiin ammoo ofii isaa badhaasa kubbaa miilaa addunyaa guddicha Ballon d'Or si'a torba argateera.

"Ani marii isa deebisuuf taasifame irratti hirmaadheera garuu mariin sun bu'aa ifa ta'e argamsiisee hin jiru," jedhe Yusteen.

"Ani dhimma akka Liyoon kilaba keenya dhiisee deemu taasisa rakkisaa sana yeroo hunda yaadaan qaba.

"Mesiin akkam akka isa dinqisiifannu ni beeka. Ani osoo inni deebiyee dhufeen isaaf nan jaalladha. Amallee taanaan nuti isaan waliin quba wal qabna."

Biyya isaa Arjentiinaa waliin Mudde darbe Waancaa Addunyaa mo'ateera.

Kilaba PSGf ammoo waggoota lamaan darban keessa taphoota 66 taphatee gooliiwwan 29 lakkoofsiseera.

Liyooneel Mesiin biyya isaa Arjentiinaatiif goolii 102 lakkoofsisuun hatiriikii ammoo si'a toorba galmeessisuun seenaa hojjeteera.