Waraanni US balaawwan cimoo mudatan hordofee xiyyaarasaa yeroof balali'uurraa dhorke

Madda suuraa, Getty Images
Waraanni US dhiheenya xiyyaarri isaa 'ergama murteessaa irra' turan jedhaman lama qilleensa irratti walitti bu'uun namoonni miidhamaniin hordofuun xiyyaarri waraanaa isaa hunda akka balaliinsaan ala ta'an murteessuu beeksiise.
Ajajni ''akka qilleensarraa buufaman'' jedhu kunis erga hilikooptaroonni Apachee lama Alaaskaa keessatti walitti bu'uun paayilatoonni Waraanaa biyyattii sadii du'aniin booda Jimaata kaleessaa ture.
Hogganaa Olaanaan Waraanaa Janaraal Jeems McConviile, balaliiftoonnis hanga leenjii dabalataa biraa xumuraniitti qilleensarra hin baban jedhan.
Balaan Bitooteessa 20 hilikooptaroota Blak Hawk jedhaman lama mudates labbuu loltoota sagalii galaafateera.
''Kanneen lubbuusaanii dhabaniin baayyee gaddineera,'' jedhan Janaraal McConvile ibsa isaanitiin.
''Du'a isaaniituu akka adeemsawwan nageenyaa, pirotokooliiwwan leenjii keenyaa akka caalaa xinxaluu fi leenjiifi gahumsaafi nageenya sadarkaa olaanaatiin hojjataa jiraachu keenya akka mirkanneessinu nu taasisee'' jedhan.
Itti dabalunis, paayilatoonni waraanaa ''paayilatoonnii fi miseensoonni beekumas, leenjii fi humannoo nagaa ergamasaanii galmaan gahuuf dandeessiisu qabaachu mirkanneessuuf b=nageenyaafi pirotokooliiwwan leenjii irratti xiyyeeffatu'' jedhan.
Xiyyaaroonni hojii akka dhaabaniif murteen taasifames battalumaan hojiirra oolfame. Kunis Waraanaan alatti kutaa looltoota biyyattii kamuu irratti dhiibbaa kan qabaatu miti.
Looltoonni waraanaa si'omtoonnis torban jalqabaa baatii Caamsaa keessatti leenjii sa'aatii 24 akka xumuran kan gaafataman yoo ta'u, miseensoonni Egdoota Biyyaaleessaa fikutaaleen humna eeggataa ammoo hanga xumura baatiitti leenjii'u.
Kutaaleen hundumtu akkuma leenjiicha xumurusaanii gabaasaniin gara hojii idilee saaniitti kan deebii'an ta'a jedhameera.
Balaan dhiheenya kutaa biyyattii garaa garaa keessatti mudatees ammalleen qoratamaa kan jiru yoo ta'u, garuu ammoo qondaaltoonni ''agrsiiftuun omaatuu hin argamne'' jedhan.
Balaan Kamisa darbees gareen osoo erga leenjii irraa deebii'aa jiranu dhiheenya Fort Wainwright- Alaaskaa keessatti mudachu hime Waraanni. Balaa kanaanis namoonni sadii du'anii tokko garmalee miidhamuutu gabaafame.
Loltoonni sadan du'anis kan kutaa humna qilleensaa 11ffaa maqaa masoo ''Ergamtoota Arctic'' jedhamuun beekamu ta'usaanii gabaase Asoosheeti Pireesiin.












