Waraana kaaba Itoophiyaa guyyoota 5 lakkoofsiseen wantota gurguddoo mudatan 5

Maxxanfame

Waraanni kaaba Itoophiyaatti waggoota lamaaf ture gidduutti erga tasgabbaa'een booda torban darbe keessa akka haaraatti deebiyee ka'eera.

Waraanni kun Roobii Hagayya 24, 2022 barii irra deebiin ka'uudhaan biyyattii kessatti yaaddoo nageenyaa guddaa uumeera.

Waraanni kun guyyoota shanan darban keessa deebiyee erga jalqabameen booda wantota mudatan gurguddoo shanan ilaalaa.

1. Hagayya 25 waraanni akka haaraatti jalqabe

Muddama ji'ootaaf tureen booda wal waraansi kaaba Itoophiyaa ji'a sadaffaatiif akka irra deebiin jalqabe kan dhaga'ame humnoonni Tigraay qindoomina humnoota federaalaafi naannoleetiin haleellaan narratti banameera erga jedhaniin boodadha.

"Komaand Postiin waraanaa Tigraay" ibsa baaseen, Roobii Hagayya 24, 20220 barii keessa saatii 11:00 irratti mootummaan Federaalaa humnoota Amaaraa waliin ta'uudhaan haleellaa bal'aa narratti baneera jedhee ture.

Ibsa humnoota Tigraay hordofee mootummaan federaalaa ibsa baaseen, waraana kana kan jalqabe TPLF jechuun humnoota Tigraay itti gaafatamoodha jedheera.

Humnoonni laman waraanatti deebiyanii galuun isaanii hordofees walitti bu'insa deebiyanii jalqaban kanarraa akka of qusatan Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii, Gamtaan Afrikaa, Gamtaan Awurooppaa, Ameerikaa, Yunaaytid Kingidam fi dhaabbileen biroon waamicha dhiyeessaniiru.

2. Hanna boba'aa

Erga waraanni kaaba Itoophiyaa kun irra deebiin jalqabamee wantota qalbii hawwatanii turan keessaa tokko humnoonni Tigraay mooraa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Maqaleetti argamu keessaa boba'aa hatan jedhamuu isaati.

Dhaabbanni Sagantaa Nyaata Addunyaa guyyaadhuma waraanni itti jalqaberra humnoonni Tigraay boba'aa liitira walakkaa miliyoonaa ol ta'u saamuu isaanii ibsee ture.

Daarektarri Olaanaa Sagfantaa Nyaata Addunyaa Daaviid Biizilii boba'aan kun humnaan fudhatamuun isaa "rifaasisaafi kan nama qaanessudha" jechuun boba'aan hatame jedhan kun atattamaan haa deebiyu jechuun gaafatee ture.

Mootummaan Federaalaa gama isaatiin ibsa Kamisa Hagayya 25, 2022 baaseen, "Saamichi kun yakka waraanaati" erga jedheen booda, humnoonni Tigraay boba'aa kana fudhachuun kan isaan barbaachiseef haleellaa Qobboofi naannawaa sanatti banan hojiirra ittiin oolfachuuf jedheera.

"Waliigaltee tureen Sagantaa Nyaata Addunyaatiif kan liqeessine boba'aa liitira kuma 600 akka deebiyu gaafanne," jedhan.

Boba'aa hatameera jedhame kana ilaalchisuun TPLF ibsa baaseen, ''boba'aan ji'oota dura Sagantaa Nyaata Addunyaatiif liqeessee turen deebisee fudhadhe malee samciha hin raawwanne,'' jedheera.

Humnoonni Tigraay ibsa isaanii kanaan, Daarektara Olaanaa, Daaviis Biizliifi Sagantaa Nyaataa Addunyaa cimsanii balaaleffataniiru.

3. Xiyyaarri rukutamee kufuu

Xiyyaarri waraanaa meeshaa waraanaa humnoota Tigraayiif geessuuf ture jedhame rukutamee kufeera jedhamuun isaa dhimma dubbii ijoo ta'ee turedha.

Humni Ittisaa Biyyaa xiyyaari waraanaa Raashiyaatti hojjetame Antoonoov 26 jedhamu A L I Hagayya 17, 2014 halkan saatii afur irratti karaa Sudaan daangaa qilleensa Itoophiyaa cabsee galuuf osoo jedhuu rukkutamee kufuu ibseera.

Xiyyaarri kun rukkutamee kufuu isaa ilaalchisee Sudaaniifi humnoonni Tigraay sobadha jedhaniiru.

Xiyyaarri kun TPLFf meeshaa waraanaa dhiyeessuuf akka ta'e qondaalli waraanaa olaanaa Meejar Janaraal Tasfaayee Ayyaaloo ibseera.

Jeneraal Tasfaayeen, xiyyaarichi "halkan saatii afur" irratti humna qilleensaa biyyattiitiin rukkutamee kufuu isaa erga ibseen booda ajajaan humna qilleensaa Meejara Janaraal Yilmaa Mardaasaa ammoo haala ture sana miidiyaalee biyya keessaarratti dhiyaachuun ibsa kenneera.

4. Haleellaa qilleensaa Maqaleetti

Mootummaan federaalaa haleellaa qilleensa irraa Maqaleetti gaggeessen ijoollee dabalatee namoonni nagaan ajeeffaman kan jedhu taatee guddaadha.

Haleellaa raawwatame kanaan yoo xiqqaate namoonni 7 yoo du’an isaan keessaa 3 daa’ima akka ta’an AFP fi Rooyitarsi ogeeyyii fayyaa wabeeffachuun gabaasan.

Daayirektara olaantuu UNICEF kan taate Kaatiriin Raasil haleellichaan “ijoollee heddu” dabalate namoonni nagaan ajjeeffaman jechuun mootummaa federaalaa komatte.

Humnoonni Tigraay mootummaan federaalaa haleellaa namoota nagaa irratti xiyyeeffate gaggeesse jedhanii yoo himatan, mootummaan ammoo bakka buufata waraanaa akka haleele dubbate.

Ministeera Kominikeeshinii Mootumma Federaalaa kan ta’an Dr. Laggasaa Tulluu haleellichi soba fi diraamaa uumame akka ta’ee fi humnoonni Tigraay nama miidhame fakkeessun “korojoo reenfaa lafatti gatanii agarsiisaa turan” jechuun Rooyitarsitti himan.

5. Qobboon harka humnoota Tigraay galuu

 

Waraanni irra deebin eegalee, Kaaba Walloo keessatti kan argamtu magaalan Qobboo harka humnoota Tigraay galuun ishee kan dhagahame Hagayya 27 gara galgalaa ture.

Oduun kan dhagahame mootummaan federaalaa humnoonni Tigraay magaalattii keessatti lola magaalaa banuuf qopha’aa akka jiranii fi kallattii hedduun lola akka banan beeksisuun magaalattii gadi dhiisee deemuu erga beeksiseen booda.

Humnoonni Tigraay Qobboo to’achuu hordofee namoonni heddu magaalattii gadi dhiisanii baqataniiru jedhame.

Yeroo ammaa naannawa Qobbootti humnoota Tigraay fi humnoota mootummaa gidduutti lolli cimaan gaggeeffamaa akka jiru jiraattonni naannichaa BBCtti himaniiru.