Lammiilee Gaazaa qoricha adoochaa malee waldhaansa baqaqsanii yaaluu argatan

Lammiilen Filisxeem Gaazaa keessatti rukutamanii gara hospitaalota Israa'el geeffaman qoricha adoochaa malee waldhaansi baqaqsanii yaaluu akka godhamuufi harkaafi ija hidhamuun dararaan garaa garaa akka irra gahu ogeeyyin fayyaa Israa'el eenyummaansaanii akka baramu hin barbaanne BBCtti himan.
Namoonni Gaazadhaa qabamanii gara hospitaalota Israa'el keessa jiruu geeffaman harki, ijjifi miilli fa'aa hidhamee dararamu. Yeroo kaan ammoo qullaa sireetti hidhamanii daayipparii daa'imaa akka kaawwatan godhamu. Doktarri Israa'el tokko, kana "dararaa hamaa" jechuun BBCtti hime.
Ogeessi fayyaa dhoksaan odeeffannoo baase BBCtti akka himetti hidhamtoota Gaazaaf hospitaala keessatti osoo qoricha adoochu hin kenniniif waldhaansi baqaqsanii yaaluu akka gaggeeffamuufi "dhukkubbii hamaan akka itti dhagaamu" akka godhaman ifoomse.
Daraaran kun hidhamtoota Gaazaa irratti gaggeeffamu hospitaala mootummaa keessatti.
Ogeessi fayyaa biraa ammoo qorichoonni adoochaa "filatamanii" fi "bifa baay'ee xiqqaa ta'een" hojiirra akka oolu ibsa.
Gama biraan ammoo hospitaalonni mootummaa maal na dhibdeedhan hidhamtoota baay'ee dhukkubsatanii waldhaansa cimaa barbaadan buufataalee waraanaa Israa'el keessatti dhiisu.
Hidhamaan Gaazaa loltoota Israa'elin fuudhamee odeeffannoo gaafatamuuf gara Israa'el geeffamee booda gadi lakkifame tokko BBCtti akka himetti, madaa miillasaaf waldhaansa gahaa waan dhabeef miillisaa tokko muramuu hima.
Doktarri fayyaa buleessi hospitaala waraana Israa'el tokko namoonni waldhaansa dhabuurraa kan ka'e miillisaanii irraa murame akka hin jirre haalun, hidhamtoonni harkiifi ijji isaanii loltoota hojii eegumsaa hojjaniin hidhamuu "hojii eenyummaa namaa gadi xiqqeessudha" jechuun godhamuu akka hin qabne ibse.
Humni Waraana Israa'el gamasaan hidhamtoonni hospitaala waraanaa keessatti akkaataa "sirriifi hayyamamuun" qabiinsi godhamuufii ibse.
Ogeeyyin fayyaa Israa'el lamaan BBCtti dhoksaan dubbatan, bu'uuraalee fayyaa Israa'el keessatti namoota haala qabiinsa hidhamtoota Filisxeem Gaazaa keessaa dhufaniif godhamu kanneen ijaan arganiifi dhimmasaanii hordofaniidha.
Odeeffannoon ogeeyyin fayyaa Isaraa'el kun lamaan eenyummaansaanii akka hin baramne gaafachuun BBCtti himan kun gabaasa Physicians for Human Rights in Israel ji'a Guraandhalaa keessa baasen kan wal-simuudha.
Gabaasichi manneen hidhaa waraanafi sivilii Israa'el iddoo itti hidhamtoota Filisxeem haaloo bahaniifi sarbamni mirga namoomaa irratti raawwachuu kan ifa godheedha. Keessumaa ammoo hidhamtoonni Filisxeem mirga yaala argachuu dhorkamuun dararamuu isaanii.

Hidhamtoota dhukkubsataniifi madaa'an waldhaansa dhorkuun dararuudhan komiin kan irratti ka'u hospitaala waraana Israa'el buufata waraanaa Kibba Israa'el Sde Teimanitti argamuudha.
Hospitaalli kun erga Hamaas Israa'el irratti haleellaa banee booda Ministeera Fayyaatin buufata waraanaa keessatti kan hundaa'eedha. Ergasii loltoonni Israa'el Gaazaa keessatti namoota Hamaas wajjin hidhata qabaniifi miseensa Hamaas jedhanii yaadan heddu qabanii gara manneen hidhaa Israa'elitti guuruu eegalan.
Harkiifi ijji hidhamee dararamu
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Dhukkubsattoonni hospitaala buufata waraanaa Sde Teimanitti argaman ijjisaanii hidhamee yeroo hunda cancalli harkasaanirraa akka hin buune himu ogeeyyin fayyaa Israa'el.
Harkiifi miillisaanii sireetti waan hidhameef mana fincaanii deemuu hin danda'an. Dirqamanii daayiparii godhachuurratti bobba'an ykn fincaa'an godhamu.
Waraanni Israa'el garuu waa'ee hidhamtoota hospitaala keessatti hidhamanii daayipariin itti godhamuu ilaalchisee, namoota waldhaansa baqaqsanii yaaluu godhameef qofaatti kaa'ame jette.
Anasteyolojistii hospitaalichaa kan ta'e Yoo'el Doonchil dabalatee namoonni ijaan argan garuu hidhamtoonni akka daa'imaa daayipparii akka fayyadaman godhamuu ragaa bahu.
"Dhukkubsattoonnin akka daa'imaa dhibbaan dhibba namarratti akka hirkatan godhe. Harki si hidhamee, daayipariin sitti godhamee, bishaan barbaadda, waan hundumaaf gargaarsa barbaadda- kuni dhala namaa gadi xiqqeessudha," jedha ogeessi fayyaa Israa'el Yoo'el.
Keessumaa waraanni Gaazaa eegalee torban jalqabaatti dhukkubsattoonni buufata waraanatti geeffaman qullaa isaanii akka rafaman godhamanii turuu ogeeyyii fayyaa BBCtti himaniiru.

Hidhamtoonni Gaazaa erga qorannoon irratti gaggeeffamee booda suuransaanii gadi lakkifame akka agarsiisutti, harkaafi miillasaanirratti madaan ykn godaannisni hidhamuusaanii agarsiisu ni mul'ata.
Ji'a tokko dura gaazexaan Israa'el Haaretz jedhamu sababa miilli hidhameen madaa mudaterra kan ka'e hidhamtoota Gaazaa lamarraa miilli muramuu gabaasee ture.
Qajeelfamni fayyaa Israa'el akka jedhutti sababni gahaan yoo jiraate malee dhukkubsataan kamiyyuu hidhamuu akka hin qabne ifa godha.
Itti gaafatamaa Boordii Namuusa Meedikaalaa Israa'el kan ta'an Yoosii Walfisch hospitaala daraaran hidhamtoota Gaazarra itti gahu kana qaaman deemanii erga daawwatanii booda hidhamaan kamiyyuu harkiifi miilli osoo hin hidhamin waldhaansa argachuuf mirga akka qaban dubbatanii ture. Garuummoo nageenyi hojjattootaa namuusarra iddoon kennamuufii qaba jedhan.
Lammiilen Gaazaa hidhaman hedduun erga qorannoon gaaffii afaanii godhamee booda osoo himanni irratti hin banamin gadi lakkifamaniiru.
Dr. Yoo'el akka jedhanitti, haala qabiinsa hidhamtoota Gaazarratti ogeeyyin fayyaa hospitaala buufata waraanaa Sde Teiman komii erga dhiyeessanii booda hidhaan harkaa akka irraa bu'u godhamuu himu.
"Bakka sana hojjachuun namatti hin tolu. Nama sireetti [harkaafi miillisaa] hidhame yaalun faallaa namuusaa ta'uusaa nan beeka," jedha.
"Dhukkubbii madaaf qoricha kennuu diduu'
Ogeessi fayyaa hospitaala buufata waraanaa Sde Teiman keessa hojjatu eenyummaansaa akka hin ibsamne barbaadu tokko akka jedhetti, dhukkubsattoonni dhukkubbii madaa isaanitti dhagahamuuf qoricha itti fooyyeessu fa'aa akka dhorkaman hima.
Manguddoon tokko miilli irraa citee madaasaa yeroo waldhaananiif garmalee dhukkubee qoricha itti fooyyessu doktarri akka dhorke hima.
"[Dhukkubsataan] sun dhukkubbiirraa kan ka'e waan ta'u wallaale, sana booda, 'itti fufuu hin dandeenyu, qoricha adoochu kenniifin' jedheen," jedha ogeessi fayyaa Israa'el kun.
Dhukkubsattoota Gaazaf qoricha adoochu osoo hin kennin madaa waldhaanun ykn baqaqsanii yaalun baramaa akka ta'e hima ogeessi fayyaa kun.
Ogeessi fayyaa kun akka jedhutti, miseensota hidhattoota Hamaas ykn Hamaas waliin hidhata qaban haaloo bahachuuf jecha gochaan akkasii hospitaala Israa'el keessatti akka raawwatamu irra deddeebin taajjabuu BBCtti hime.
Himannaa dhiyaatu kana ilaalchisee Humni Waraana Israa'el deebii kenneen, gochaa akkasii raawwachuun tasumaa fudhatama akka hin qabneefi loltoonni waan isaanif hayyamamu qofa akka hojjataniif yeroo hunda gorsiifi ajajni akka kennamuuf ibse.
Torban jalqabaa Hamaas Israa'el irratti haleellaa bane sana hospitaalonni kibba Israa'elitti argaman hidhattoota Hamaas madaa'anis ta'ee lammiilee Israa'el haleellaa Hamaasin madaa'an waldhaanuf rakkataa turan.
"Miirri ture baay'ee kan nama jeequdha," jedhan ogeessi fayyaa BBCn enyummaasaa dhoksuuf Yoonii jedhee waame.
"Hidhamtoonni Gaazadhaa dhufan qoricha dhukkubbii fooyyessu argachuu qabu moo hin qaban jedhanii ogeeyyin fayyaa yeroo haasa'an si'a heddu dhagaheera," jechuun haleellaa Hamaas Israa'el irratti gaggeessuf haaloo bahannaa kan yaadan akka turan hima.
"Dhukkubsataan waldhaansa akkamii akka argatu osoo itti hin himamin ijji isaa hidhamee waldhaansi madaa yaaluu fa'aa godhamaaf. Yeroo tokko tokko madaa fa'aa muruutu jira," jechuun waldhaansa kennuu ykn haaloo bahuu ta'uusaa adda baasuf akka nama rakkisu dubbata.
Dhimma kanarratti Ministeerri Fayya Israa'el deebii akka kennuuf gaafatamus Humna Ittisaa gaafadhaa jechuun BBCf deebii kenne.

Gama biraan ammoo hospitaalli buufata waraanaa de Teiman keessatti argamu, dhibee ykn madaa cimaa waldhaanuf wantoota barbaachisoo akka hin qabne isbuun keessumaa torbee jalqabaa waraanni eegaletti namoonni heddu rasaasan rukutamanii achi akka achi turan hima Yoonin.
Suufiyaan Abu Salah, nama ganna 43, Kaan Yuunisitti taaksii oofaa tureedha. Yeroo waraanni Gaazatti eegalu namoota loltoonni Israa'el qaban keessaa tokko.
Yeroo qabamee gara buufata waraanaa Israa'el geeffamuufi erga achi gahees reebichi hamaan irra gahuu kan dubbatu Suufiyan, dararaa irra gaherra kan ka'e miillisaa madaa'ee infeekshinii godhate. Waldhaansa akka hin argannes dhorkame.
"Miilli koo madaa'ee gara cuquliisatti jijjiirame, akkuma ispoonsii lallaafa," jechuun torbee tokko booda loltoonni miillasaa bakka madaa'e sanarra reebaa gara hospitaalatti akka isa geessan BBCtti hime.
"Ergasii gara hospitaala mootummaa na geessan. Doktarris lubbuu kee moo miilla kee barbaadda naan jedhe," jechuun miillisaa muramuu akka qabu ykn lubbuusaaf akka yaaddessu itti himamuu ibsa.
Lubbuun ooluu akka filatu erga ibsee, miillisaa infeeksshinii godhate irraa muramee buufata waraanatti erga deebi'ee booda takka turee Gaazatti deebifame.
"Yeroon sun yeroo gidiraan hamileefi qaamaa narra gaheedha, ibsuu hin danda'u. Yeroon hidhamu miilla fayyaa laman qaban ture, amma miilla tokkotu hafe. Yeroo hundan bo'a," jechuun waan Israa'elitti isa mudate hima.
Waraanni Israa'el himannaa Suufiyaan kanarratti deebii kennuu baatus, waa'ee dararaa yeroo namoonni to'ataman irra gahurratti qorannoo akka gaggeessu hime.
Hamaas Onkoloolessa 7 Israa'el haleeluu hordofee Ministeerri Fayyaa Israa'el hidhamtoonni Gaazaa hundi hospitaalota waraanaa ykn kana mana hidhaa qofaa keessatti akka yaala argataniif qajeelfama baase. Addumatti ammoo hospitaalli buufata waraanaa Sde Teiman kana akka bahatu itti gaafatamummaa itti kenne.












