Carraan leenjisummaa gurraachotaa akkaan xiqqaa ta'uu kan komatu Paatrik Veeyiraan eenyu?

Madda suuraa, Getty Images
Yeroo ammaa leenjisaa kilabii Kiristaal Paalaas kan ta'e taphataan sarara gidduu duraanii Arsenaal Paatirik Veeyiraa carraan leenjisummaa gurraachotaaf kennamu akkaan gadi bu'aadha jechuun komiisaa dhageessise.
''Leenjistoota gurraachotaaf balballi banaa miti,'' jedha taphataa gameessi kun.
Piriimiyer Liigii Ingilizii keessaa leenjisaa gurraachi Paatirik Veeyiraa qofa.
Taphattoota gurraacha gara leenjisummaatti fiduuf hojii guddaatu hojjetamuu qabu jedhe Veeyiraan.
Gabaasi haaraa ba'e akka mul'isutti Piriimiyer Liigii Ingilizii keessatti dhibbeentaa 43, Chaampiyoonsi Liigii Awurooppaa keessatti dhibbeentaa 34 kan ta'an taphattoota gurraacha, garuu leenjisummaadhaan hirmaannaan gurraachotaa dhibbeentaa 4.4 qofa.
''Namoota bifa garaagaraa qabaniif carraan walqixa kennamuu qaba. Nutis akkuma warra kaanii dandeettii qabna,'' jechuun sagantaa BBC ispoortiitti hime Paatirik Veeyiraan.
''Addunyaarratti taphattoota dandeettii ajaayibsiisaa qabaachuun dursanii fi lakkoofsa leenjistoota gurraachaa yoo ilaalte wal hin argu.''
Akka Veeyiraan jedhutti hariiroon taphattoota gurraachaa fi warra carraa leenjisummaa kennan gidduu jiru cimaa waan hin taaneef rakkoon kun mudataa jira.
Piriimiyer Liigii Ingilizii keessatti maqaa gaarii fi kabaja olaanaa kan qabu Paatirik Veeyiraan, garee Kubbaa Miilaa Firaans waliin bara 1998 waancaa nyaateera, waggaa lama booda ammoo waancaa Chaampiyoonsi Liigii argate.
Taphataa sarara gidduu Arsenaal ta'uun wayita taphataa turetti guddoo jaallatamaa kan ture Veeyiraan, kilaba kana waliinis yeroo sadi waancaa Piriimiyer Liigii injifateera.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Bara Veeyiraatti Arsenaal bara 2003 fi 2004 kilaba osoo hin mo'atamin injifannoo gonfate ta'uun seenaa galmeesseera.
Akkasumas Paatirik Veeyiraan yeroo afur waancaa kilabii Serie A nyaateera, kilabii Intar Miilaan waliinis waancaa Chaampiyoonsi Liigii Awurooppaa nyaateera.
Veeyiraan erga tapha kubbaa miilaa dhaabee booda bara 2021 leenjisummaan Kiristaal paalaas seenuusaan duratti Niwu Yoork Siitii fi Nice leenjisummaan tajaajileera.
Taphataa gameessi kun milkaa'ina har'a irra ga'eef jajjabinaa fi barnoota dursaan Maanchistar Siitii Biriyaan Marwuud kennaafii ture galateeffata.
''Yeroo baayyee Biriyaan Wuud waliin wayitan mari'adhu, an akka taphataa qofatti addunyaa kubbaa miilaa keessatti hirmaachuun ga'aa akka hin taane natti hima,'' jedhe Veeyiraan.
Isa booda barnoota leenjisummaa fudhatee kilabii Maanchistar Siitiitti garee taphattoota umriinsaanii waggaa 21 gadiitiin eegale, duuba gara Niwu Yoorki imale.
''Muuxannoo fi ofitti amanamummaa kiyya gabbifachuuf hojii kana hojjechuun dirqama koo ture. Waanan hojjechuu barbaadu hojjechuun qaba.''
''Namoota carraa kana naaf bananii akkan baradhu, dogoggoruu fi dogoggora kiyyarraa baradhu- kana hundarra darbee akkan har'a leenjisaa Paalaas ta'u kan na tumsan naannawa kiyyaa waanan qabuufin milkaa'e,'' jedha Veeyiraan.
Waldaa Kubbaa Miilaa keessatti garaagarummaawwan jiran keessummeessuuf xiyyeeffannaan kennamee hojjetamuu kan eegale bara 2020 keessa. Kaayyoonsaa qoollifannaa jiru qolachuuf ture.












