Elon Maask pirezidantii Yunaayitid Isteetis ta'uu danda'aa?

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 4

Bara 2009 dura osoo Baraak Obaamaan pirezidantii US hin ta'iin dursee 'Abjuun' Waayit Hawus ni seena jedhamee hin yaadamu ture.

Ameerikaanonni gur'aacha ta'an baayyeen abjuun isaanii dhugoomee ni argina jedhanii hin yaadan ture.

Baraak Obaamaa namni sanyiin isaa Afrikaa-Ameerikaa jalqaba pirezidantii US ta'uun seenaa haaraa hojjete. Kun ammoo ilaalcha duraan ture jijjiiree darbe.

Yeroo sanatti Obaamaan haasaa taasiseen akkas jedhe: "hiriirri dheeraa manneen barnootaafi manneen sagadaa dura jiran seenaan keessan Ameerikaa keessatti hin barraa'iin jira waan ta'eef abjuun keessan ammallee jiraataadha".

Kun abjuu Maartiin Luuter King Jr. haasaa isaa beekamaa "Mul'atan qaba" jedhu keessatti waggoota baayyee dura kaasee dubbate waliin wal fakkaata.

Kun mul'ata sooressa addunyaa kanaa kan Elon Maask ta'uu danda'aa?

Paartii reefuu hundaa'u gufuu ture dura dhaabbatu

Dureessi addunyaa lammii Kanaadaa-Ameerikaa ta'e Elon Maask dhiyeenya kana dhaaba siyaasaa "Ameerikaan Paartii" jedhu hundeesse. Paarticha hudeessuun kan barbaachiseef ammoo hordoftoota isaa miidyaa hawaasaa isaa X dabalatee "fedhii ummata bal'aa" ta'uu dubbate.

Tarkaanfii paartii haaraa uumuu isaa kun ammoo michuu isaa duraaniifi morkataa isaa yeroo ammaa Doonaald Tiraamp waliin adda ba'uu agarsiisa.

Paartii haaraa hundeessuun Elon Maask kun ammoo battalumatti gaaffii siyaasaafi seera mormituu hedduu kaaseera.

Tiraamp tarkaanfii kana "kan waa'ee hin baasnedha" jechuun Yunaayitid Isteetis biyya paartii siyaasaa lama lafa qabatee jiru keessatti hiika hin qabu jedhe.

Akka xiinxaltoonni jedhanitti, paartiin haaraa Maask kun deeggartoota isaa miliyoonaan lakkaa'amu miidiyaa hawaasummaarratti qabu gargaaramuun qaawwa siyaasa keessatti uumame ummata paartileen gurguddoo lamaan jiranirraa abdii kutatan qabachuufidha.

Haata'u malee, namni Afrikaa Kibbaatti dhalatee boodarra lamummaa Ameerikaa argate Yunaayitid Isteetis keessatti aangoo siyaasaa guddichatti bahuu danda'aa?

Xiinxalaa siyaasaafi gulaalaa marsariitii Ameerikaan Politiks kan ta'e Jaared Maartiin akkas jechuun BBCtti dubbate: "Ummanni siyaasa Ameerikaa keessatti jijjiirama bu'uuraa waggoota dheeraaf eegaa tureera."

"Kaadhimamtoonni walaba ta'an ykn qaama sadaffaarraa ta'an yeroo gara garaatti ka'uuf yaalanillee, caasaa paartii siyaasaa lama yeroo ammaa bakka qabatee jiru keessatti carraa milkaa'uu hin arganne."

Dhimmoota US irratti ekispartii kan ta'e Taariq Shaamii akkuma kana: "Elon Maask mul'achuu jaallata, akkuma kana siyaasaan dhiibbaa uumuu barbaada.

"Beekamtii inni miidiyaa haawaasaarratti qabu qabatamaan [siyaasa keessatti] waan mul;atu itti fakkaachuu danda'a, garuu paartii soiyaasaa haaraa uumuun beekamtii Tiraamp qabu dhaabsisuuf kan kaayyeeffate fakkaata.

Danqaa heera mootummaa

Maaski paartii jalqabuufi buu'uura deeggarsaa akka biyyaatti argachaa dhufullee, danqaan guddaan guddaa paartiin siyaasaas ta'e abbaan qabeenyaan guddaan bira darbuu hin dandeenye tokko jira: Heera Mootummaa Yunaayitid Isteetis.

Heerri mootummaa keewwata II, kutaa 5ffaan, pirezidaantii ta'uu kan danda'u "nama dhalachuun lammummaa Ameerikaa qabu" yoo xiqqaate umuriin isaa waggaa 35 ta'eefi yoo xiqqaate waggaa 14 Ameerikaa keessa jiraate qofa.

Bara 2002 lammummaa Ameerikaa kan argate Maask ulaagaa kana hin guutu.

Jaareed Maartiin jaallatamummaan Maask waa'ee "lammummaa mirga dhalootaa" irratti falmii biyyaalessaa kaasuufi Ameerikaa ta'uun maal jechuu akka ta'e irra deebi'ee qorachuu akka danda'u dubbata, keessumaa carraa kana fayyadamuun carraaqqii Tiraamp lammummaa isaa ugguruu danda'u mormuuf waan danda'uuf.

Haata'u malee, Maartiin Maaskiin kutaa Heera Mootummaa kana fooyyessuuf deeggarsa gahaa walitti qabuu hin danda'u jedhee amana; mirga godaantotaa daangessuu keessatti gahee Tiraamp fudhachuu danda'us.

Imala gara haaromsa seeraa

Heera mootummaa fooyyessuuf karaan lama jira: mana maree Kongireesii lamaan keessatti sagalee harka sadii keessaa lama kennuudhaan itti aansuunis kutaalee biyyattii afurtama keessaa sadii raggaasisuu; ykn kan gonkumaa hojiirra oole hin beekne. Waliigaltee idilee naannolee harka sadii keessaa lama fooyya'iinsa wixineessuu gaafata.

"Heera mootummaa jijjiiruun hojii baayyee ulfaataa fi yeroo kan fudhatudha. Qoqqoodinsa siyaasaa garmalee Ameerikaa keessatti mul'atu yoo ilaalle hojii hin danda'amnedha," jedha Taariq Shaamii.

Itti dabaluudhaan, raggaasisuuf harka sadii keessaa lama Seenetii fi Mana Maree Bakka Bu'oota Uummataa keessatti, achiis mana maree seera baastuu kutaa biyyattii keessaa harka afur keessaa harka sadii raggaasifamuu akka barbaadu dubbata.

"Moormii guddaan paartilee gurguddoo lamaan irraa mul'atuun, ta'uun isaa waan ta'u miti jedheen yaada."

Jaareed Maartiinis falmii marsaa lammaffaa Tiraamp ilaalchisee ka'e eeruun, "hin danda'amu jechuu baradheera, garuu gufuu seeraa kana maqsuuf deeggarsi gahaan waan jiru natti hin fakkaatu" jedhan.

Namoota tokko tokkoof humni Mask inni guddaan beekamtii qabaachuu isaati; hordoftoota miiliyoona 222 X irratti qaba. Hojii kalaqa industiriifi dhiibbaa miidiyaa guddaa qabaachuunis duula biyyoolessaa haaromsa danbiiwwanii jalqabuu danda'a.

Garuu Al-Shaamiin beekkamtiin qofti gahaa akka hin taane akeekkachiisa: "Maaskiin doolaara miliyoona dhibbaan lakkaa'amu yoo baaseellee, heera mootummaa jijjiiruuf ummata ykn namoota siyaasaa gidduutti dhiibbaa barbaachisaa ta'e uumuun rakkisaa ta'a."

Akka seeraatti, Maask hanga keewwatni "kan Ameerikaatti dhalate" jedhu Heera mootummaa keewwata II hojiirra oolutti pirezidaantii ta'uu hin danda'u.

Siyaasaan dhaaba tokko jalqabuun humna marii guddaa isaaf kennuu danda'a, garuu pirezidaantii ta'uuf karaa saaquu hin danda'u.

Tiyooriitiin heerri mootummaa yeroo 27 fooyya'us, keewwatni "lammummaa mirga dhalootaa" ilaallatu yaada abbaa biyyummaa biyyaa fi wal-amantaa wajjin walitti dhufeenya waan qabuuf jijjiiramuun rakkisaa ta'e keessaa isa tokkodha.

''Ameerikaan ammallee eenyummaa biyyoolessaashee ibsuuf rakkachaa jirti,'' jedha Maartiin. Dhimmoonni akka lammummaa fi immigireeshinii qaama qabsoo eenyummaa kanaati.

"Har'a tarii amala sabboonummaa bulchiinsa amma jiruu diduudhaan mul'ata lammummaa walqixxummaa mirgaa fi carraa irratti hundaa'e fiduudhaan, Ameerikaa ta'uun maal jechuu akka ta'e irra deebiin ibsuuf carraa qabna."

Dhaabbilee siyaasaa haaraa i itti fufiinsa qaban uumuun hirmaannaa siyaasaa cimsuu akka danda'u himaniiru. Lammiileen Ameerikaa hedduun amantaa sirna paartii lamaa Dimookiraatawaa-Rippabilikaan waliin wal hin simne qabatu.

"Paartileen hedduun dimokiraasii fayya qabeessaa fi bakka bu'ummaa ummataa fooyya'aa ta'e argamsiisu. Kana booda namoonni siyaasa keessatti hirmaachuuf gatii fi amantaa isaanii aarsaa gochuun isaan hin barbaachisu."

Dhuma irrattis Elon Maask rookkeettii gara Maarsiitti ergee neetworkii saatalaayitii Starlink orbit lafaa keessa galchuu danda'a, garuu saffisi rookkeettii isaa hanga fooyya'iinsi heera mootummaa ragga'utti gara Waayit Haawusitti isa hin geessu.

Mata-dureen "pirezidaantii jalqabaa dhalootaan Ameerikaa hin taane" jedhu dhugaa yeroo ammaa galma ga'uu danda'u caalaa yaada siyaasaati, yoo Maask seera jaarraa 19ffaa irraa eegalee ture akka jijjiiran kutaalee biyyattii 38 amansiisuu danda'e malee.