Yuukireen keessatti lubbuun miiliyoonootaa balaarratti argamti- WHO

Madda suuraa, Getty Images
Yuukireen biyya ibsaan keessaa adda citeetti wayita amma cabbiin bu'aa jiru kanatti miiliyoonoonni balaa keessa akka jiran Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa (WHO)n hime.
Wallakkaan bu'uuraalee anniisaa Yukireen barbadaa'ee ykn manca'eera. Kanaanis lammiilee biyyattii miliyoona 10 ta'an ammaatti ibsaa malee jiruu jedhan Dr Hans Henerii P Kluge, WHO'tti daarektara naannoo Awurooppaa kan ta'an.
Haalli qilleensaa ammoo naannoo tokko tokkootti hanga -20C (-4F) gadi akka bu'u raagameera.
Erga weerarri Raashiyaa eegalamee kaasee bu'uuraalee fayyaa irratti haleellaawwan 703 raawwatamuu Dhaabbatichi gabaasuu hime.
Torban darbe ammoo Raashiyaan haleellaa isa cimaa ta'e raawwatteen dhaabbilee anniisaa dabalataa fi gamoowwan siviloonni keessa jiraatan haleelleete turte.
Kunis jiraattoonni tibba qorraa kanatti akka balaaf saaxilaman taasisaa jiraachutu himame.
Sirni fayyaa Yukireen ''waraana keessaatti hanga yoonaatti guyyaa dukkanaa keessa darbaa jira'' kan jedhan daarektarichi, furmaanni waaraanaa waraanicha dhaabudha jedhan.
Sababii waraanaatiin hospitaaloonniifi dhaabbilee fayyaa dhibbaan lakkaa'aman ''humna guutuun tajaajilaa hin jira, ykn fedhiiwwan bu'uuraa guutuuf boba'aa, bishaanii fi ibsaa hin qaban,'' jedhan.
Kutaan dahumsaa fakkeenyaa bakka daa'imnii guyyaa dahumsaan dura dhalatan keessa turan, firiijii dhiigniifi qorichi keessa kaa'amu fi kaa'anitu barbaachisa,'' jedhan.
Ho'aa fi bakka nagaa barbaacha jecha namoonni gara miiliyoona sadii ta'an baqachuu WHOn hime.

Dr Klugeen dhukkubsattoota HIV Donetsk keessatti argama 17,000 kan dhiheenyatti qoricha farra vaayirasichaa akka jiraataniif isaan gargaaru dhabuu malu jechuun ''baayyee yaadda'uu'' himan.
Irra caalaan Doneski to'annoo Raashiyaa jala kan jiruu yoo ta'u, Dr Klugeen eddoowwan haaraa to'annoo jala oolfaman keessatti karaan deeggarsi namoomaa fayyaa ittiin galu hatattamaan akka umamuuf gaafataniiru.
Akkasumas namoonni Covid'n qabamaa jiran dabalaa dhufuusaatti yaaddoo biraatu jira.
''Lammiileen Yukireen miiliyonootaan lakkaa'aman talaallii Covid hin argannee jedhu oggeessi kun.
Akeekkachisi kun wayita ammaan tana haalli qilleensa Yukireen baayyee qabbanaa'aa dhufe kanatti kan dhufeedha.
Magaalaa guddoo biyyattii Kiyeev keessa ammoo daandiiwwan miilaa, dirreewwan taphaa fi eddoon konkolaataa dhaaban fa'i cabbiin haguugamaa jiru. Kanaan wal qabatee namoonni daandii irratti mul'atan baayyee muraasa qofaadha.












