Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Imala Maan Siitii, morkii waancaa Arsenaal eegalee fi kaan
Shaampiyoonaan bara dorgommii darbee maanchister Siitiin Istaamfoordi Biriij irratti Cheelsii 2-0 mo'achuun qabxii sadii argatee jalqabe.
Haalaandi akkuma amala isaa galchii lakkoofsisuu eegaleera. Morkataa jabaa maan Siitii kan tahee Arsenaal dirree isaa irratti Wolvis 2-0 mo'atee jalqabe. Kayi Haveerti galchii jalqabaa Arsenaal baranaa lakkoofsise.
Dorgommii baranaa kan saaqe Maanchister Yuunaayitid Fulhaamiin 1-0 mo'achuun eegale.
Taphataa haaraan Bolonyaa irraa mallattesisanii fi leenjisaa Erik Ten Hag waliin biyya tokko tahe Jooshoyaa Zirkizee galchii jalqabaa Piriimer Liigii baranaa fi galchii Piriimer Liigii jalqabaa dhuunfaa isaaf lakkoofsiseera.
Hirmaannaa Shaampiyoonsi Liigii argachuun kan xumure Aston Viilaan West Haamiin mo'achuun imala gaariin eegale.
Liiverpuul kilaba waggaa 22 booda Piriimer Liigiitti deebite Ipsiwiich Taawon 2-0 mo'ate. Kiloop booda leenjisaa haaraa kilebichaa Arne Isloot jalatti jalqabbii gaariidha.
Chelsiitti yoo deebinu bara dorgommii darbe Moorishiyoo Poochitiinoo jalatti gara dhumaa fooyya'aa deemuun sadarkaa 6ffaan xumuranii ture.
Chelsiin obsa dhabuun Poochitiinoo hojiirraa gaggeessuun leenjisaa Leester Siitii Enzoo Mareshkaa qacaran.
Sanuu kontiraata waggaa shanii kennaniif. Taphattoota ol adeemoo hedduu mallattesisaa kan jiru Chelsiin kontiraata waggaa saddetii fi isaa olii kennaafii jira.
Gahumsa barbaadamurra gahuu yoo dhabellee taphataan kun haga waliigalteen isaa xumuramutti miindaa guddaa argatuun Chelsii keessa turuuf dirqama.
Yeroo waggaa tokko hin caalle keessatti Chelsiin taphattoota mallattesisuuf Paawondii biliyoona 1.2 baaseera.
Enzoo Fernaandez paawondii mil 105 caaluun, Moosis Kayiseedoo paawondii mil. 117 tahuun mallattesisan.
Garuu taphataan sadarkaa maallaqa itti bahe kanatti Chelsii fooyyesse hin jiru. Muudiriik paawondii mil. 90 tahu itti bahus filannoo jalqabaa tahaa hin jiru.
Taphattoonni kilebicha haala gaariin beekan keessaa bahaa jiru. Amma Chesliin taphataan kilebichaa hanbise yoo jiraate Riis Jeemsi qofa.
Filannoo taphattootaaf kan rakkatan fakkaatu jedhe xiinxalaan kubba miilaa Jeemii Rednaap.
Raahin Isteerliingi taphni Maan Siitii wlaiinii eegaluuf sa'a tokko yoo hafu garee Cheelsii keessattiyyuu akak hin hammatamne barame.
Osoo hin turiin bakka bu'oonni isaa ibsa baasuun gahee taphatichi pirojeektii Cheelsii kana keessatti qabu ''ifa'' akka nuuf gootan gaafanna jedhan.
Akka ragaan marsariitii Cheslii agarsiisutti kilebichi taphattoota 42 qaba. Leenjisaa Enzo Maareshkaa qabachuu kan danda'an taphattoota 30 qofa. Yeroo jijjiirraa ganna kanaatti qofayyuu taphattoota 11 mallatteesisan.
Taphata tokko irratti ammoo leenjisaan galmeessee qabatee dhiyaachuu kan danda'u taphattoota 20 qofaadha. Isteerlingi warra hin barbaadamne keessatti qabamuu isaati.
Taphataan sarara ittisaa duraanii Maan Siitii Mikaa Richaardis Isteerlingi dafee ibsa baasuun isaa waayillan isaa [taphattoota Chelsii] ''salphisuudha'' jedhe.
Ben Chilwel, Lukaakuu, Galaager, Chaaloobaa fa'aa warreen garee Chelsii keessatti hin barbaadamnedha.
Leenjisaan Chelsii Maareshkaan ''Isterliingiin nan barbaada ture, garuu taphattoota 30 qofa qabachuun naaf eeyyamama. Hunda isaanii qabachuuf ammoo bakki hin jiru'' jedhan. Kaan akka kileba barbaaddatan itti himameera.
Haalaandiin eenyu dhaaba?
Erga Maan Siitii galee Erlingi Haalaandi galchii lakkoofsisuu hin dhaabne. Taphoota 100 waliigalaan Maan Siitiif taphate irratti galchii 91 lakkoofsise.
''Waggoota 15 tahuuf Mesii fi Roonaaldoo kubba miilaa to'atanii ture. Hedduu lakkoofsisan. Yoo lakkoofsaan ilaalle Haalaandi sadarkuma sanarra jira'' jechuun Pep Gaardiyoolaan taphataa isaanii kana jajanaiiiru.
''Akkamitti akka tahe beekuu baadhus biyya kanatti sanuu Piriimer Liigii keessatti taphoota 100 irratti galchii 91 lakkoofsisuun waan ajaa'ibaati,'' jedhan.
Taphoota Piriimer Liigii 67 irratti galchii 64 lakkoofsise.
Erga Haalaandi gara Maan Siitii dhufee taphataan tokko iyyuu isaa ol hin lakkoofsifne. Mohaammad Saalaatu taphoota 71 irratti galchii 38 qaba.
Arsenaal taphataa sarara duraa akak Haalaandi kana dhabuun qeeqama. Arteettaan gaaffii kanaaf taphattoota sarara duraa jajjaboo durumayyuu qabna jedhan.
Garuu gabri'eel Yesusii fi havertiz irratti hirkachuun Maan Siitii waliin waancaaf morkachuun ulfaachuu danda'a.
Kileboonni kaan akka Aston Viilaa, Tootenhaam, Maan Yuunaayitid fii Liiverpuul caalaatti jabaatanii dhufu yeroo jedhamutti Arsenaal ammayyuu taphataa sarara duraa galchii 25 fi isaa ol qofaa isaa lakkoofsisu hin qabu.
Garuu ammoo Arsenaal isa durii caalaa iddoowwan kaan irratti haalaan ijaaramee jira.
Waancaaf morkachuufis isa gargaara. Ijaarsa garee kanaa guutuu gochuuf Eduu [daariktera Arsenaal] fi Artettaan taphataa sarara duraa jabaa tokko barbaadu jedhu xiinxaltoonni kubba miilaa. Tootenhaam har'a Lester Siitii waliin morkata.