Vilaadmiir Putiin gitasaanii Tarkii Erdoowaan waliin mari’atan

Madda suuraa, Reuters
Pirezidantiin Raashiyaa Vilaadmiir Putiinii fi gitni isaanii Tarkii Resiib Taayiip Erdoowaan, walgahii Kaazaakistaaniitti gaggeeffamaa jiruu maddiitti wal arguun marii taasisan.
Dhimmoota hoggantoonni lameen marii isaanii keessatti kaasan keessaa tokko dhimma dhiyeessiin boba’aa Raashiyaa haala Awurooppaa ittiin gahuu fi karaa oomisha midhaanii ittiin gabaa addunyaa gahuun danda’amu kanneen eeraman keessaayi.
Kana dura dureewwan kunneen lamaan wayita wal arganiitti Tarkiin biyyoota wal waraanaa jira Raashiyaa fi Yukireen gara araaraatti fiduuf gaaffii dhiyeessuu akka dandeessu aanga’aan Mooskoo eeree ture.
Kana duras erga Raashiyaan Yukireen irratti weerara raawwatteen booda biyyoota lamaan mariitti fiduuf Tarkiin yaaliin taasifte osoo bu’aa hin argamsiisiin hafuun ni yaadatama.
Haata’u malee, Kiiyeevis ta’e Mooskoo waliin waliitti dhufeenya gaarii jedhamu kan qabdu Ankaaraan, dooniiwwan sababii waraanaatiin socho’u dadhabuun buufatarra dhaabbatan akka socho’aniif biyyoota lamaan waliigachite jirti.
Adooleessa darbe keessaa erga Tarkiin biyyoota lamaan mariisfteen booda dooniiwwan miidhaan fe’an karaa Galaana Gurraachaatiin qaxxaamuruun buufataalee Yukireen irraa socha’u danda’aniiru.
Miseensa Nato kan Taate Tarkiin, qoqqophaa waraanicha hordofuun biyyoonni lixaa Raashiyaa irra kaa’an mormuun, biyya biyyoota wal waraanan mariisiisuuf fudhatama qabdu taasifamuun ilaalamti.
Pirezidanti Putiin Erdoowaan waliin Kaazaakistaaniitti yeroo wal argan, biyyisaanii boba’aa biyyoota Awurooppaatiif ergitu Tarkii jidduugala dhiyeesichaa mummee godhachuuf yaadaa akka qabdu ibsan.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Puutiin Raashiyaan gaazii gara Awurooppaatti dabarsuuf Tarkiin hulaa dabarsaa sirriidha jechuun dubbachusaatu gabaafame.
Raashiyaan erga Yukireen irratti weerara raawwatteen booda, sararri Nord Stream jedhamuun beekamuuf hanga Jarmaniitti diriirfame, dhohiinsa itti yaadamee galaana Baaltiik jalatti raawwatame jedhameen gutummaatti tajaajila kennaa hin jiru.
Pirezidantiin Tarkii Reesib Taayiip Erdoowaan gama isaaanitiin, waliigalteen jaarsummaa isaaniitiin Raashiyaafi Yukireen miidhaan akka darbuuf taasifame akka dheereefamun barbaada jedhan.
Biyyoonni lamaan doonniiwwan midhaan fe’an buufataalee Yukireen irraa gara gabaa addunyaatti akka socha’aniif waliigalteen irra gahame kan torbanoota afuriin booda dhaabbatudha. Haata’u malee, biyyoonni lamaan kan hayyaman yoo ta’e waliigaltichi dheerreeffamu danda’a.
Ediwaard biyyi isaaniifi Raashiyaan, oomisha qonnaa mooskoo fi midhaan dheedhii biyyoota guddinarratti argaman kamiittuu haa ergamu jechuun murteessuu ni danda’u jedhan.
Puutiin gama isaanitiin biyyoonni miidhaan Yukireen fudhatan waliigalte irra akka gahaniif kan dandeessisan pirezidantii Tarkiif galata galchuu qabu jechuun dhagahameera.















