Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Atileet Immaanee Hayilee fiigicha km 50'n riikardii addunyaa cabsite
Atileet Immaanee Hayilee fiigicha guddicha km 50 dubartootaan riikardii addunyaa haaraa galmeessuun injifatte.
Dorgommiin kun guyyaa Dilbataa Afrikaa Kibbaa magaalaa Dhebehaa [Gqeberha] kan kana dura Poort Elizabeet jedhamuun beekamtutti dorgomame.
Immaaneen fageenyicha 3:00:29’n kan xumurte yoo ta’u riikardii kana dura ture daqiiqaa afurii oliin foyyeessite.
''Jecha itti ibsun dhabe. Guutummaa guututti dorgommii nama gammachiisudha. Baay’een gammade,'' jechuun dorgommii booda dubbatte.
Kana dura fiigicha km 50 riikardii addunyaa bara 2021 kan galmeessiste atileetii Afrikaa Kibbaa Irvette van Zyl yoo taatu yeroon itti xumurtees 3:04:24 ture.
Riikardii Immaaneen galmeessite jaarmayaan dorgommii atileetiksii addunyaa hoogganu Atileetiksiin Addunyaa qoratee kan raggaasisu ta’a.
Maaraatooniin kuni isheef kan jalqabaa ta’uufi qilleensi magaalattii mijataa ta’uu Supart Ispoortitti dubbatteetti.
Gara xumuraa qofaa fiiguun ala saffisas dabaltee turte. Haa ta’u malee, sa’aatii sadii gadi xumuruu hin dandeenye.
Taatullee Imaaneen dorgomtoota ishee fagootti injifatte.
Atileetiin Itoophiyaa biroo Amalaworq Fiqaadu 3:06:24’n lammaffaa yoo baatu Hannaa Lindoolm Siwiidiin irraa 3:08:56’n sadaffaan xumurte.
Dorgommii dhiirotaan Atileetiin Afrikaa Kibbaa Teete Dijaanaa 2:39:04’n injifate.
Dorgommiin dhiirotaa kan dubartootaa caalaa morkiin cimaan itti taasifameefi kanneen tokko hanga sadii xumuran gidduu garaagartee daqiiqaatu tokkotu jira.
Fiigichi km 50 fiigicha maaraatoonii km 42 ta’e kan caalu yoo ta’u ‘ultramarathon’ – jechuunis kan maaraatoonii caalu jedhamuun beekama.
Dorgommiiwwan km 50 caalanis ni dorgomamu.