Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Erga too’atamanii torbee tokko ta'us mana-murtiitti hin dhiyaanne - Maatii Obbo Taayyee Danda’aa
Aangoo Deetaa Ministeera Nagaa irraa erga kaafamaniin booda too’annoo jala kan oolan Obbo Taayyee Danda’aa erga hidhamanii amma torbee tokko guutaniiru.
Haati warraa isaanii Aadde Sintaayyoo Alamaayyoo, Obbo Taayyeen erga too’atamanii torbee tokko ta’ulleen hanga ammaa mana murtii dhiyaatanii akka hin jirreefi abukaatonni dubbisuuf akka hin eeyyamamneef BBC’tti himan.
“Hanga ammaa mana murtiitti hin dhihaanne. Gaafa inni to’atameerraa eegalee abukaatonni isaaniif dhaabbachuuf fedhii qabaatan hedduu ta’anillee hanga ammaa abukaatoon akka dubbisaniif heeyyama hin arganne,” jedhan.
Abbaa warraa isaanii guyyaatti yeroo tokko kan daqiiqaa sadii hin caalleef qofa ijaan arganii akka dubbisanis himan.
“Dubbisuun baayyee hin heeyyamamu. Daqiiqaa sadii hin caalle qaaman argeen akkam jirta nagumaa jedhaan. Sanirraayyuu haasaa afaanitti siqabu. Bira gahuuniifi fixaa jechuun tokkuma,” jedhan.
Hanga ammaatti maatii keessaayyuu nama lama qofti akka dhaqanii gaafataniifi namni kaan dhaqanii dubbisuun kan hin danda’amne ta’uus himan.
Komishiiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa gamasaatiin Obbo Taayyee qofa osoo hin taane namootni hedduun yeroo labsii muddamaa keessa to’ataman sa’aatii 48 keessatti mana murtiitti akka hin dhihaanne hime.
Komishinii Mirgoota Namoomaa Itoophiyaatti Daayirektara Damee Finfinnee kan tahan Aadde Selaamaawit Girmaay, “Obbo Taayyee qofa osoo hin taane namoonni hedduun yeroo labsii ariifachiisaa kesatti to’ataman haala walfakkaataa keessa jiru. Kanaaf, nuti sa’aatii 48 keessatti mana murtiitti dhihaachuu osoo hin taane haala qabiinsaafi gaaffii maatii hordofna,” jedhan.
Labsiin yeroo ariifachiisaa jeequmsa naannoo Amaaraa keessatti mudate hordofee naannichatti labsamee ture akkaataa barbaacahisummaa isaatiin iddoowwan biroottis hojiirra oolu akka danda’u kan akeeku ture.
Obbo Taayyeen erga aangoo irra kaafamanii guyyoota sadii keessatti maatiin isaa mana mootummaa keessaa jiraachaa turan keessaa baafamuu haati warraa isaanii Aadde Sintaayyoon ni himu.
Komishinichi garuu ta’ii maatiin Obbo Taayyee guyyaa gabaabaa keessaatti manaa baafamanii rakkoof saaxilaman jedhu kana miidiyaa hawaasummaa irratti akka arganiifi adda baafachuuf hordofaa jiraachuu hima.
Obbo Taayyee Danda’aa qondaala Olaanaa Mootummaa Itoophiyaafi Paartii Badhaadhinaa kan turan yoo ta’u, torbee tokkoon dura dhimma marii Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) fi mootummaa Itoophiyaa irratti, akkasumas rakkoo nageenyaa Oromiyaa keessa jirurratti mootummaa isaanii akkaan qeeqanii ture.
Xalayaa Muummicha Ministeeraa Dr. Abiy Ahimad mallatteessaniin aangoo Deetaa Misiteera Nagaa irraa erga kaafamniin booda ammoo karaa miidiyaa hawaasummaa isaanitiin Ministira Muummicha jechoota jajjaboon qeequun isaanii ni yaadatama.
Erga kana gaafa barreessan halkansaa mana jireenyaa isaaniitii qaamolee nageenyaan to’atamuunidha kan hidhaman.
Humni Nageenya fi Tasgabbii Waloo Biyyaalessaa ibsa baaseen, Obbo Taayyeen Deetaa Ministera nagaa tahanii osoo jiranii, ''farreen nageenyaa waliin walitti hidhachuun jeequmsaa fi qabsoo hidhannoon mootummaa kuffiisuuf socho'aa turuu bira gahamuun to'annoo seeraa jala oolfaman'' jedhe.
Ibsi kun Obbo Taayee Danda'aa Deetaa Ministera Nagaa tahanii osoo jiranii nageenya fidduurratti hojjechuurra ''faallaa kanaa humnoota farra nageenyaa Itoophiyaa diiguuf hojjetan waliin walitti hidhachuun hojjechaa turuu bira gahameera'' jedhe.