Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Waa'ee barsiisaa Harargee Bahaatti du'ee argamee maatiifi poolisiin maali jedhan
Gidduu kana barsiisaa dargaggeessi tokko Godina Harargee Bahaatti du'ee argamuun miidiyaa hawaasaarratti guddoo qoodamaa jira.
Suuraan nama dargaggeessa umurii waggaa 20 keessa jiru fakkaatuu barreeffama harkaan barraa'ee fi suuraa kaafame (isaan barreeffame jedhamuun) feesbuukiirratti namoota hedduun maxxanfameera.
Barreeffamicharrattis barsiisaan Daraaraa Booraa Tunnaa jedhamuufi kan dhalootaan Godina Shawaa Lixaa Aanaa Baakkoo Tibbee Ganda Odaa Gudayyaa ta'e, hojiidhaan ammoo Godina Harargee Bahaa Aanaa Fadiis akka jiru ibsa.
Akkasumas reenfasaa akka gara maatiisaatti geessaniif bilbilli xalayicharratti tarraa'eera.
Firootasaa bilbillisaanii tarraa'e keessaa tokko kan ta'e Tolasaa Alamaayyoo taatee kana Roobii darbe gaafa Amajjii 24, 2024 dhagahuu BBC'tti hime.
Kibxata darbe akkuma inni hojii seeneen Aanaa Fadiis irraa qondaalli Poolisii tokko ''Komaandar Kifluun jedhama'' jechuun bilbilanii akk itti himan ibse Tolasaan.
''Poolisiin bilbilee barsiisaan kun du'uusaa fi Hospitaala Harar qorannaaf geessaa akka jiran natti hime. Isa booda nutis maatiitti himne, maatiin deemanii reeffi ambuulaansiin gara Finfinneetti ergame,'' jechuun haala ture himan.
Reeffi barsiisaa kanaa Roobii gara Finfinneetti ergamee, Kamisa gara iddoo dhalootasaa, Aanaa Baakkoo Tibbee Ganda Odaa Gudayyaa erga geeffamee booda Jimaata awwaalame jedhe Tolasaan.
Poolisii Tolasaan isaaf bilbilee du'a barsiisaa kanaa itti himuu nutti hime kana bilbilumasaan ittiin isaaf bilbilaniin bilbillee arganneerra.
Poolisiin aanaa Fadiis kun barsiisaan kun du'ee argamuu hin haalle, garuu akkaataa itti ajjeefamee fi odeeffannoon miidiyaa hawaasaa waliin ga'e maddisaa jalqabaa eenyu akka ta'e qorataa jirra jechuun BBCf deebisan.
Komaandar Kifluun dhimma barsiisaa kanaa qulqulleeffachuuf gaaffii BBCn gaafateef deebii kana kennan:
''Iccitii akkasii namaaf kennuun nurraa eeyyamamaa miti. Maatiirraas namni nu gaafate hin jiru. Komii qabna, maaliif du'e, akkamiin du'e jedhee namni nu gaafate hin jiru. Waan qorataa jirru callisnee nama hundaaf hin himnu,'' jedhan.
Namni komii qabu yoo jiraate adeemsa irra jiramu sana nama sanaaf ibsina jedhu qondaalli poolisii kun.
''Namni du'e isa [barsiisaa Daraaraa] qofa miti. Namni biraas jira. Kanaaf eenyutu gadhiise [feesbuukiirratti] akkamitti gadhiifame kan jedhu nuufuu gaaffiidha. Qorannaarra jirra. Ammatti dhimmichi adda hin baane waan ta'eef miidiyaaf kennuu hin dandeenyu, yommuu adda baasnu isiniif kennina.''
Namni biraan maqaa fi lakkoofsi bilbilaa isaa xalayaa barsiisaa kanaan barraa'e jedhamee feesbuukiirra naanna'aa turerratti eerame Faantaa Damee Tunnaa barsiisaa Daraaraa Booraa Tunnaa waliin ilmaan wasiillaniiti.
Namni kun barsiisaan obboleessa isaa ta'e kun boqochuu kan itti himame Roobii darbe (Amajjii 24, 2024) ta'uu hime. Awwaalchisaas Jimaata (Amajjii 26, 2024) ganda dhalootasaatti akka raawwatame BBCtti hime.
Barsiisaan kun haala akkamii keessa ture?
Barsiisaa Daraaraa Booraa Tunnaa kolleejjii barsiisotaa Naqamteerraa barsiisummaan eebbifamee hojii erga eegalee waggaa afur hin caalu jedha maatii isaa keessaa kan ta'e Tolasaa Alamaayyoo.
Barsiisaa kana waliin qe'eema tokko keessatti guddachuu kan himu Tolasaan, namni kun maatii heddummina qabu keessaa akka nama guddaatti ilaalama jedha.
Barsiisummaa amma hifachuun boqochuusaaf sababa ta'e jedhamu kanattis kan seene sababa hiyyummaa yookiin ammoo qabxii dhabeef akka hin taane hime.
''Qabxii ga'aa barnoota qophaa'inaa (kutaa 11) isa galchu qaba ture. Hiriyoota waliin walhordofanii barsiisummaa seenan malee.''
Barsiisaan kun hojii kan eegale Godina Arsiitti, ergasii bara 2015 Amajjii keessa gara Godina Harargee Bahaa Aanaa Fadiis deeme jedhe Tolasaan.
Obboleessi barsiisaa Daraaraa, Faantaa Damee Tunnaa barsiisaan kun jalqabuma wayita Godina Arsii Aanaa Shanan Kooluutti ramadamerraa eegalee ofitti gammadaa hin turre jedha.
''Bakka hojii sanarraa jijjiirraa akka barbaadu irra deddeebiin kaasaa ture. Maatiitti dhihaatee hojii oomishaa dabalataa hojjetachuuf jijjiirraa barbaadaa akka ture natti himaa ture,'' jedha.
Waajjira barnootaatti deddeebi'ee wayita gaafachaa turetti dhimmasaa kanaaf namni deebii kenne akka hin jirree fi inumaa maallaqa matta'aa akka gaafachaa turan komataa ture jedhe Faantaan.
''Yeroo Shanan Kooluu keessaa hojjechaa ture jijjiirraaf dokumantiisaallee akka dhowwatan natti hime.''
Mindaa argatuun of jiraachisuu akka dadhabee fi qe'eesaatti deebi'ee yoo xiqqaate hojii qonnaallee hojjechaa akka jireenyasaa utubuuf tattaaffiin taasisaa ture wayita milkaa'uu didu abdii kutannaa keessa seene.
''Wanta hundayyuu obsaan dabarsi, yoo humnaa ol sitti ta'e itti dhiisii qe'ee maatii kee taa'i, qaala'iinsi jireenyaa hojjetaa hunda miidhaa jira waan ta'eef tasgabbaa'ii taa'i jedhee gorsaan ture,'' jedhe Faantaan.
''Gurbaan kun aarii yeroo dheeraa of keessaa qabaachuusaa quban qaba.''
Yeroo dhumaaf bilbila kan bilbileef Amajjii 23, 2024 galgala sa'atii 11:00tti ta'uu kan hime Faantaan, borumtaasaa garuu waan hin eegne dhagahuu hime.
''Naaf bilbilee adeemsa gaariirra akka jiru natti himee ture. Barnoota sagantaa torbaniitiin Yuuniversitii Haramayaatti Ikonoomiksii, sagantaa gannaan ammoo Yuuniversitii Madda Walaabuutti Afaan Ingilizii barataa akka jiru natti hime.''
Barsiisaan mana barumsaa sadarkaa jalqabaa Aanaa Fadiis Araddaa Mil'oo keessaa barsiisaa ture kun mooraa mana barumsichaa keessa jiraachaa akka ture hima Tolasaan.
Miseensonni maatii dubbisne lamaanuu barreeffamni harkaa fi odeeffannoon eerame hunduu sirrii ta'uu ibsanii, garuu akkaataa itti du'ee argamerratti shakkii akka qaban himaniiru.
BBCn poolisii boqochuu barsiisaa kanaa maatiitti hime, komaandar Kifluu bira bilbileera
Sababa ajjeechaa kanaa qorachaa akka jiranii fi ammatti odeeffannoo kennuu akka hin barbaanne ibsan qondaalli poolisii kun.
Akka maatiin jedhanitti garuu poolisiin Godina Harargee Bahaa barsiisaan kun harkasaan of ajjeesuu ibseera, Komishiniin Poolisii Oromiyaa garuu Hospitaala Minilikitti qorannoon reenfaa sirriitti akka gaggeeffamuu qabu ajajee ture jedhan.
''Qorannoon kun guyyaa 20 ol fudhata. Haala amma jiruun ammmoo guyyaa 20 hospitaala kaa'anii eeguun rakkisaadha. Humni maallaqaa kana danda'us hin jiru. Kanaaf reenfi gara maatii ergamee akka awwaalamu goone,'' jedhe Faantaan.
Faantaan barsiisota mana barumsichaarraa qulqulleeffadhe jechuun BBCtti akka himetti barsiisaan kun guyyaa sana nagaa ture.
''Nagaama haasa'aa ture. Nama biratti tasgabbaa'aa ture. Garuu wayita kophaa ta'u dhiphatee ofitti gunguma naan jedhan,'' jedhe.
Namoonni maaliif of ajjeesu, akka kun hin taane maaltu gorfama?
Addunyaarratti karaa namoonni ittiin lubbuusaanii dhabaa jiran keessaa inni ijoon of ajeesuun akka ta'e ogeeyyiin xiinsammuu himu.
Keessattuu of ajjeesuun sababa ijoo lubbuu dargaggootaa dabarsaa jiru keessaa sadarkaa sadaffaarratti argama.
Ogeeyyiin Saayikoolojii akka jedhanitti, namoota of ajjeesan keessaa harki 90 ol jeeqamuu xiinsammuu yeroof turu ykn itti fufiinsa qabuun namoota miiidhaan irra qaqqabe.
Of ajjeesuu ykn waa’ee of-ajjesuu yaaduun irra caala fayyaa sammuu waliin walqabata.
Dr Eliyaas Gabruu Yuuniversitii Jimmaatti barsiisaa xiin-sammuuti.
''Mukaa’uu garmalee fi dhiphinni gara of miidhuutti akka adeemaniif bu’uura ta’u, dhibeewwan sammuu sirnaan hubachuufi wal’aanuu dandeenyaan lakkoofsa namoota of-ajjeesanii hir’isuun ni danda’ama,'' jedhan.
Barsiisaa akka maatiin jedhanitti umriinsaa 22 ta'u, kan amma of ajjeesuunsaa dubbatamaa jiru, kanaaf sababi ijoon du'asaa dhiphina, abdii kutannaa fi nama itti siqee hubatu dhabuu akka ta'e barreeffama inni yaadannoof kaa'es ta'e yaada maatiin kennanirraa hubachuun ni danda'ama.
Yeroo hedduu egereen keenya maaltu ta’a jedhanii yaadda’uun dhiphina cimaaf ta’uu mala jedhu Dr Eliyaas.
Yeroo tokkotti waa’ee dhimmoota hedduu yaadanii dhiphachuun, hojii dhiisanii taa’anii yaadda’uun amma jireenya keenya jeequutti gahuu mala.
Rakkooleen fayyaa sammuu kunneen hojii, barnoota, hariiroo jaalalaa fi hariiroo maatii fi hiriyoota keenya waliin qabnu garmalee balleessa jedhu.
Yeroodhaan wal’aansa yoo hin arganne namoota gara of ajjeesuutti geessuu mala.
Umriin namoonni of ajjeesan itti heddummaatu keessaa tokko ga’eeessummaadha kan jedhan ogeessi xiin-sammuu kun, ''Namoonni umrii kana keessa jiran yeroo hedduu jireenya isaanii keessatti waan dalaganitti gammachuu kan hin qabnee fi gaabbii keessa seenuutu irraa mul’ata,'' jedhan.
''Dubaati deebi’anii jireenya isaanii ilaalanii gaddu, murtoo fudhatanitti gaabbuun dhiphina fi muk’aa’uu garmalee keessa seenu,'' jedhan.
Dr Eliyaas akka jedhanitti namoonni kan of ajjeesan sababoota ijoo lamarraa ka’uuni.
Tokko fayyaa sammuu yoo ta’u, inni lammaffaan garuu ta’iin gaddisiisaa ykn riifaasisaan tasa yoo uumamedha jedhan.
Namoota amalli isaanii haala duraan hin baratamneen gegeeddaramu, callisa baayyisan, hirriba dhaban fi hedduu dhiphatan itti dhiyaatanii gaafachuun ifatti waliin haasa’uun barbaachisaa akka ta’e gorsu ogeessi kun.