Israa'el dooniiwwan waraanaa Sooriyaa haleeluu mirkaneessite

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 2

Israa'el dooniiwwan waraanaa Sooriyaarratti haleellaawwan xiyyaaraa raawwachuun mancaasuu ishee mirkaneessite.

Kunis, erga bulchiinsi Pirezidant Bashaar al-Asaad kufee booda qaama meeshaalee waraanaa mancaasuu akka ta'e ibsite.

Raayyaan Ittisa Biyyaa Israa'el ibsa baasen Wiixata galgala dooniiwwan Israa'el buufatawwan doonii Al-Baayidaa fi Laatakiyaa jedhaman haleeluu ibse.

BBC'n viidiyoowwan dho'insa Latakiyaatti mudate mul'isan kan mirkaneesse yoo ta'u, kunneenis miidhaa dooniiwwan fi buufata doonirra gahe mul'isu.

Waraanni Israa'el xiyyaaronni waraanaa isaa Sooriyaa keessatti qiyyaafannoowwan 350 ol haleeluu ibseera.

Israa'el loltoota ishii gama Gaarreen Goolaan Israa'el waraanaan kana dura qabatteetti fi bakka waraanarraa bilisa jedhamee labsametti sochoosteetti.

Kana dura dhaabbati buufata isaa UK godhateefi haala mirga namoomaa Sooriyaa keessaa hordofu (SOHR) jedhamu akka ibsetti, erga Dilbataa Israa'el haleellaa qilleensaa 310 ol Sooriyaa keessatti raawwatte.

Kunis, erga finciltoonni Sooriyaa bulchiinsa Bashaar al-Asaad fonqolchanii boodadha.

Ibsa baherratti, Ministeerri Ittisaa Israa'el, israa'el Kaatiz, kaayyoon haleellaa Israa'el ''humna istraatejikii bulchiinsa Israa'elif yaaddoo ta'an balleessuudha,'' jedhan.

Oppireeshiniin dooniiwwan waraanaa Sooriyaa mancaasuu ''milkaa'ina guddaa'' ture jechuunis ibsan.

Waraanni Israa'el akka ibsetti, haleellaan qilleensaa raawwatame dirree xiyyaaraa, konkolaataa waraanaa, meeshaalee farra waraanaa, fi bakkeewwan oomisha meeshaa waraanaa bakkeewwan akka Damaasqoo, Hoomis, Taartus, Paalmiyiraa jiranirratti raawwatame.

Akkasumas, bakkee kuufama meeshaa waraanaa, akkasumas misaa'ela galaanarraa dhukaafamu ''hedduu' mancaasuu ibse.

Kunneen harka ''finxaaleyyii akka hin buune'' haleellaa kana raawwachuu himte Israa'el.

Ministirri Muummee Israa'el Benjaamin Netaaniyaahu finciltoota Sooriyaa Hayaat Taahrir al-Shaam (HTS)'f gama viidiyoon ergaa dhaamaniiru.

Yoo Iraan ''Sooriyaa keessa akka of ijaartu'' eeyyaman Israa'el ''humnaan deebii'' akka kennitu himan.

Mootummaa Sooriyaa haaraa waliin hariiroo naga qabeessa tolfachuuf fedhii akka qaban kana dura Netaaniyaahuun ibsaniiru.

Dhaabbata SOHR kan hudeessan Raami Abdul Raahiman, haleellaan Israa'el ''humna waraanaa Sooriyaa'' akka mancaaseefi birmadummaan Sooriyaas akka sarbame ibsan.

Waraanni Israa'el loltoonni isaa bakkee lolarraa bilisa jedhamee daangaa Sooriyaarratti labsameen alas sosso'aa akka jiran mirkanesseera.

Kunis, gama bakkeewwan Gaarreen Goolaan jedhamanidha.

Waraanni Israa'el loltooti isaanii daangaa Sooriyaa seenuu amanus, taankiiwwan Damaasqootti dhihaachuu gabaasonni himan garuu ''soba'' jedhe BBC'tti.

BBC'n suuraa loltuu Israa'el bakkee lolarraa bilisa jedhamee labsamerraa kiloomeetira walakkaa fagaatee dhaabatu saatalaayitiin mirkanesseera.