Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
‘Leenjuma ani kennuufi muuxannoo kiyyarraa miliyeenara kan ta’an tokkoo lamaa miti’- Aadde Su’aad Muktaar
“Gaafan karaa kana jalqabu qoreen akka itti heddummaatu nan beeka ture” kan jedhan Aadde Su’aad, qormaatawwan fi bu’aa bahii garagaraa dabarsuu himu.
Yeroo ammaatti haasaa isaaniin namoota kan dadamaqsan akkasumas namoonni iddoo hawwan akka gahaniif gorsaafi leenjii kan laatan dubartiin kun, ergaawwan miidiyaalee hawaasaatti maxxansaniin dhageettii fi hordoftoota horataniiru.
Ergaawwan suur sagaleen deeggaraman fi maallaqa, diinagdee, maatii, naamusa, xinsammuu, jijjiirama, qusannaa, karoora, gamtaan hojjechuu fi dhimmoota hawaas diinagdee biroorratti xiyyeeffachuun hordoftootasaaniif dhiyeessan dubdeebii garagaraas keessummeessu.
Dhaabbata leenjii hundeessuun magaalota Itoophiyaa dabalatee gara biyyoota Afriikaa fi Baha Giddugaleessaa garagaraatti deemuun leenjii akka kennan himuunis, “Waggoota kudhan darban keessatti nama 100,000 ol leenjiseen jira, ittuman fufa” jedhu.
Namoota dhuunfaan dabalataan miseensota Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataaf dabalatee hojjettoota dhaabbilee garagaraa leenjii kennuu kan himan Aadde Su’aad Muktaar nama gorsaa/ leenjii jiruu kennuu fi haasaan namoota dadammaqsuu (Life coad and motivational speaker) jechuun of ibsu.
“Nama kakaasuu jechuun dandeettii fi beekumsa ati qabdu yookiin uumama sikeessa jiru kan Rabbiin siikenne san akka baaftu gochuudha. Sammuukee kan ofirra rafee ‘hin danda’u’ jedhu sana ‘lakki ni dandeessa’ jettee suuta suutaan isa dammaqsitee dandeettii isa keessa jiru baasuudha” jechuunis himu.
“Anis guddachuun barbaada, hawaasni kiyyas dammaqiinsa barbaada…”
“Anis guddachuun barbaada, hawaasni kiyyas dammaqiinsa barbaada…”
“Afaan Oromoo fi Afaan Arabaan afaan hiikkadhe” kan jedhan Aadde Su’aad, godina Harargee Lixaatti dhalatanii biyya Saawudii fi Finfinneetti guddatan. Yeroo ammaa Amaariffa, Ingiliffa, Swaahilii, Afaan Hararii fi Afaan Somaali akka dubbatanis himu.
“Yeroon waggaa lama yookiin sadi ta’u maatiinkoo gara Saawudii nafudhatanii deeman. Barnootakoo sadarkaa duraa hanga kutaa shanaffaattis Saawudiitti Afaan Arabiffaanin baradhe. Sana booda maatiin gara biyyaatti yemmuu deebi’an anis gara biyyaa deebi’e” jedhu.
Wayita biyya Saawudiitii gara Itoophiyaa dhufanitti daa’ima waggaa sagalii akka turan kan himan Aadde Su’aad, barnootasaanii magaalaa Finfinnee keessatti itti fufuun baratan.
“Jalqabaratti kanan baradhe ogummaa fayyaati. Sana booda gara tajaajila hawaasummaa deemuu fi hawaasa kiyya gargaaruu waanan barbaaduuf gara Saayinsii Hawaasaatti as deebi’e” jedhu.
Yaada “anis guddachuun barbaada, hawaasni kiyyas dammaqiinsa barbaada” jedhuunis waggoota 15 dura biyyoota akka Maalezhiyaa, Indoneezhiyaa fi Hindiitti imaluun leenjiiwwan haasaan namoota dadammaqsuu fi gorsaa fi leenjii jiruu kennuu fudhachuus dubbatu.
“Hawaasni keenya yemmuu ilaaltu al tokko tokko sigaddisiisa. Nama isa dammaqsu, nama ni dandeessa jedhuun, nama sammuusaa dhadhahee ‘ka’i lafaa atis akkuma biyya kamiittuu guddachuu dandeessa’ jedhuun hinqabu” jedhu.
Dargaggoota kakaasuu…
“Namni tokko waan guddaa tokko hojjetee darbuuf uumame jedheen amana” kan jedhan Aadde Su’aad, haa ta’u malee namoonni waan guddaa keessa isaanii jiru akka hin agarreef gufuuwwan fi rakkinoota adda addaan kan dhokatu ta’uu himu.
“Kanaaf hojiinkoo gufuu sana maqseefii fagoo deemuu akka danda’u, mul’ata qabaatee akka of jijjiiruuf akkasumas ofiif, maatii fi hawaasasaaf waa gumaachuu akka danda’uuf suuta suutaan itti agarsiista” jechuunis himu.
Aadde Su’aad hojii isaanii kanas dargaggoota irratti xiyyeeffachuun akka hojjetan himu. Kanaaf sababni immoo “dhaloonni ammaa kun waan sammuusaa hatu heddutu jira” jedhu.
“Ijoolleen tun gargaarsa barbaaddi, ‘ni dandeessa garuu kana xiqqeessi, ni dandeessa karaa kana deemi’ kan jedhuun barbaaddi. Kanaaf waggoota 15 darbaniif biyya keessa fi Baha Afrikaarraatti hojjechaan ture, ammas hojjechaan jira” jedhu.
Kanaafis biyyoota Baha Afriikaa akka Keeniyaa, Sudaan fi Jibuutii keessatti waajjiraalee banachuun hojjechaa akka jiranis himu.
“Karaan waltajjiirratti namni 3000 yookiin 1000 argamee leenjii itti kennitu gahaa ta’uu dhiisuu danda’a. Karaa miidiyaa idileenis dhufaan jira. Hawaasa baadiyyaa jiraatu dhaqabuun dirqama jedhee waanan amanuuf hanga dandeettii kiyyaa tattaafachaan jira” jedhan.
“Namni fi hawaasni diinagdeen of hin dandeenye…”
Dhimmoota hawaas diinagdee garagaraarratti xiyyeefachuun hawaasaaf ergaawwan daddamaqsuu kan dabarsan Aadde Su’aad, hojii isaanii kana keessatti dhimma tokkoof dursa akka laatan himu. Dhimmi kunis dhimma maallaqaa yookiin faayinaansii fi diinagdeeti.
“Namni fi hawaasni diinagdeen of hin dandeenye fi hirkataa ta’e hawaasa afaansaa banee ‘ani nan danda’a’ jedhee dubbachuu danda’u miti. Addunyaarratti biyyoonni guddatan hundi guddinni isaanii kan beekamu diinagdeen yoo gahumsa qabaatan qofa” jedhu.
Kanaafis hawaasa waa omishuu danda’u fi diinagdeen of danda’e uumuurratti xiyyeeffatanii akka hojjetanis himu.
“Diinagdee yemmuun jedhu qarshii qofa osoo hin ta’in, diinagdeen tun garam deemaa jirti, boru rakkinni yoo dhufe rakkina sana keessaa akkamiinan bahu danda’a kan jedhu fi rakkina as deemu tilmaamee hiikaa kennuufii rakkinicha furuu kan danda’u uumuu qabna jedheen amana” jedhu.
Gama biraatiin dhimmoonni ijoon Aadde Su’aad xiyyeeffannoon irratti hojjetan guddina dhuunfaa, barnoota fi carraa hojii uumuu akka ta’an himu.
Kana malees “yoo aadaa maatii ittiin ijaaran fi maatii ittiin horatan hinbeekne burjaaja’iinsatu hawaasa keessatti uumama” jechuunis dhimmi maatiis dhimmoota ijoo irratti xiyyeeffatan keessaa isa biraa ta’uu himu.
Gufuu milkaa’inaa
Namoonni sadarkaa barbaadan akka hin geenyeef gufuun inni duraa hubannoo dhabuu akka ta’e kan himan Aadde Su’aad, “nuti akka duriitti Baayoloojii yookiin Keemistirii qofa barannee addunyaarratti dorgomnee jiraachuu hindandeenyu” jedhu.
Kanaafis dargaggoonni dhimma maallaqaafi diinagdeerratti hubannoo qabaachuu akka qaban himu.
“Akkaataa ati maallaqa itti argattu, akkaataa maallaqa argatte sana itti qusattu fi ‘invest’ gooturratti beekumsatu barbaachisa” jedhu.
“Ani miliyeenara ta’uun qaba yoo jette miira biraa dhiistee miira miliyeenara ittiin taatu san jala deemuu qabda” jedhu.
Kanaafis namoonni cimanii hojjechuu, yeroo qabanitti hojii dabalataa hojjechuun galii isaanii guddisuurratti xiyyeeffachuu akka qabanis himu.
“Nama dalagaa hinqabne kan mana taa’urra kan deemee qarshii kuma lamaan dalagutu caala. Akka hawaasaatti duwwaarra taa’anii ‘dalagaan tun naaf hin maltu’ kan jedhu dhiisuu qabna” jechuunis dhaaman.