Deeggartootni Ispers masaanummaa Arsenaaliif injifatamuu gareesaanii barbaaduu?

Maxxanfame

Galgala kana taphni eenyu shaampiyoonaa Ingiliz akka ta'u murteessuurratti gahee guddaa qabu tokko ni gaggeefama.

Totenhaam Hotispeer dirreessaatti Maanchistar Siitii keessummeessa. Injifachuun Siitiin liigicha garaagartummaa qabxii lamaan dursaa tapha xumuraa dirreessaatti godhamuuf akka qophaa'u hiree kennaaf.

Masaanuun Arsenaal magaalaa Landan Totenhaam ammoo hiree dhiphaa piriimiyeer liigicha sadarkaa arfaffaan xumuree hirmaannaa Chaampiyoonsi Liigii argachuuf qabuf ijibbaata.

Haata'u malee dubbiin walmakaa ta'eera. Deeggartootni baayyeen Tootenhaam masaanummaa Arsenaaliif qabanirraa kan ka'e gareensaanii Siitiin injifatamee Arsenaal hiree waancaa akka hin qabaanne barbaadu.

Leenjisaan Ispars Postekoogluun garuu deeggartotni gareensaanii injifatamuun Arseenaal waancaa piriimiyeer liigii akka hin nyaanne godhuu danda'us fedhiin isaanii kun ''gonkumaa naaf hin galuu'' jedhe.

''Morkii jabaan masaanummaan ibsamu naaf gala. Addunyaarratti masaanummaa gurguddoo jedhaman waggoota darban argeera kan Seeltikiifi Reenjeers'' jedhe.

''Garuu ammoo namni kamuu gareensaa akka injifatamu barbaaduu naaf hin galu, yoomiyyuu naaf hin galu. Kuni wanta Ispoortiin uumameef miti. Tapha kanarraa wantan jaaladhu miti wanti kun.''

Posrekoogluun dubbiisaa keessatti deeggartootni Ispars dhibbeentaa 100 gareensaa Siitii akka mo'atu barbaada jedhee akka amanu hime. Ammoo namni kamuu akka fedha isaatti waan barbaadu tarkaanfachiisuu danda'aa jedhe.

Ga'eessi ganna 58 lammii Awustiraaliyaa kun ''gadda namootaarraa gammachuu argachuun hin jiraanne'' jedhe.

''Milkaahinni dhugaan badhaasaan fakkeeffama. Sana gidduutti mirgi of tuuluu fi wanti kaanis badaa hiika naaf hin qabu'' jedha Postekogluun.

''Maaltu ta'uuf jira jettee yaadda? Akka gareetti maal gochuuf waan adeemnu sitti fakaata, ykn gareen kamuu pilaanetii kanarra jiru gchuu mala? Hamma dandeenyeen injifachuuf waan yaaluuf hin jirruu? ibsa salphaadha. Kun namootni akkam akka yaadan godha, kun nan aarsu, dhimma naaf hin kennu''