Kantiibaan magaalaa Istaanbul 'qondaalota gowwoota' jedhan hidhaan itti murtaa'e

Kantiibaa Magaalaa Istaanbul

Madda suuraa, Reuters

Maxxanfame

Manni Murtii Tarkii Kantiibaa magaalaa Istaanbul qondaaltota mootummaa ''arrabsite'' jechuun hidhaa ganna lamaa fi baatii jaha itti mure.

Kantiibaa magaalaa Istaanbul Ikiriim Imamogluu, warri filannoo akka naannootti bara 2019 filatame akka haqamu taasiftan ’’gowwoota’’ jechuun himataman.

Namni umrii ganna 52 Imamogluun, paartii Pirezidantii Tarkii Reseph Xayib Erdogaan irraa nama isaan morkatu injifachuun kantibaa ta’uuf gaafatani.

Murtoon isaanitti murame kun garuu kantiibaas akka hin taane ykn filannoo bara dhufurratti akka hin dorgomne isaan daangeessuu mala.

Imamogluun, paartii Rippaabilikaani Tarkii 'Republican People's Party' jedhamu bakka bu’anii kan dorgomaa turan yoo ta’u, filannoo Tarkiin Waxabajjii dhuftu filatturratti Pirezidant Erdoganiif qormaata ta’u jedhameetu eegama ture.

Himanni qeeqa Imamogluun dhiyeessanirratti xiyyeeffatu kan baname ji’a Bitootessa 2019 darbe filannoo garaa gartee sagalee xiqqootiin injifachuun isaanii erga baramee booda ture.

Paartiin Erdogaan AKP jedhamu filannichi burjaaja'eera jedhanii komii dhiyeeffannaan, Boordiin Filannoo biyyattii firiin filannichaa haqamee, filannoon akka irra deebi’amu ajaje.

Imamogluun jecha ’’gowwoota’’ jedhu kanan dubbadhe warra firii filannoo isa sirrii geeddaran ibsuuf jedhan.

Imamogluun jecha sana kanan dubbadhe, Ministirri dhimma biyya keessaa Tarkii Suliymaan Soylu dubbii dubbataniif deebii kennuuf jechuun himan.

Imamogluun filannoo haaraa Waxabajjii bara 2019 filatame sagalee caalmaa 770,000 morkataa isaanii caalaa argachuun olaantummaa paartiin Pirezedant Erdogaann(AKP)’n ganna 25 darbe magaalicharratti gonfate goolabani.

Murtoon Imamogluun irratti murame kun mana murtii olaanaa Tarkiin cimuu qaba, garuu yoo murtoon kun ragga'e Imamogluun bara dhuftu filannoo pirezedantummaa fi paarlaamaa filatamutti hin hirmaatan.

Murtoo kenname booda Imamogluun ibsa kennaniin murtoo kenname fudhatama dhabsiisan.

‘’Namoonni muraasni qofti aangoo ummataa dhuunfachuu hin danda’an’’ jedhan.

Deeggartoonni Imamogluu gamoo Mana Maree Istaanbul duratti walitti qabaman deeggarsa isaaniif qaban agarsiisuun, ‘’mootummaa aangoorra bu’uu qaba, dhugaa, haqaa fi seerri eegamuu qaba’’ jedhanii iyyan.

Imamogluun murtoo kennamerratti akka ol iyyannoo dhiyeeffatanitu eegama.