Notingihaam Forest v Arsenaal, Liiverpuul v Niwukasil... Piriimer Liigii torban kanaan eenyu mo'a?

Taphataa Niwkasil Isaak(bitaan) fi taphataa Liivrpuul Saalaah (mirgaan)

Madda suuraa, Getty Images

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 4

Carraan waancaaf dorgomuu isaanii waan jalaa dhumate fakkaata warri Arsenaal. Garuu Roobii kilaba bara kana isaanitti aanee sadarkaa sadaffaan morkataa cimaa ta'aa jiru Notingihaam Forest waliin taphatanii gara mo'achuutti deebi'uu? jechuun gaafata ogeessi kubbaa miilaa BBC Kiriis Saatan.

"Amma Arsenaal dorgommii waancaaf taasisu itti cimteetti," jedha.

"Kanaaf ammoo sababoota hedduuti jiru. Haata'u malee, isaan keessaa tokko naamuusa dhabuu isaaniiti. Kun dhugaatti bara kana gatii isaan baasisaa jira.

"Kan bara darbeerra qabxii isaanii foyyeeffachaa deemuudhaaf gamanumarraan tapha hunda mo'achuu qabu, garuu Mikeel Meriinoo akka taphataa sarara duraa (jifataatti hiriirsanii kun ni milkaa'aa? Waan itti milkaa'an natti hin fakkaatu."

Kiriis Saatan bara kana taphoota Piriimer Liigii 380 hunda tilmaameera.

Kan tapha torban 27 taphatamus akkuma yeroo kaanii eenyuti eenyuun mo'ata, qabxii meeqaan? kan jedhu tilmaameera.

Akka itti aanutti dhiyeessineerra. Isinis dhiyaadhaa!

Kibxata, Guraandhala 25

Biraayiten v Bornmaawoz

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Taphoota lamaan walitti aansee mo'ateen Biraayiten gara ga'umsa isaatti waan deebiyaa jiru fakkaata. Kana gochuun ammoo carraa sadarkaa 1-5 keessa galuuf carraaqu milkeeffata. Kanaaf dorgommiin kun garee lamaaniifiyyu akkaan murteessaadha.

Bornimaawoz Sbamata darbe Wolvisiin mo'ameera. Amma sun akka isaanitti deebiyu waan hin barbaadneef of eeggannoon taphachuu barbaadu. Kanaaf, taphni kun walqixaan xumurama.

Tilmaama Saatan: 1-1

Kiristaal Palaas v Aston Viilaa

Amma eenyu akka shaampiyoonaa Piriimer Liigii ta'u waan barameeru fakkaata. Dorgommiin cimaan carraa Shaampiyoons Liigii argachuudhaaf sadarkaa shanaffaarratti baayyeen wa;l cabsaa jiru.

Kilabnoonni Piriimer Liigii walakkaa ta'an kana milkeessuuf carraaqu. Isaan keessaa tokko ammoo Aston Viilaadha.

Garuu Aston Vilaan qabxii sadii argatu jedhee hin yaadu.

Kiristaal Palaas ammoo dirreesaarratti goolii baayyee hin lakkoofsisu. Aston Viilaan ammoo dirreesaaniitiin ala yeroo baayyee ni mo'amu.

Tilmaama Saatan: 1-1

Wolvis v Fulhaam

Wolvis keessatti taphataan Maatiwu Kunhaa jedhamu qabaan dadhabeera. Taphoota afran darbanirratti goolii afur galchuun gahumsa ajaa'ibaa agarsiisaa jira taphataan kun. Wolvis amma qabxii shaniin toora warra kufaniirraa fagaatee argama. Isayyu ammoo warra isa dura jiran goolii baayyee qabaachuu dursda. Bara kana Fulhaamiin 4-1n ture kan mo'atan. Afur keessaa lama kan galche ammoo Maatiwu Kunhaa ture. Miillanas Wolvis akka mo'atan ni eegama.

Ani kanaan dura tilmaaman Fulhaam ilaalchisuun kenneen sirrii hin turre. Kanaaf, Fulhaam ilaalchisuun faallaa wantan yaadeen tilmaama.

Tilmaama Saatan: 1-2

Chelsii v Saawozihampitan

Torbanoota as dhiyoo keessa Chelsiin laafeera. Sambata darbellee dursa qabatus boodarra Aston Viilaatiin mo'ameera.

Gareen Enzoo Maareskaa gara mo'achuutti deebiyuudhaaf ijibbaata taphatu. Kun ammoo tapha mo'atanii deebiyuu itti mirkaneeffatan isa sirriidha.

Yeroo ammaa kana kilabiin goolii irratti lakkoofsisuuf banaa ta'e Saawozihampitan caalu hin jiru.

Warri Saawozihampiten kanaaf Chelsiif carraa laachuu danda'u.

Barri kun deeggartoota Saawozihampitaniif bara hin taanedha.

Tilmaama Saatan: 2-0

Roobii, Guraandhala 26

Bireentifoord v Everten

Taphni kun cufaa ta'a. Bireentifoord Weest Haam fi Leester irratti mo'icha argataniiru. Fooyya'ini Everten Daavid Mooyes jalatti agarsiisaa jiru ammoo ajaa'ibadha.

Mooyes hojii dinqisiifamu hojjeteera garuu Everten ammuma ka'ee hunda mo'achuu qaba kan jedhu ammoo hin ta'u. Taphoota hanga tokko ni mo'amu jedheen yaada, isaan keessaa tokko ammoo isa kanadha.

Tilmaama Saatan: 2-0

Maanchester Yunaayitid v Ipsiwiich

Sadaasa darbe Maanxchester Yunaayitid Ipsiwiich waliin tapha jalqabaa Ruuben Amorim irratti wal qixa bahe.

Ji'a sadiin booda Ipsiwiich abdii mo'achuutiin gara Olld Tiraafoord deemu. Yeroo ammaa kana kilabiin Maanchester Yunaayitdiin sodaatu hin jiru.

Sambata darbe Man Yunaayitid boqonnaa dura 'jaamaa ulee jalaa fuudhan' ta'e ture, garuu oqonnaa booda hanga tokko socho'e. Kanaaf, 2-0 Everteniin durfamaa turee booda 2-2 wal qixa bahee xumure.

Ipsiwiich ammoo dhum-torbee darbe kana Tootenhaamiin 4-1n mo'ameera.

Tilmaama Saatan: 2-1

Notingihaam Forest v Arsebaal

Sambata darbe dirreesaarratti Weest Haamiin mo'amuun Arsenaaliif qaaniifi morkii Piriimer Liigii keessaa akka sigigaatu kan taasisedha.

Amma ciminasaaniitti deebiyanii Nootingihaam Forest mo'achuu isaan barbaachisa, garuu salphaa hin ta'uuf. Ani ni mo'atu jedhee hin yaadu.

Forest akkuma Arsenaal cimina duraan qabanirra hin jiran.

Tilmaama Saatan: 1-1

Tootenhaam v Maanchester Siitii

Tapha kanarratti wanta ta'uuf jiru akkamiinan tilmaamaamaa?

Tapha baayyee ajaa'iba ta'edha garuu tilmaamuuf ni rakkisa. Taphni kun 3-0n ykn galgaltoo kanaatiin xumuramuu danda'a.

Maanchester Siitiin tapha Liiverpuul waliin taphatanirratti sochii cinaa bitaarraan Dokuun taasisuun ala harka kennatanii ture.

Tootenhaam ammoo Ipsiwiich irrati goolii afur lakkoofsisaniiru.

Tootenhaam Sadaasa keessa garee Peep gaardiyoolaa 4-0n adabanii ture. Miilana garuu Siitiin ni mo'ata jedheen yaada.

Tilmaama Saatan: 1-2

Liiverpuul v Niwkasil

Taphni kun seenaa addaatu duuba jira. Bara 1996 kan Liiverpuul tapha Piriimer Liigii irratti 4-n mo'ate akka har'aatti mudannoo yaadtamudha.

Niwkasil amma Notingihaam Forestiin bareechanii erga mo'anii booda cimina gaariitiin gara qe'ee Liiverpuul dhufu. Haata'u malee, Liiverpuulis gahumsa addaarratti argama. Akkataa isaan ittiin maanchester Siitii ittiin mo'atan raajii ture.

Tilmaama Saatan: 2-1

Kamisa, Guraandhala 27

Weest Haam v leester Siitii

Warri Sambata darbe Weest Haam Arsenaaliin sirriitti ittisanii gooliis lakkoofsisuu danda'aniiru.

Manaajerri isaanii Girhaam Pooter gareen isaa akka mo'icha kanarratti ciman barbaada.

Ani asirratti Leester Siitiin qabxii argatee ba'a jedhee hin yaadu. Amma abdiin isan Piriimer Liigii keessa turuuf qaban xiqqachaa dhufeera.

Tilmaama Saatan: 2-0

BBC

Oduufi xiinxala biroof BBC Afaan Oromoo Chaanaalii WhatsApp akkasumas Facebook irratti hordofaa.

Oduuwwan BBC Afaan Oromoo biroo dubbisuuf as cuqaasaa.