Yaa’iin UN Raashiyaan naannolee Yukireen humnaan ofitti makachuu yaaluu balaaleffate

Madda suuraa, EPA
Yaa’iin Waliigalaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii (UN General Assembly) Raashiyaan naannolee Yukireen afur ofitti makkachuuf yaaluu ishee sagalee guddaadhaan balaaleffate.
Yaa’iin UN kun sagalee biyyoota 143 kan deeggarame yoo ta’u, Chaayinaafi Idiyaa dabalatee biyyoonni 35 ammoo mormuunis deeggaruunis sagalee kennuurra of qusatan.
Raashiyaa dabalatee biyyoonni afur ammoo murtii kana mormuun sagalee kennaniiru.
Murtee kana mormuun Raashiyaa waliin kan dhaabbatan Beelaaruus, Kooriyaa Kaabaa, Siiriyaa fi Nikaraaguwaadha.
Erga Raashiyaan Yukireen weerartee as hanga kana sagalee mormii guddaa ishee mudachuun kun isa jalqabaati.
Torban darbe sirna baayyee ho’aa ta’een Pirezidant Vilaadmiir Puutin kutaawwan bulchiinsaa Yukireen Luhaanisk, Doonesk, Zaapparaazyiyaafi Keerson akka qama Raashiyaa ta’anitti mallatteessuun isa ani yaadatama.
Puutin kutaaleen bulchiinsaa kana akka qama Raashiyaa ta’etti kan labse murtee ummataa Yukireeniifi biyyoonni Lixaa fudhatama dhabsiisan gaggeeffameen boodadha.
Erga kutaaleen bulchiinsaa kun Raashiyaatiin ofitti fudhatamanii booda haleellaan yoo isaan irratti raawwatame akka bulchiinsa Raashiyaa irratti raawwatameetti waan lakkaa’amuuf hiika siyaasaafi waraanaa bal’aa qaba jedhu xiinxaltoonni.
Murteen Yaa’ii UN kanaan dhiyaate ammoo kutaaleen bulchiinsaa kunneen hawaasa idil-addunyaa biratti akka qama Raashiyaa ta’aniitti beekamtii akka hin kennineef kan taasisudha.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Pirezidantiin Yukireen Volodmiir Zeleniskiin murtee Yaa’ii UN kana dinqisiifatanii biyyoota deeggaruun sagalee kennaniif galata dhiyeessaniiru.
“Yukireen lafa ishee taakkuun tokko osoo hin hafiin ni deebifatti,” jechuunis fuula Tiwiitara isaaniirratti barreessaniiru Pirezidant Zeleniskiin.
Pirezidantiin US Joo Baayidan gama isaaniitiin, murtee Yaa’iin UN kun dabarse Mooskootiif ergaa ifa ta’e dabarsa jedhan.
“Murtee Raashiyaan akkasumaan lafaa kaatee bulchiinsawwan wallaba ta’an maappii addunyaa irraa haquu akka hin dandeenye agarsiisedha,” jedhan Joo Baayida.
UNtti Ambaasaaddarri UK Barbaaraa Wudwaard, “Raashiyaan dirree waraanaa irrattis, Yaa’ii UN irrattis mo’amteetti,” jedhan.
“Raashiyaan yeroo kamirrayyu caalaa hawaasa idil-addunyaa irraa adda bahaa jirti. Haata’u malee, Raashiyaan waraanicha dhaabuu kan barbaaddu yoo ta’e yeroon isaa ammadha jedhan Ambaasaaddar Barbaraan.
Yaa’iin Waliigalaa UN kun Raashiyaan naannolee Yukireen afran ofitti makachuu hordofee murtee Manni Maree Nageenyaa UN dabarsuuf ture mirga ishee sagalee sagaleetiin kuffiisuu qabdu fayyadamuun erga kufaa taasisteen booda kan waamamedha.
Raashiyaan Mana Maree Nageenyaa UN keessatti mirga sagaleetiin sagalee kuffiisuu qabdu akka irraa fudhatamuuf gaaffiiwwan ka’aa jiru.
Raashiyaatti dabalataan Firaans, Chaayinaa, Ameerikaafi UK biyyoota mirga addaa kana Mana Maree Nageenyaa UN keessatti qabanidha.












