Ilmi mootii Sa'ud Arabiyaa erga Kaashogjeen ajjeeffamee yeroo jalqabaaf Turkiyee daawwatan

Madda suuraa, Reuters
Ilmi mootii Sa'ud Arabiyaa erga bara 2018 Jamaal Kashoogjee ajjeefamee as yeroo jalqabaaf Turkiyee daawwatan.
Pirezidaantin Turkiyee Erdogan ammoo gita isaanii Mohaammad bin Saalman simachuun haasofsiisan.
Yeroo tokko Erdogaan ajjeechaa Kaashoogjee ilaaalchisee kallattiidhan Mohaammad bin Saalman himatanii turan.
Biin Saalman garuu waakkatanii turan.
Turkiyeen rakkoo diinagdee ishee mudate furuuf Sa'ud Arabiyaa wajjin wal-ta'insa diinagdeefi investimentii barbaaddi.
Akkasumas, biyyoota akka Unaaayitid Arab Emereets, Masiriifi Israa'el wajjin qoccolloo waggaa dheeraa booda walitti dhufeenya ishee fooyyeessaa jirti.
Haasaa Erdogaan fi Bin Saalman hordofuun ibsa waloo baasaniin biyyoonni lachuu walitti dhufenya isaanii fooyyessuun dhimmoota akka investimantii, anniisaa, humna ittisaa fa'iirratti waliin hojjachuuf waliigaluu isaanii ibsaniiru.
Bin Saalman qoollifannaa addunyaa irraa isa mudate mo'achuun gahee cimaa naannichatti qabu iddootti deebisuu fedha.
Daawwannaa isaa torban kana Baha Giddu-galeessatti taasiseen Mohaammad Bin Saalman Masiriifi Joordaan daawwataniiru. Torbee itti aanu ammoo Joo Baayidan wajjin wal-argu.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Bara 2019 tti ajjeechaa Kaashogjeen walqabatee Baayidan Sa'ud Arabiyaa akka itti gaafatamtuuf akka hojjatan waadaa galanii turan. Kaashogjeen bara 2018 Turkiyee magaalaa Istaanbul qonsiilaa Sa'ud Arabiyaa keessatti ajjeeffamuun isaa ni yaadatama.
Qorannoo UN akka gabaasetti Jamaal Kaashogjee basaastota Sa'udiirraa ergaman 15 ta'anii akka isa ajjeessan gabaasee ture. Ajjeechaa Kaashogjeetiif Erdogaan kallattiidhan Mohaammada bin Saalman komachuu baatus ajjeechan kan raawwate ajaja aangawoota Sa'ud Arabiyaa olaanoo irraa akka ta'e hin dhoksine.
US gama isheetin ajjeechaa Kaashogjee kan ajaje ilma mootii mataa isaati jettee turte.
Erga Kaashogjeen ajjeeffamee waggaa tokko booda Sa'udiin namoota ajjeechaa kana raawwatan jette shan irratti hidhaa waggaa 20, kanneen biroo ammaa waggaa torbaa hanga kudhanii itti murteessera jettee turte. Garuu eenyummaa namoota kanaa ifa hin goone.
Ji'a Eblaa keessa Erdogaan gara Sa'udiitti imaluun wal-ta'iinsi haaran akka isaan barbaachisu ibsee ture.
Erdogaan imala sana kan taasisan manni-murtii biyyattii lammiilee Sa'ud Arabiyaa 26 ajjeechaa Kaashogjeen himataman irratti himannaa banee ture erga addaan kutee boodadha.
Manni-murtii Turkiyee murtee kana irra kan gahe Sa'udiin namoota kana dabarsitee kennuu waan diddeef dhimma isaanii mana-murtii Sa'udiitti kennee ture.
Qaamonni mirga namoomaf falman murtee kana mormanii turan.












