Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Shamarree ganna 24 reeffa 'ijibbaata dhumaaf' bareechitu
Izaabel Waaltan guyyaashee kan dabarsitu reeffaan marfamteeti. Namoota du’an “nagaa dhaammachuu isa dhumaaf qopheessuu isheetti” ni boonti.
Man-tursiisa reeffaa qorraa fi daran qulqullaa’u kana keessa foolii cimaatu jira.
"Sirna qilleensa to’atu qabna, garuu namoonni kemikaalota itti fayyadamnu kanatti hin barani. Faallaa kanaan animmoo waanti tokkollee natti hin dhagahamu,” jetti Izaabel.
Hojiin hooggansa man-tursiisa reeffaa, hojii shamarreen ganna 24 ittiin beekamtu miti.
"Namoonni hangam umriin xiqqaa tahuukoo fi dubartii tahuu kootti ajaabsiifatu,” jetti. "Sababnisaas dameen kun haga ammaa warra dhiiraan guutame waan taheef.”
Shamarree Waaltan UK magaalaa Notingihaamitti, leenjituu daarektara awwaalchaa tahuun 2019 keessa hojii eegalte.
Man-tursiisa reeffaa dhaabbatuma sana keessa ture hojii hawwiishee taheen kan walargite. Umriishee 21tti idileen hojii eegalte, achumaanis barnoota yeroo dheeraaf reeffa itti tursiisan (embalming) barachaa turte.
Barnootashee keessa umriin xiqqaa tahuusheetti yeroo hunda nama keessaa adda ta’uun mul’atti. Maatiinshee jalqabumarraa ishee deeggaraa turan, hiriyoonni ishee garuu garmalee bitaa itti gale.
Izaabellaan waa’ee du’aa ennaa yaaddu, sodaa miti kan itti mul’atu. Yeroo mara du’aan marfamtee jiraachuun ishee boqonnaa akka kenneef dubbatti. "Wanti tahe na mudannaan, akkan kunuunfamu nan beeka,” jetti.
Man-tursiisni reeffaa kun hanga reeffa 80 qabachuu danda’a. Reeffi tokko jiddugalaan guyyoota 15-20 tura.
Namoonni hedduun, namni tokko du’ee awwaalchaaf geeffamuun dura akkasumaan saanduqa keessa kaa’ama sehu jetti.
Garuu shamarreen kun owwaalchaan dura, yeroo itti fudhachuun reeffa kana qopheessiti. Kunis owwaalamuun dura, maatiin akka haala dansaan ilaaluu fi wajjin yeroo akka dabarsuuf qarqaaruuf.
Reeffa qaamasaanii dhiqxi, rifeensa isaanii filti ykn irraa haaddi, uffata uwwisti, akkasumas meekaappiis dibdi.
"Namni yeroo dheeraaf dhukkubsatee hospitaala ciise, maatiin tarii areeda guddate wajjin arguunii dhiisuu danda’u. Akka namni sun uffata isa dansaa uffatuu fi areedni haadamee akka miidhagan fedhu,” jetti.
Waahillan ishee wajjin tahuun reeffa %65 tahan mala yeroo dheeraaf reeffa itti tursiisaniin (embalming) bareechu.
Gulantaa kanfaltii owwaalchaa irratti hundaa’unis, maatiin mala kana gaafachuu danda’u. Kunis qaamatti haalluu gochuu fi marroo lammeessoof “akka lubbuu horatan fakkeessuu” dabalata jetti Izaabellaa.
Malli kun keessaafuu wayita sagantaa owwaalchaatti saanduqni banaa tahee tura taanaan caalaa fayyada.
"Waanin hojjedhu yeroo fi tattaaffii hedduu irratti dabarsa. Hojii kanaaf kunuunsi akkamii akka barbaachisu namoonni waan hubatan hin sehu,” jetti.
Adeemsa ‘embalming’ keessatti, qaamni ni qulqullaa’a, afaan hodhamuun cufama. Dhiigni keessaa bahee, dhangala’aan keemikaala akka formaldehyde fa’i qaama keessa gala.
Dhangala’oo fi gaaziin biroo qaama keessa jiran bahuun, dhangala’aa ‘embalming’ kanaan bakka buufamu.
Amantiin gariin adeemsa kana hin eeyyamani, akkasumas kanneen owwaalcha isaanii kunuunsa naannoo wajjin walsimsiisuu barbaadan, mala kanatti dhimma hin bahan – sababa keemikaalotaaf.
Yeroo namni sababa balaa cimaan lubbuun darbu, Izaabellaan qaama sana deebistee midhaassiti. Jalqabarra sirna tursiisaa armaan dura jennetti djimma bahuun bakka san wal’aanti. Achiis gaga fi meekaappii addatti qophaa’e fayyadamuun bareechiti.
“Meekaappii akka namoota fayyaaf fayyadamnu miti,” jechuun ibsiti. “Meekaappii awwaalchaa fayyadamna – akka gogaa qorraa taherra taa’ee turuuf.”
Akka UK’tti waqtiin gannaa Muddee hanga Bitootessaa, kanneen manneen awwaalchaa keessa hojjetaniif yeroo itti hojiin baay’atudha. Du’atu yeroo sana keessa heddummaata.
Waqtii ammaa kana (Sadaasa) keessa garuu, Izaabellaan guyyaatti reeffa sadii hanga afurii mala kanaan ‘wal’aanti’.
"[Manicha keessa] foddaan hinjiru. Ifa kaniin argu oggaa buna dhuguuf gadibahudha.”
Shamarree Waaltan ilaalcha hamaa damee isheen keessa jirtu kanarra jiru jijjiiruu barbaaddi. Sagantaa awwaalchaa irratti akka hirmaattu ennaa gaafatamtu, gara caalu dubartiin saanduqa baatu ishee duwwaadha. Garuu dhiyeenya kana owwaalcha tokkorra, dubartoota afurtu ture.
“Maatiin taaziyaa taa’an waan akkanaa tasumaa arganii hin beekan,” jetti. “Dubartiin duute waan kana odoo agartee ni gammaddi turte jedhan. Maaliif jennaan, dubartiin lubbuun darbe, dubartii cimtuu turte.”