Pirezidant Tiraamp gorsaa nageenya biyyaalessaa isaanii aangoorraa kaasan

Madda suuraa, Getty Images
Pirezidantiin US Doonaald Tiraamp gorsaa nageenya biyyaalessaa isaanii kan ta'an Maayik Waaltiz aangoorraa kaasuun, Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniitti ambaasaaddara gochuun muuduuf jedhu.
Bakkasaanii ministira dhimma alaa ta'uun tajaajilaa kan jiran Maarkoo Ruubiyoo akka muudan Tiraamp miidiyaa hawaasummaasaaniirratti ibsaniiru.
Waaltiz iccitiiwwan waraanaa eeguu dhabuun qeeqamaa turan. Dhihoo kana marii dhimma waraanaa akkaan murteessaa ta'e irratti gaggeeffamu keessatti gaazexeessaa dabaluun baayyee qeeqame.
Taateen kun hojiisaanii gara fuulduraafis bilchina siyaasaa isaaniirratti gaaffii kan kaasisuudha.
Miseensi kongireesii duraanii Filooriidaa kun bara bulchiinsa Tiraamp marsaa lammaffaa keessatti aanga'aa olaanaa US jalqabaa aangoorraa kaafamanidha.
Maddeen miidiyaa michuu BBC ta'e CBStti akka himanitti qondaalli kun akka aangoorraa kaafamaniif sababi ijoon dhimma Signaaliin wal qabatuudha.
Qondaalli kun appii Signal jedhamurratti garee dhimma humna waraanaa irratti mari'atu keessatti gaazexeessaa hirmaachisuun Ameerikaatti yaaddoo guddaa uumee ture.
Waayit Haawus qondaalli nageenyaa kun itti gaafatamummaa Manni Maree Nageenyaa Biyyaalessaa gaafatu qixa sirrii ta'een ba'achuu hin dandeenye jedhee ture.
Maddeen CBS ammoo Tiraamp gorsaa nageenyaa isaanii kan turan Maayik Waaltiziin baayyee waan kabajaniif nagaan aangoo gadhiisanii, muudama haaraatti akka darban taasisan jedhu.
Aanga'oonni mootummaa US maqaasaanii dhoksuun BBCtti dubbatan, dhimma Waaltiz Seenatiin raggaasisuun qormaata waan ta'uuf, pirezidantichi qondaala kana suutuma gaggeessan.
Waaltiz erga Bitootessa darbe dogoggoraan garee dhimma waraanaa mari'atutti gaazexeessaa dabaluu amanee as hordoffii cimaa jala turan.
Gareen gaazexeessaan itti dabalame kun akkaataa Huutii Yaman irratti haleellaa gaggeessan irratti iccitiidhaan mari'ataa turan.
Garee sana keessaa Waaltiz, Ruubiyoo fi Ministira Ittisaa Pete Hagseth fa'atu turan.
Bitootessa darbe wayita taateen kun mudatu seera baastonni namoota garee Signal keessa turan hundarratti gaaffii kaasanii turan.
Daarektarri tajaajila tikaa biyyaalessaa fi daarektarri CIA kanneen gaaffiin irratti ka'e keessati.












