Dubartoonni ulfaa UKtti godaanan daa'imman isaaniif 'abbaa sobaa' maallaqa guddaan bitu

Maxxanfame

Dubartoonni ulfaa gara UK godaanan hedduun daa'ima garaa jiruuf abbaa lammii UK ta'e maallaqa guddaan bituun Viizaa argachuuf yaalaa jiraachuu qorannoon BBC mul'ise.

Gochaan kun godaantota koolu-galtummaa gaafatan meeqaan akka raawwatame hanga yoonaa beekamuu baatus, dubartoonni hedduun mala kana fayyadamuun viizaa UK keessa isaan tursiisuu danda'u argachuun barameera.

Dubartoonni garaatti baatan hedduun haala kanaan abbaa sobaa daa'imman isaaniif argachuuf jecha, giddu-galeessaan nama tokkoof hanga paawondii kuma 10 baasaa jiraachuu BBCn mirkaneeffateera.

Gabaa abbootii sobaa

Godaantonni kuma dhibbaan lakkaa'aman waggaa waggaan UKtti koolu-galtummaa gaafatu.

Garuu kanneen gaaffiinsaanii fudhatama dhabee, dhimmisaanii karaatti hafetu heddummaatu.

Gariinsaanii garaatti baatu, inumaa carraa kanaaf jedhanii ulfaa'u.

Sababni isaa ulfa ta'uunsaanii carraa viizaa argachuu banaaf waan ta'eef.

Dubartiin baqattummaan UK seente tokko garaatti kan baattu yoo taatee fi kan ulfooftes lammii UK irraa yoo ta'e visa argachuushee mirkaneeffatte jechuudha.

Akka seera UKtti abbaan yookiin haati lammii biyyattii yoo ta'an, daa'imni isaanii haal-duree tokko malee lammummaa argata.

Sababa kanaan haatis visa maatii gaafachuun yeroo turtii UK keessatti dheereffachuu dandeessi.

Adeemsa keessa gaaffii eeyyama jireenyaa fi lammummaa argachuu dhiyeessuu dandeessi.

Kanarraa ka'eeti, gabaan abbootii sobaa maallaqaan bitachuu kan ho'e jedha qorannoon BBC.

Gabaan abbootii sobaa kun dhugaadhaa? kan jedhu adda baasuuf, BBCn gaazexeessituu isaa dubartii ulfaa karaa seeraan alaa UK seente fakkeessuun bobbaaseera.

Gaazexeessituun kun lammiin UK akka daa'imasheef 'abbaa sobaa' ta'uuf, akka waan faddaaltota barbaadduutti akka hojjettu dirqamni kennameef.

Faddaaltonni gidduu deemuun haala kana mijeessan karaa Facebook kan argamaniidha.

Faddaaltota akkanaa keessaa tokko 'Taay' jedhee of waama.

Haala kanaan gaazexeessituun garee qorannoo BBC keessaa tokko taate kun, akka waan seeraan ala UK keessa jiraattuu fi ulfa taatetti of fakkeessuun, abbaa manaa sobaa akka barbaaddu Taayitti himte.

Gaazexeessituun BBC, akka waan ulfa taatetti dhihaattee fi namichi abbaa sobaa ta'uuf fedha qabaate, karaa faddaalaa Taay jedhamuun kaaffee tokkotti walargan.

Faddaalaan kun dubartiin kun homaa akka hin sodaannee fi hin yaaddofne, adeemsi waan kanaa akkaan salphaa akka ta'e itti hime.

Daa'ima isheef namni paaspoortii UK qabu, abbaa ta'uuf fedha kan qabu arguu fi kanaafis paawondii kuma 8 akka kaffaltu amansiise.

''Shakkiin tokkollee akka hin uummamneef jecha dhimma kana of eeggannaa guddaadhaan hojjenna,'' jedheen.

Namni faddaalaan kun dubartii kanaan (garee qorannoo gaazexeessitoota BBC keessaa tokko kan taate) walitti fide, nama 'Andiruu' jedhamu paaspoortii UK nama qabuudha.

Andiruun kana mirkaneessuuf paaspoortii isaa UK itti agarsiise.

Qondaalonni dhimma visa mirkaneessan akka irratti hin barreef jedhanii, akka abbaa manaa fi haadha manaatti fakkeessanii suuraa waliin ka'an.

Gaazexeessituun BBC taatummaan waan kana hojjette kun faddaalaa Taay jedhamuuf maallaqa homaa hin kaffalle.

Taay akkasumas Andiruun wayita hojii kana raawwatan hunda kaameeraa iccitiin waraabamaa turan.

Boodarra BBCn maaliif badii akkasii akka raawwatan gaafateera.

Taay gocha kana raawwachuu haale, Andiruun ammoo BBC'f yaada kennuurraa of qusate.

Dubartiin biraa gabaa abbaa sobaa kana keessatti muuxannoo qabdu kan 'Ti Kiim' jechuun of waamtu, mala kanaan dubartoota ulfaa kumaatamaan lakkaa'amaniif abbaa manaa arguun visa akka argatan hojjachuu dubbatteetti.

Dubartiin kun hojii faddaalummaa kana keessatti, nama paaspoortii UK qabuu fi abbaa sobaa ta'uuf fedha qabuuf paawondii kuma 10 akka kaffaltuu fi ofiif ammoo hanga paawondii 300 akka gidduudhaa argattu himte.

''Kun hojiin umrii kiyya guutuu hojetaa ba'e. Homaa waan na yaachisu miti. Paaspoortii UK argattu sin taasisa,'' jechuun gaazexeessituu BBCtti himte.

Dhimmoota immigireeshinii UKtti abukaatoo kan ta'an Anaa Goonzaalez, ''kun hojii xiyyeeffannaan hojjetamuudha. Akkaataa poolisiin beekuu hin dandeenyeen mala ittiin visa namaaf argamsiisanidha,'' jedhan.

Gama kaaniin ammoo dubartoonni viizaa argachuuf fageenya isaan deeman kan mul'isuudha jedhan.

Daa'ima abbaa yookiin haadha lammii UK irraa dhalate battaluma lammummaa biyya sanaa argata, haati yoo lammii biyya biraa taate viizaa gaafachuuf kun carraadha, haalli kun ammoo lammummaa biyyattii akka gaafattuuf daandii saaqaaf.

Bara darbe qofa haala kanaan maatiidhaaf viizaan 4860 ta'u kennameera.

UK keessatti viizaa argachuuf jecha odeeffannoo sobaa kennuun seeraan nama adabsiisa.

Ministeerri dhimma biyya keessaa UK gabaasa BBC kana hordofee akka ibsetti, adeemsa kana qolachuuf waraqaa ragaa dhalootaa daa'immanii gaafachuu qofa osoo hin taane, namni abbaa daa'imaa ta'uu himatu ragaa dabalataa akka dhiheessu akka gaafatu eereera.

Taateen kun kan waggaa tokkoo yookiin kan yeroo tokkoo qofa osoo hin taane, kan waggaa waggaan deddeebi'ee mudatuudha jedhan abukaatoon immigireeshinii UK Haarjaap Banagaal.

Dhaloonni biyyoota akka Indiyaa, Paakistaan, Baangilaadash, Naayijeeriyaa fi Siriinlaankaa paaspoortii UK qaban baayyinaan gabaa abbootii soba akana keessatti hirmaachuu himan abukaatoon kun.

BBCn akka mirkaneeffatetti ammoo fuula Facebook kan namoota lammiilee Veetnaam ta'aniin hoogganamu irratti, dubartii ulfaaf abbaa manaa sobaa ni dhiheessina jechuun ifatti beeksisi hojjatama.

Faddaalota qofa osoo hin taane, dubartoonni ulfaa abbaa manaa sobaa fedhan fuula Facebook kanarratti ifatti of beeksisu.

Iyyannoowwan dubartoonni ulfaa dhiheessan kan BBCn argate keessaa tokko akkas jedha.

''Ulfa ji'a afuriiti. Abbaa sobaa paaspoortii UK qabun barbaada. Umriinsaa waggaa 25- 45 gidduu yoo ta'e ni filatama.''

Seerri UK kaardii dhalootaa baasuufis ta'e paaspoortiif iyyachuuf qorannoo DNA hin gaafatu.