Israa'el haleellaa boombii Gaazaarratti raawwattuuf deeggarsa idil-addunyaa dhabdeetti- Baayidan

Maxxanfame

Israa'el "haleellaa boombii osoo adda hin baasiin" Gaazaarratti raawwattuun deeggarsa idil-addunyaa dhabaa jiraachuu Pirezidantiin US Joo Baayidan himan.

Qophii gargarsa walitti-qabuu Kibxata qophaa'erratti dubbii dubbataniin hoogantoota Israa'el cimsanii qeqaniiru Joo Baayidan.

Erga Hamaas Onkoloolessa 7 haleellaa gaggeessee kaasee Pirezidant Baayidan deeggarsi Israa'eliif qaban kan hin raafamne ta'uu himaa turan.

Israa'el deeggarsa Ameerikaan taasifturraa amantaa qabaachuushee irra deddeebiin himanillee, mootummaa biyyattiif garuu akeekkachiisa kallattii kennaniiru.

Duula irra deebiin filatamuu 2024 Waashingitan keessatti gaggeessaa jiraniin dhaabbileen tola-ooltotaatti akka dubbatanitti, " Nageenyi Israa'el US irratti hundaa'uu danda'a, amma garuu Yunaayitid Isteetiin olidha. Amma Gamtaa Awurooppaa irraa qabdi, Awurooppaa qabdi, addunyaa gara caalurraa qabdi."

"Haata'u malee haleella aboombii osoo adda hin baasiin gaggeessituu deeggarsa kana dhabuu jalqabdeetti," jedhan.

Pirezidant Baayidan itti dabaluun, "Hamaasiin dhabamsiisuurratti gaaffiin hin jiru" waan ta'eef Israa'el ammoo kana gochuudhaaf "mirga guutuu qabdi" jedhan.

Paartii isaa Paartii Dimokiraatotaa keessaa dabalatee duula waraanaa Israa'el gaggeessitu akka to'ataniif dhiibbaan isaan mudachaa bulchaan US kana mudachaa jira.

dubbiin Baayidan taasisan, kan bulchiisni isaanii dhiyeenya kana ejjennoo waraan Israa'el gaggeessitu ilaalchisee fudhataan kan deemudha. Aanga'oonni Ameerikaa Israa'el "lubbuu namaaf of eeggannoo guddaa" akka taasistuufi namoonni walitti bu'insi bakka jiru akka bahan akka hayyamtu qajeelfama ifa ta'e akka kennitu gaafataniiru.

Akkasumas aanga'oonni olaanoo US deebii waraanaa Israa'el kennaa jirturratti dallansuu qaban agarsiisaniiru.

Ministeerri fayyaa Gaazaatti argamu Hamaasiin durfamu akka jedhetti, erga Hamaas Onkoloolessa 7 karra Israa'el eegumsa guddaa qabu cabsee seenuun namoota 1,200 ajjeesee kaasee haleellaa boombii Israa'el gaggeessituun namoonni 18,400 ajjeefamaniiru.

Ministirri Muummee Benjamaiin Neetinyaahuu ibsa Kibxata darbe kennaniin, Israa'el waraana lafoo Hamaasiin dhabamsiisuufi namoota butaman gadhiisisuuf taasiftuuf US irraa "deeggarsa guutuu" argatteetti jedhan.

Washingitan "Waraanichi akka dhaabbatuuf dhiibbaa addunyaarraa dhufu" cufteetti jedhan Netaniyaahuun itti dabaluun.

"Eyyeen, 'Hamaas booda' m[maaltu ta'a] kan jedhurratti waliigalteen hin jiru. Garuu kanarrattis waliigalteerra n geenya jedheen abdadha," jedhan.

Joo Baayidan yaada Kibxata kennaniin lamaan isaanii gidduu waliigaltee dhabuu kana akeeku kaasuun, MM Netaniyahuun mootummaa isaaniifi ejjennoo isaanii fala biyya lamanii [two-state solution] jedhutti "jijjiiruu" qabu ture jedhan. Aanga'oonni US olaanoon ammoo waraanaan booda kun fala filatamuu qabudha jechuun ni deeggaru.

Yaadni furmaataa dhiyaate kun walitti bu'insa waggoota kudhanii ol ture dhaabsisuuf hawaasa idil-addunyaa biratti fudhatama kan qabu yoo ta'u, Gaazaatti mootummaa Filisxeem walaba taate akka jiraatuuf, Israa'e cinaatti ammoo Weest Baank akka jiraatu kan dandeesisudha.

"Mootummaan ammaa kun seenaa Israa'el keessatti isa baayyee leellisuun beekamudha," jedhan Baayidan. "Sababa kanaaaf, mootummaan Israa'el keessa jiruuf kun rakkisaa isatti taaisa. Furmaata biyya lamaa hin fudhatan."

Yaadni Baayidan waraanaan booda kallattiin akkamii fudhatamuu akka qaburratti waliigalteen akka hin jiraanne agarsiisa. MM Netinyaahuun yeroo ammaa kana gar-tokkeen Israa'eliin qabamee kan jiru Weest Baank bulchaa kan jiru bulchiinsa Filisxeem Gaazaa akka to'atuuf waamicha Ameerikana gochaa jiru akka morman dubbataniiru.

Kan Baayidan dubbatan ifa ta'ee osoo jiruu, aanga'oonni olaanoo Ameerikaa duula waraanaa Israa'el ilaalchisuun mufii qaban ibsaa jiru.

Ministirri Dhimma Alaa US Antoonii Bilinkan guyyoota dura akka dubbatanitti, aanga'oonni Israa'el namoota nagaa Gaazaa keessa jiran oolchuuf waadaa galaniifi wanti dhugaan lafarra jiru "qaawwi" jira jedhan.