Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Itoophiyaarra dhorkaa kan kaahe, AGOAn, biyyoota Afrikaa hangam fayyade?
Waliigalteen daldalaa biyyoota Afrikaa fi US gidduutti jijjiirama guddaa fide, AGOA, Kamisaa eegalee guyyoota sadiif Afrikaa Kibbaa magaalaa Johaanisbergitti ijoo dubbii ta'ee tura.
Foramiin AGOA kun komiiwwan sagantaa daldalaa US irratti ka'an dhaggeeffachuun cinaatti turtiin haaromsa waliigaltee kanaa akka dheeratus gaaffiin irratti dhiyaata jedhamee eegama.
African Growth and Opportunity Act (AGOA) bara 2000 tti pireezidantii US yeroo sanii Biil Kilinteniin seera ta'ee kan mallatteeffame yeroo ta'u, kaayyoonsaa hariiroo daldalaa fi investimeentii US fi biyyoota Afrikaa Sahaaraa gadii cimsuu, sadarkaa jireenyaa fooyyessuufi carraa hojii uumuudha.
Agoa'n maali?
Sagantaan kun biyyootni Afrikaa Sahaaraa gadii ulaagaa guutan omishaalee isaanii gibira malee gabaa USf akka dhiyeessan carraa uuma. Kana jechuun ammoo shammataan US jiru omishaalee kana gatii rakasaan bitatee akka fayyadamu gargaara.
Omishaaleen sagantaa kanaan gabaa US galuu danda'an 1,800 ol ta'u. Kunis konkolaattota BMW fi Maarsediis Afrikaa Kibbaatti hojjetamanirraa qabee hanga abaaboo fi jiinsii Keeniyaan oomishituu dabalata.
Biyyootni sagantaa kanarraa fayyadaman ulaagaan guutuu qaban jiru.
Isaanis:
- dhorkaalee daldalaafi Inveestimeentii US irra kaahan kaasuu
- dimookrasii deeggaruu
- mirgoota namoomaa idila addunyaa kabajuu
- gochoota nageenya biyyaalessaa ykn fedha imaammata alaa US miidhan irraa qusatamuudha
Biyyoota Afrikaa 54 keessaa ammaan tana biyyootni 35 sagantaa kanatti fayyadamuun daldalaa jiru. Sagantaan kun bara 2015 hayyamnisaa haaromeera. Waggaa 10 booda bara 2025'ttis irra deebin haaromuun itti jiraata.
Sagantan kun US'tti waggaa 10, 10n haaromsamuu haa qabatu malee biyyootni sagantaa kanarraa fayyadaman wagga waggaan haallisaanii ilaalamee hayyamnisaanii haaromaaf.
Eenyutu caalaatti buufate?
Afrikaan Kibbaa sagantaa kana jalatti bara 2021 biyya waa hedduu US'tti gurguratte ta'uun adda dureedha.
Biyyattiin harka caalu gurgurtaa konkolaataa, meeshaalee faayaafi sibiilaarraa doolaara biiliyoona 2.7 argatteetti.
Irra guddaan boba'aa kan gurgurtu Naayijeeriyaan ammoo itti aantee sadarkaa lammataarra jirti. Waggaatti doolaara biiliyoona 1.4 argatteetti.
Akka ragaan Komishinii Daldalaa Idila Addunyaa US fi Dippaartimeentiin Koomersii biyyattii agarsiisutti bu'aa sagantaa kanarraa argattuun Keeniyaan sadarkaa sadaffaarra jirti. Waggaatti doolaara miiliyoona 523 argatteetti.
Biyyootni akka Eswaatinii, Itoophiyaa, Leseettoo, Malaawii fi Moriishiyees sagantaa kana jalatti warreen hanga omishaa US'tti ergan akkaan dabalan keessaayi.
Sababa carraa daldalaa kanaan hojii biyyoota kunneen keessatti uumamee ifatti beekuun rakkisuus carraan hojii kumoota dhibbaan lakkaawamu uumamuun ifa. US keessatti sababa sagantaa kanaa carraan hojii 120,000 ta'u uumameera.
Amma dura omishni US' tti ergamu inni guddaan boba'aa ture, amma inni xiqqachaa warri kaan dabalaa jiru.
Biyyootni Afrika hiree kana qaban murasni carricha akka gaariitti itti fayyadamaa jiru.
Haata'u malee, danqaaleen akka walitti hidhamiinsa geejibaa, dhiyeessii aannisaa, gidduugala omisha addaa fi sadarkaa qulqullina gabaa US guuttachuu dhabuun ni mul'atu.
Maaltu falmisiisaadha?
Sababa sarbama mirga namoomaan biyyoota carraa gabaa kana keessaa baasuun qaamolee rakkinicha keessaa qaban, mootummaa, miidhuurra uummata isa dhama'ee jiraatu miidha jedhu gariin.
Fakkeenyaf, Itoophiyaan fayidaa carraa gabaa AGOA kanarraa argachaa turte sababa waraana gaaga'aa Kaaba biyyattiitti mudateen, bara 2022 dhabdeetti. Sababni ijoon bulchiinsi Joo Baayidan tarkaanfii kana fudhateef ammoo sarbama mirga namoomaa idil-addunyaa olaa'' waraana Tigraay keessatti raawwatameedha.
Itoophiyaan erga bara 2000 sagantaa kana jalatti US'tti daldalachaa turte. Sababa kanaatti namoota 200,000 irrajireessaan dargaggeeyyii ta'aniif hojiin uumameera. Huccuufi Leezarii oomishtee gurgurtuunis milkoofte.
Al ergiin Itoophiyaa gara US bara 2000 doolaara miiliyoona 28 argamsiisaa ture. bara 2021 doolaara miiliyoona 300 argamsiiseera. Kana keessa gumaachi sagantaa kanaa olaanaadha.
Waggaa tokko dura Itoophiyaan ulaagaa cabsuun fayidaa carraa kanaa dhabuu hordofee hojjettootni 100,000 ta'an hojii dhabaniiru jedhan abukaatoon daldalaa Itoophiyaa duraanii Obbo Maammoo Mihiratuu. Isaan kana keessaa harki caalaan dubartoota omisha huccuu keessa hojjetan kan Kibba biyyattii jiraniifi waraanichaan wal hin qabannee akka ta'an dubbatanii ture.
Mootummaan Itoophiyaa dhorkaan kun ''bu'aa gama dinagdeen arganne boodatti deebisa, daa'immaniifi haadholii haala haqa hin taaneen miidha'' jedhee mormeera.
Warri kaan ammoo ulaagaan kun qabinsa mirga namoomaa aardii Afrikaa fooyyessuuf gahee baha, US'f aboo ittiin Afrikaa keessaa walitti bu'iinsa hanqistu kennaaf jechuun deeggaru.
Fakkeenyaaf torbanuma kana Pireezidant Baayidan, Ugaandaa, sababa mirga namoota hariiroo jaalalaa saala walfakkaataa leellisanii sarbiteef saganticharraa ugguruu beeksisaniiru. Nijeeriifi Gaabon ammoo sababa fonqolcha mootummaa keessummeessaniin ugguraman. Rippaablikni Gudduugalessaa Afrikaas hariiroo garee hidhattootaa Raashiya, Waagneer, waliin qabduuf uggaramuu Baayidan ibsaniiru.
Faallaa kanaan Moritaaniyan qabinsa mirgaarratti fooyya'insa agarsiisuusheef sagantaa kanatti deebiteetti.
Komii biraan ka'u biyyootni Afrikaas danqaa daldalaa omishaalee US irraa galan irra kaahan kasuu qabu kan jedhuudha.