Xiiyyara Maaleezhiyaa MH17 Yukireenitti Rukutamee kufeef Raashiyaatu itti gaafatama -UN

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 2

Ejensiin Aviyeeshinii Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii (UN) Xiyyara Daandii Xiyyaaraa Maaleezhiyaa MH17 baatii Adoolessaa bara 2014 keessa baha Yukireenitti kuffisuu ishee akka itti gaafatamuu qabdu murteesse.

Namoonni xiyyaara imaltootaa kana keessa turan 298 hundi ''misaa'ela Raashiyaan hojjetameen'' ajjeefamaniiru.

Raashiyaan yeroo heddu balaa qilleensaa kanaaf itti gaafatamummaa tokkollee akka hin fudhanne haalteetti.

Wixata kaleessaa Manni Maree Dhaabbata Siiviil Aviyeeshinii Idil-addunyaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii (ICAO) Federeeshiniin Raashiyaa dirqama seera qilleensaa idil-addunyaa kan mootummoonni ''balalii xiyyaarota siiviiliirratti meeshaa waraanaa fayyadamuurraa akka of qusatan'' dirqisiisu kabajuu dhabuu isaa sagalee kenne.

Xiyyaarri Daandii Qilleensaa Maaleeziyaa MH17 Amsterdam irraa gara Kuwalaa Laampur osoo balali'aa jiruu naannoo Yukireen Donbaas irratti lola finciltoota Raashiyaa deeggaran fi humnoota Yukireen gidduutti taasifameen itti dhukaafame.

Imaltootaa fi hojjettoonni xiyyaarichaa irra caalaan lammii biyya Nezerlaand ta'an 196 xiyyaricha keessa turan.

Balalii kana keessa lammiileen Awustiraaliyaa 38, kan Biriteen 10, lammiileen Beeljiyeem fi Maaleezhiyaas tokko tokko turan.

Bara 2022 mootummaan Awustiraaliyaa fi Nezerlaand dhimma kana UNtti kan dhiyeessan yoo ta'u, lamaan isaanii iyyuu murtee ICAO kana kan deeggaran ta'uu ibsameera.

Ministirri haajaa alaa Awustiraaliyaa Peenii Woong, Raashiyaan gocha jeequmsaa suukaneessaa kanaaf itti gaafatamummaa fudhattee beenyaa akka kanfaltus dhaamaniiru.

Ministirri haajaa alaa Nezerlaand Kaaspar Veeldkaamp ''dhugaa mirkaneessuu fi haqaa fi itti gaafatamummaa galmaan ga'uuf tarkaanfiin barbaachisaa'' ta'uu dubbataniiru.

Kun hawaasa addunyaaf ergaa ifa ta'e dabarsuu qaba "biyyoonni seera idil-addunyaa cabsuun hin danda'an".

Manni murtii Nezerlaand bara 2022 garee Raashiyaan to'atame xiyyaaricha kuffisuu isaatiin lammiileen Raashiyaa lamaa fi lammiin Yukireen Raashiyaa deggeru tokko bakka isaan hin jirretti murtee ajjeechan akka adabaman taasiseera.

Namoonni sadii ammoo hidhaa umurii guutuun akka adabaman kan itti murtaa'e yoo ta'u,garuu dabarfamanii waan hin kennamneef utuu hin adabamin jiru.