Vaalerii Zaluznii, nama kallattii waraanaa Yukireen geeddare

Madda suuraa, UKRAINE ARMY
Yeeroo dheeraaf yaaliin Yukireen bakkeewwan bahaa fi kibba biyyattiitti ji’oota 18 darbaniif Raashiyaan to’atamanii turan gadhiisisuuf yaalaa turte, amma humna guutuun adeemaa jira.
Sochii waraanaa kana karoorsuu fi hojiirra oolchuu irratti namni ijoon Ajajaa waraanaa Yukireen, ga’eessa umurii ganna 49 kan ta’e, Jeneraal Valery Zaluzhny dha.
Jeneraal Zaluznii ajajaa humna waraanaa Yukireen ta’uun kan muudame Adoolessa 2021 keessa ture.
Namootni dhiyeenyatti isa beekan akka himanitti, muudamni isaa kun kallattiin Pirezidaant Zelenskii irraa dhufa. Sadarkaa muudamaa hedduurra darbee ajajaa waan ta’eef, janaraalota dabalatee namootni hedduu muudama isaa kanaan ajaa’ibsifataniiru.
Zaluzniin dursee ajajaa kaka’umsa guddaa qabuu fi ammayyaa ta’uun beekama. Ta’us nama loltoota isaa gadi jiran waliin taphatu fi koora hin qabne ta’uunis beekama.
Guraandhala 20, 2022 irratti humnootiin Raashiyaa yaaliin “guyyaa sadii keessatti Kiiv to’achuu” taasisan hin milkaa’iin akka hafe ifa ture.
Ta’us loltoonni Raashiyaa gara kaaba, bahaa fi kibba Yukireenitti bobbaafamuun, magaalaa guddittii irratti yaaddoo guddaa uumaa turani.
Yaadni anga’oota waraanaa Yuukireen biraa tokko, humnootni Raashiyaa laga darbanii bahaa gara dhiyaa, bakka wiirtuun mootummaa jirutti akka hin ceeneef jecha, riqicha laga Diniproo gubbaa jiruufi magaalaa Kiyiiv’tti dhiyaate jiru dhukaasaan diiguu kan jedhudha.
Ilaalcha isaa gaafachuuf, Jeneraal Zaluzniitti bilbilani. “Waan fe’e utuu uumameeyyu kana hin goonu,” jechuun deebii kenne.
“Kun amantaa uummataa fi kan humna waraana gara bahaatti hafanii gatuudha.”
Sana booda murteen ijoo hedduu taasisamanii, hanga Ebla 2022’tti loltoonni Yukireen humnoota Raashiyaa gara bakkeewwan kaabaa fi baha Kiyiv jiranitti dhiibaniiru.

Madda suuraa, OFFICE OF THE PRESIDENT OF UKRAINE
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Maatii qondaaltota waraanaa Soviyeet ta’an irraa kan dhalate Valerii Zaluznii, yeroo tokko sirna olaantumma garmalee Waraana Soviyeet keessa jirurra of fageessuu irratti akka cimsee hojjetu dubbateera.
Bara 1990’n keessa yeroo mana barnoota waraanaa seenu, Yuukireen biyya walabummaa qabdu turte.
Bara 2014’tti itti aanaa hogganaa ta’uun baha Yukireen bakka finciltoota humna Raashiyaan deeggaraman waliin waldhabdeen turetti ramadame.
Waayilootni Zaluznii BBC’n dubbise akka himanitti, jalqabuma irraa eegalee loltoota hogganu waliin hariiroo amantaa uumuu fi murtee ajajaa hiruun beekama ture.
Gargaartuun duraanii Zaluznii, kan yeroo weerara Raashiyaatti isa bira turte, Liyudmila Dolhonoviska akka BBC’tti himtetti, Zaluzniin hirriba malee loltoota dirree waranaarra turan waliin wal qunnamaa ture.
“Jeneraalota isaa waliin yeroo hedduu bilbilaan haas’a, ta’us haasaan isaa yeroo hunda tasgabbaa’aa fi xiyyeefannoo kan qabu ture,” jetti.
Xinxaltoonni akka himanitti waraanni Raashiyaa hoggantoonni gadaanoon dirree waraanaa irratti of danda’anii walabummaan akka murtee taasisan eeyyamuun isaa, sirna murtee cimaa waraana Raashiyaa irratti olaantummaa isaaniif kenneera.
Xiyyeeffannoon Janaraal Zaluznii mala waraanaa sirrii qopheessuu ture.
Sochii milkaa’aa bonaa fi arfaasaa darbee booda, loltoonni Yukireen bahaa fi kibbaa biyyatti keessatti bakkeewwan qabamanii turan guddaa bilisoomsuu danda’aniiru.
Hoogganaan waraanaa kun danuu bakkeettis ta’e miidiyaa irratti gaffiif deebii kennuu baatus, goota biyyaa ta’uun beekame.
Maqaan isaa gootummaa fi cimina waliin waamama.
Akka sochiin waraanaa Yuukireen milkaa’aa deemetti, namootni humna waraanaa Raashiyaaf interneeta irratti odeessan, Caamsaa keessa Jeneraal Zaluznii guddaa miidhameera ykn du’eera jechuun hamii tamsaasaa turaniru.
Ammaaf beekkamtiin gootummaa Valerii Zaluznii lammilee Yukireen biratti iddoo guddaa qaba, garuu namootni hedduun abdii isaanii hogganaa waranaa kana irra kaa’uun isaanii eegereen isaa cimaa ta’uu mala.
Beekkamtiin isaa gara morkii siyaasaatti isa galchuu danda’a kan jedhu sodaan tokko tokko jira.
Waraanni Yukireen milkaa’aa ta’ullee, sana booda Yukireen waan cimaatu eeggata jechuun ogeessi hawaasummaa Oleksii Antipoovich akeekkachiisa. Zaluzniinis waraana booda tarii siyaasa irraa fagaachuu filachuu danda’a.
Xinxalaan siyaasaa Makola Daviduuk, hogganaan waraanaa kun utuu gara siyaasaattii seenuu barbaade, ni milkaa’a jedhee amana.
BBC’n Jeneraal Zaluznii waliin turtii taasisuuf gaaffii dhiyeessus, hogganaan waraanaa kun dideera.












