Yukireen guyyaa Raashiyaan haleellaa raawwattu addabaafachuu himte

Madda suuraa, Getty Images
Raashiyaan haleellaa haaraa cimaaf qophaa’aa jirti kan jedhan ministeerri ittisaa Yukireen, haleellaan kun Guraandhala 24 irraa eegaluu danda’a jechuun akeekkachiisaniiru.
Raashiyaan loltoota kumaataman lakkaa’aman walitti qabbattee jirti kan jedhan Oleksii Reznikoov, waggaa jalqabaa weerara jalqabaa bara darbee yaadachiisuuf “waa yaaluu” dandeessi jedhan.
Dabalataanis haleellaan kun kabaja Guyyaa Defender of the Fatherland (Biyya Abbaa Tiksuu) Raashiyaa, Guraandhala 23, kan humna waraanaa biyyatti leellisuuf qophaa’eerra oola.
Haleellaa gaggeessuu maltuuf Raashiyaan loltoota 500,000 ta’an bobbaastee akka jirtu Reznikoov dubbataniiru.
Fulbaana darbe keessa, Pirezidantiin Raashiyaa, Vilaadmiir Putiin, loltoota 300,000 ta’an bobbaasuu isaanii ibsuun, kun ‘kabaja daangaa’ biyyatti eeguuf barbaachisaadha jedhan.
Reznikoov garuu lakkoofsi loltoota Raashiyaa gara Yuukireenitti bobbaafamanii kanarra hedduu kan caalu ta’uu akka malu himaniiru.
“Loltoota 300,000 jedhani ibsaniiru, ta’us garuu yeroo nuti daangaa irratti loltoota kana ilaallu, akka tilmaama keenyatti kanarra hedduu caalaa,” jechuun Resnikoov miidiyaa Firaans BFM jedhamutti himan.
Lakkoofsa jedhame kana BBC’n addatti mirkaneessuu hin dandeenye.
Bulchiinsa Donbaas keessatti lolli cimaa kan ture ta’us, erga Yuukireen magaalaa kibba biyyattii jirtu Kersoon jedhamtu deebitee to’attee booda, ji’oottan dhiyoo keessatti waraanni kun sochii hedduu kan hin qabne fakkaata.
Raashiyaan dhiyeenya magaalaa Soledaar to’achuu isheen ala, gama lamaaniinuu sochiin naannoo ykn daangaa to’achuu guddaa jedhamu hin turre.
Ta’us garuu haleellaa Raashiyaan fi haleellaan ittisaa Yukireen, Guraandhala keessa gaggeeffamuu akka malu ni tilmaamama.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Dhaabbati Qorannoo Waraanaa (ISW) jedhamu fi US’tti argamu akka jedhutti, Raashiyaan “tarkanfii murtee ijoo fudhachuu” fi gama bahaan “haleellaa cimaa” gaggeessuu dandeessi.
Ministeerri Ittissaa Reznikoov akka jedhanitti, haleellaa Raashiyaan gaggeessuu dandeessi jedhamu dura, kommaandaroonni Yuukireen “dirree waraanaa qixeessuun, haleellaa ittisaa kennuuf qophaa’uu” malu.
“Barri 2023 waggaa injifannoo waraanaa ta’uu danda’a jedhee nan amana,” kan jedhan Resnikoov, humnooti Yukireen ji’oottan dhiyoo keessatti “hamilee argatan dhabuu hin qabani,” jedhan.
Haasaan Resnikoov kun kan dhagahame, basaasni Yuukireen, Pirezidant Putiin humnootiin isaanii ji’a Caamsaa dura bulchiinsa Donbaas akka to’ataniif ajaja kennaniiru yeroo jedhametti.
Ta’us haasaa Wiixata taasisaniin, hogganaan Nato, Jeens Sitoltenbarg akka jedhanitti, Putiin naannolee ba’aa Yuukireen to’achuuf galma waraanaa isaanii waan daangesse hin fakkaatu jechuun akeekkachiisaniiru.
“Raashiyaan si’aayiinaan meeshaalee waraanaa haaraa fi rasaasa dabalataa bitachaa, oomishaa isaaniis dabalaa, akkasumas ammo biyyootii akka Iraan fi Kooriyaa Kibbaa irraa meeshaalee waraanaa dabalataa bitaa jirti,” jedhan Sitoltenbarg.
“Waan hunda caalaa ammo Pirezidant Vilaadmiir Puutin galma ykn karoora walii galaa weerara kanaa waan geeddaran hin fakkaatu.
''Galmi isaanii kunis ollaa isaanii Yukireeniin to’achuudha. Kun akka kanatti kan deemu hanga ta’etti, qophii yeroo dheeraa gochuutu nu barbaachisa.”












