Mesiin biyyasaaf goolii 102 lakkoofsisee, hatriikii torbaa hojjechuun ammas seenaa galmeesse

Madda suuraa, EPA
Liyooneel Mesiin biyya isaa Arjentiinaatiif goolii 102 lakkoofsisuun hatiriikii ammoo si'a toorba galeessisuun seenaa hojjechuu itti fufeera.
Mesiin tapha michummaa Arjetiinaan biyya ofiitti Curacao waamuun waliin taphatte irratti goolii 7-0 mo'atan keessaa sadii lakkoofsiseera.
Kun ammoo galchii taphataan kun sadarkaa idil-addunyaa irratti biyya isaatiif lakkoofsise 100 ol akka darbu taasiseera.
Biyyi curacao jedhamtu kun Kaaba Ameerikaatti kan argamtuufi odola taatedha.
Garee kubbaa miilaa biyyaaleessaa Arjetiinaaf duraa kan ta'e Liyooneel Mesiin, biyyi isaa waggaa 36 booda Waancaa Addunyaa kka mo'attu taasiseera.
Taphataan collee addunyaa irratti gurra guddaa qabu kun ammo umuriin isaa waggaa 35 kan jiru yoo ta'u, badhaasota hedduu kubbaa miilaa guurrateera.
Yeroo ammaa kilaba Firaans PSG'f taphataa kan jiru Mesiin torban darbe keessas tapha biyyi isaa Panaamaatiin 2-0n injifatte irratti goolii lachanuu galchuun gooliiwwan waliigalaa lakkoofsise 800 qaqqabsiisuun seeraa haaraa hojjeteera.
Kubbaa miilaa keessatti qofa osoo hin taane Mesiin, seenaa dhalootaafi jaalalaa isaatiinis waan nama hawwatu ni qaba. Seenaa ijoollummaafi jaalalaa Mesii.

Madda suuraa, Getty Images
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Taphataan sarara fuulduraa ganna 35 Mesiin, Kiristiyaan Ronaaldootti aanee taphataa lammaffaa sadarkaa kanarra qaqqabedha.
Gooliiwwan kunneen Mesiin baroota dorgommii (seasons) 17 keessatti gooliii 672 Baarselonaaf lakkoofsise fi 29 ammoo kilaba PSG dhaaf lakkoofsise dabalata.
Kana malees, Mesiin galchiiwwaan sadarkaa idil-addunyaatti lakkoofsise kan ammaa sadan dabalatee 102 qaqqabeera.Mesiin Chaampiyeensi liigii afur dabalatee Laliigaa 10, Koppaa Ameerikaa fi Waancaa Addunyaa darbee injifateera.
Meesiin taphataa beekamoo yeroo hundumaa yaadataman keessaa tokkodha.
Badhaasa Baalon d’Or taphataa kubbaa miilaa Awuroppaa keessa cimanii mul'ataniif kennamu si'a torba injifateera.
Kanaan taphataan itti qixxaatu hin jiru. Ronaaldoon badhaasa kana si'a shan injifate.
Mesiin Barselonaa umrii ganna 13'n kan seene yoo ta’u, waancaa 35 Baarselonaa waliin injifachuun seenaa kilabichaa keessaatti taphataa hunda caala injifannoo danuu galmeessiise ta’uun yaadatama.
Kilabii Ispeeniif galchii hedduu galchuuniifi hiriiree taphachuun riikardiin kan isaati.















