Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Israa'el Sooriyaatti haleellaa qilleensaa 300 ol raawwachuu gabaasonni himan
Xiyyaaronni waraanaa Israa'el magaalaa guddoo biyyattii Damaasqoo dabalatee guutuu biyyattii keessatti haleellaa hedduu raawwatuu gabaasonni mul'isan.
Dhaabbanni Mirga Namoomaa Sooriyaa UK keessatti argamu (SOHR) jedhamu akka jedhetti erga Dilbataa haleellaan 310 ol bakka buufata waraanaa irratti raawwatame.
Israa'el mootummaan Asaad aangoorraa kaafamuu hordofee meeshaaleen waraanaa ''harka warra finxaalleyyiii'' akka hin seenne hojjechaa akka jirtu dubbatti.
Bakki haleellaawwan kunneen rukutan buufataalee waraana Sooriyaa, kuusaa meeshaa waraanaa, buufata xiyyaaraa, buufata humna galaanaafi giddugala qorannoo dabalata.
Haleellaan kunis Aleeppoo, Damaasqoo, fi Hamaa keessatti mudate jedhe gartuun kuni. Guyyaa Wiixataafi Kibxata qofa haleellaawwan 60 mudatuu gartuun kuni ibse.
Akka gabaasaaleen jedhanitti, haleellaa kanaan wiirtuuwwan kuni miidhamuu qofa osoo hin taane akkuma jirutti manca'an.
Wirtuun oomisha meeshaa keemikaalaa waliin hidhata qaba jedhamee shakkamu iddoowwan rukutaman keessaa tokko ta'uu miidiyaaleen biyya keessaa gabaasaniiru.
Manni Maree Nageenyaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii kufaatii pirezdantii Bashar Al-Asaad hordofee haala biyyattii keessa jiru irratti mari'achuuf Wixata darbe walga'ee, guyyoota itti aanan keessatti ibsa ni kenna.
"Manni maree kun, hanga ta'e walabummaa biyyattii fi tokkummaa Sooriyaa eeguu, eegumsa namoota nagaa mirkaneessuu, gargaarsi namoomaa ummata rakkataniif akka dhufu mirkaneessuu irratti ni hojjata jedheen yaada," jechuun Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniitti Ambaasaaddarri Raashiyaa Vaasilii Nebenziyaa kan gaazexeessitootti himan.
SOHR akka jedhutti, guyyoota lamaan darban keessa haleellaan qilleensaa Israa'el dhibbaan lakkaa'aman kan raawwatame yoo ta'u, kunis bakka Damaasqoo keessatti saayintistoonni Iraan misooma rookkeettiidhaaf itti fayyadamaa turan dabalatee ta'uutu ibsame.
Haleellaan kun kan raawwatame yeroo Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniitti daameen keemikaalaa to'atu meeshaalee keemikaalaa shakkaman xuqamuu akka hin qabne aangawoota Sooriyaa akeekkachiisanitti.
Akka Dhaabbanni Keemikaalaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii, Dhaabbanni Meeshaa Keemikaalaa Dhorka (OPCW) jedhutti, meeshaan keemikaalaa jechuun keemikaala sababa amaloota summii qabuun du'a ykn miidhaa geessisuuf itti yaadanii itti fayyadamaniidha.
Meeshaa waraanaa seera qabeessa ta'e yoo jiraatellee meeshaa keemikaalaa fayyadamuun seera namoomaa idil-addunyaatiin dhorkaadha.
Sooriyaan meeshaa keemikaalaa eessa fi meeqa akkamiin akka keessu hin beekamu, garuu Pirezidaantiin duraanii Bashar al-Asaad kuufama keemikaalaa akka qabuu fi ibsi inni oomisha nikuularaa ilaalchisee waakkataa ture dhugaa akka hin taane ni amanama.
Sooriyaa bara 2013 haleellaan meeshaa keemikaalaa qarqara magaalaa guddoo biyyattii Damaasqootti raawwatameen lubbuu namoota 1,400 ol galaafate booda waliigaltee meeshaa waraanaa keemikaalaa OPCW mallatteessite.
Wayita sanatti suuraaleen suukaneessaan namootni sababa sanaan dhumanii hedduu addunyaa rifachiise.
Biyyootni dhihaa haleellaan kun mootummaa qofaan raawwachuu danda'a jedhan, Asaad garuu mormitootatti quba qabanii ture.
OPCW fi UN keemikaalota mootummaan Sooriyaa qabachuu ibse hunda toonii 1,300 barbadeessanis, haleellaan meeshaa keemikaalaa biyyattii keessatti ammallee itti fufee jira.
Xiinxalli BBC bara 2018 akka mirkaneessetti bara 2014 hanga 2018 gidduutti meeshaan keemikaalaa waraana biyya keessaa Sooriyaa keessatti yoo xiqqaate yeroo 106 fayyadamaniiru.
Wixata darbe OPC'n Sooriyaa qunnamuu isaa ibseera, ''nageenyaa fi tasgabbii meeshaalee keemikaalaa fi dhaabbilee biyyattii hunda mirkaneessuun barbaachisaa ta'uu isaa cimsuun ibseera''.
Waraanni Israa'el suuraa loltoonni isaa bakka Israa'el jala ture gadhiisanii lafa Sooriyaa bakka nagaa eegdonni UN buufatanitti seenan gadhiisaniiru.
Sunis Ministirri Muummee Israa'el Beenjaamin Netaaniyaahuun bara 1974 waliigaltee Sooriyaa waliin taasifame yeroo finciltoonni biyyattii to'atanitti cabeera jechuun yeroof bakka lolarraa ittifame keessa waraana bobbaasu ibsan booda dhagahame.
Naannoon kun Gaarreen GolaAn jedhaman yoo ta'u, Damaasqoo irraa gara kibba dhihaatti gara 60km (40 miles) fagaatee argama.
Israa'el xumura Waraana Guyyoota Jahaa bara 1967 irratti Goolaan Sooriyaa irraa dhuunfattee bara 1981 gama tokkoon ofitti dabalte. Tarkaanfiin kun sadarkaa idil-addunyaatti beekamtii hin arganne, US bara 2019 garuu hanga tokkoo beekamtii kennitEerti.
Israa'el waraanni ishee ''tarkaanfii baay'ee daangeffameefi '' akkasumas ''sababa nageenyaaf'' qofa fudhachaa jiraachuu ibsite. Akkasumas Israa'el dhimma keessoo Sooriyaa keessa seenuuf fedhii akka hin qabnee fi tarkaanfiin kun kan fudhatame nageenya lammiilee ishee eeguuf ta'uu ibsiteetti.
Haa ta'u malee, Israa'el meeshaalee farra xiyyaaraa, misaa'elaa fi meeshaalee tarsiimoo biroo Siiriyaa keessatti barbadeessuu cimsitee itti fufti jedhan Ministirri Ittisaa Israa'el Kaatiz.
Tarkaanfiin Israa'el yeroo dhiyootti fudhatte kun kan fudhatame erga loltoonni finciltoota Sooriyaa magaalaa guddoo biyyattii Damaasqoo qabatanii sirna Bashaar al-Asaad kuffisanii booda. Asaad fi abbaan isaanii bara 1971 irraa eegalee aangoo biyyattii irra turan.
Humnoonni garee mormituu Islaamummaa Hayaat Taahrir al-Shaam (HTS) tiin durfamu Dilbata ganama gara Damaasqoo seenuun, televijinii mootummaa irratti mul'achuun Sooriyaa amma ''bilisa ba'uu ishee'' labsan.
Garichi guyyoota muraasa dhufan keessatti maqaa qondaaltota olaanoo sirna duraanii warra Sooriyaa irratti rukuttaa cimaa geessisan akka beeksisu ibseera.
Namoota dhuunfaa odeeffannoo namoota kanaa qoodaniifis badhaasa ni dhiheessa jedhan.
Mootummaan Asaad Hezbollaah fi Raashiyaan deeggarsa guddaa argachaa ture.
Haa ta'u malee, Hezbollaah Israa'el waliin lola irra jiruu fi Raashiyaa xiyyeeffannoo isaa guutuu gara Yukireenitti deebisuu isaatiin mootummaan Asaad kophaa hafe.
Kana arguun finciltoonni Sooriyaa humna isaanii qindeessanii torban muraasa keessatti aangorraa ari'an.
Ministirri Muummee Israa'el kufaatii sirna Asaad ''Baha Giddugaleessaaf guyyaa seena qabeessa'' jechuun dubbataniiru.