Daa'imti shugguxii mirmirsaa TV irratti mul'achusaatti abbaan to'atame

Maxxanfame

Ameerikaa bulchiinsa Indiyaanaa keessatti osoo namtichi TV irratti kallattiin gaaffiifi deebiirra jiruu mucaansaa kan waggaa afurii shugguxii qabatee mirmirsaa mul'ate tokko poolisiin to'atame.

Mucaa waggaa afurii daayipparii akkuma kaawwatetti osoo abbaan sagantaa TV poolisiirratti af-gaaffiirra jiruu shugguxii baatee ija kaameera keessa gale.

Abbaan mucaa Obbo Shaanee Osbornee kan umuriin waggaa 45, erga hollaawwan isaa mucichii kan baatee ture shugguxii ta'uu gabaasaniiiin booda, of eeggannoo gochuu dhiisuudhaan himatamuu poolisiin hime.

Namtichi kun wayita to'annoo jala oolfameetti kallattiidhaan TV Patrol irratti agarsiifameera.

Warraabbiin viidiyichaa akka mul'isetti, mucaan xiqqaa sun shugguxiin taphachuun alattis qaataa shugguxichaa osoo harkisuu mullataa ture.

Abbaan mucichaas jalqabarratti qawwee omtuu mana keessa akka hin jirree poolisiitti himuun, dhukkubsatee guyyaa guutuu mana keessa cisaa ooluu dubbate.

''Ani qawwee omaatuu hin qabu. Gonkumaa mana kana keessatti qawwee bitee hin beeku, yoo jiraates kan eessuma kooti,'' jedhee ture af-ggaafficharratti qondaala poolisitiin.

Itti dabaluunis, ilmisaa appaartimanticha keessatti ala bahuusaa akka hin argiin dubbate.

Qondaaltoonni poolisii osoo bakkicha jiranii, warri hollaa waraabbii viidiyoo qabachuun itti agarsiisan. Viidiyichis mucaa daa'imti shugguxii dhugaa qabatee kan argasiise ture.

Isaan boodas poolisiin mana Obbo Osborneet keessaa shuguuxicha arguun namticha to'annoo jala oolche.

Taateewwan kunneen hunduu kallattiidhaan TV irratti dabarfamee ture. Namichi kunis Kibxata mana murtiitti akka dhiyaatu himamee ture.

Qondaalli Poolisii naannichaa gamasaatiin ''akkuma hunda keessanii nutis baayyee naanee waan mudateen. Garuu ammoo namni kamuu, keessattuu mucaa dhalattuun sun waan hin miidhaminiif baayyee gammadneerra,'' jedhan.

Akkasumas, ''daa'ima kana balaarraa oolchuufi qawwicha to'achuuf tarkaanfii ariifachiisaa Qajeelcha Poolisii Grove Beech'n fudhatame baayyeen dinqisiifadha,'' jedhan.

Taateen kun baatiidhuma barataan waggaa jahaa mana barnootaa sadarkaa tokkoffaa Virjiiniyaa keessatti shuguxiidhaan barsiiftuu isaa rukutuun gabaafame keessa kan mudatedha.

Taatee sanaanis poolisiin haleellaa ''itti yaadame'' jechuun ibsuun isaa ni yaadatama.