Mana barumsaa US akka barattoonni Kitaaba Qulqulluu dubbisan dirqama gochuun mormiin mudate

Madda suuraa, AFP via Getty Images
Waajjirri barnootaa bulchiinsa Teeksas karoora barattoonni manneen barnootaa bulchiinsichaa miiliyoona shan akka seenaa kitaaba qulqulluu dubbisan dirqamsiisu raggaasise.
Murteen kun adda addummaa mootummaa fi amantii irratti falmii kaaseera.
Seenaawwan Chaarlis Dikasan fi Wiiliyaam Sheekispiir dabalatee dubbisuu kan dirqamsiisu karoorri kun, waggaa sadi booda hojiirra oola jedhame.
Namoonni gariin ulaagaan dubbisaa haaraan ba'e kun walabummaa amantii kan sarbuu fi kabaja heddumminaa balaaf kan saaxiluudha jechuun qeeqan.
Waajjirri barnootaa olaantummaa Rippaabilikaanotaan taliigamu kun karoora kana sagalee deeggarsaa sagalii fi mormii shaniin kan ragaasise yoo ta'u, miseensi Rippaablikaanii tokko dimokiraatota tumsuun mormii dhiheesseera.
Miseensa paartii Rippaabilikaan kan ta'e hoogganaan waajjira barnootaa bulchiinsa Teeksas Biraandan Hool ''waggoota 60 booda yeroo jalqabaaf kitaaba qulqulluu gara mana barnootaatti deebisaa jirra,'' jedhe.
Kanneen murtee kana deeggaran barattoonni duudhaa fi aadaa Kiristaanummaa-Yahuudotaa barachuu akka qaban dubbatan.
Karoorri dubbisaa haaraan kun kitaabota barattoonni Teeksas keessatti argaman dubbisuu qaban yeroo jalqabaaf qopheesseera.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Kitaabonni hogbarruu Ingiliiz keessatti baraa baratti darbuun dubbifaman kanneen akka kitaaba Chaarlis Dikansan 'Great Expectations' fi kan Wiiliyaam Sheeksipiir 'The Tragedy of Julias Caezar' jedhaman tarree kitaabota dubbifamuu qabanii keessatti eeramaniiru.
Kitaabileen Dr Martin Luutar King Jr 'I've Been to the Mountain Top speech' fi Margaareet Taasher- waa'ee Pirezident Roonald Reegan irratti barraa'anis eeramaniiru.
Gareen bilisummaa barnootaa fi siiviliif falman garuu seera dubbisa dirqamsiisu kanarratti mormii kan dhiheessan kitaabi qulqulluun karoora kana keessatti hammatamuusaati.
Barattoonni kakuu haaraa keessatti kutaalee waa'ee Yesuus dubbatan kan baratan yoo ta'u, seenaan gurbaa badee (Parable of the Prodigal Son) jedhamus sirna barnootaa kessa galfameera.
Garee rogeeyyii bulchiinsa Teeksas Freedom Network jedhamutti daarekatara olaantuu kan taate Feliiviyaa Maartin karoora kanarratti sagaleen kennamuu dura wixineen yaadaa kun ''dhugeeffannaa fi duudhaalee amantiiwwan kaanii caalaa kiristaanummaa kan giddu galeessa godhateedha,'' jettee turte.
''Murteen kun ilaalcha warra lixaa irratti kan bu'uureffate yoo ta'u, garaagarummaa ilaalchaa fi bifaa kan hubannoo waliigalaa seenaa keenyaaf bu'uura ta'e, lammiilee ganamaa Ameerikaa akkasumas ga'ee dhugeeffannaa fi duudhaan amantiiwwan biroo qabuu fi waliigalatti seenaa kenyaaf kan iddoo hin kennenidha,'' jechuun qeeqxe.
Kaan ammoo murteen kun barattoota isaanii hoogganuu fi ajajuu irratti bilisummaa qaban sarbuu danda'a sodaa jedhu akka qaban eeraniiru.
Dursaan Waldaa Barsiisotaa Teeksas Kileer Haafnar ''barsiisonni Teeksas kitaabonni akka dirqamaan dubbifamaniif tarreeffaman baayyachuun, isaan kamtu barattootaaf murteessoo akka ta'an murteessuu ilaalchisee bilisummaa qaban akka sarbu sodaa akka qaban ibsaniiru,'' jechuun BBCtti hime.
Waajjirri barnootaa Teeksas murtee keessa deebi'ee ilaaluun lakkoofsa kitaabota dirqamaan dubbifamuu qabu jedhee tarreessee hir'isus, waldaan barsiisotaa garuu ammallee hedduu ta'uu ibse.
BBCn wajjira barnootaa Teeksa irraa yaada argachuuf quunnameera.
Sirna barnootaa amma Teeksas keessatti raggaasifame keessatti aanga'oonni bulchiinsichaa sirna duriitti cichan, amantii kiristaanaa cimsuuf tarkaanfiin fudhatan kun fakkeenya yeroo dhihooti.
Waggaa darbe bulchiinsi kun abboommiiwwan kurnan kitaaba qulqulluu keessaa fudhataman dareewwan barnootaa keessatti akka maxxanfaman gochuun bulchiinsa guddicha jalqabaa Ameerikaa ta'eera.
Murtee kanarratti mormiin kan dhihaateef manni murtii ijibbaataa federaalaa, Ebla darbe abboommiiwwan kurnan dareewwan keessatti maxxanfamuun seera qabeessa ta'uu mirkaneesseera.
Murtee Teeksas ilaalchisee Jimaata (Waxabajjii 26, 2026) yaada kan kenne Pirezidant Doonaald Tiraamp, tarkaanfiin kun Ameerikaa keessatti duudhaawwan amantii babal'isuuf ta'uu ibsuun galateeffateera.
''Amantiin haala waggoota hedduu dura ture caalaa guddaa fi cimaa ta'ee biyya keenyatti deebi'eera,'' jechuun sagantaa bilisummaa amantii Waashingitan DC keessatti qophaa'erratti dubbate Tiraamp.












