Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Arsenaal Yunaayitid mo’atee Liigicha dursuutti deebi’uurratti waan jedhamaa jiru
Arsenaal kaleessa Maanchester Yunaayitidiin dirree isaa Oold Tiraafordirratti 1-0n mo’atee Piriimer Liigii dursuutti deebi’eera.
Kun ammoo shaampiyoonaa ta’uurratti kokkee wal qabaa kan jiran Arsenaaliifi Maanchester Siitii gidduu morkii jiru tapha ishee dhumaarratti hanga ‘fiishkaan’ dhumaa afuufamtutti eeguuf dirqama taasiseera.
Dilbata Caamsaa 19, 2024 sa’aatii walfakkaaturratti (guyyaa keessaa sa’aatii 12:00) irratti Arsenaal v Everten, Maanchester Siitiin v Weest Haam dirree ofiisaaniirratti simatanii taphatu.
Arsenaal Dilbata kaleessaa tapha quubsaafi amansiisaa taphachuu baatanis, garee Maan Yunaayitid ‘ongatee’ fi wal qabachuuf rakkate argatanii qabxii sadan isaan barbaachisu fudhatanii amma 86 qabatanii waan bor galgala Tootenhaamiifi Maanchester Siitii gidduutti ta’u jalatti galanii eeggachaa jiru.
Kilaba Landan Kaabaa masaanuusaa yeroo hundaa ta’e Tootenhaam Hotispar Maanchester Siitii mo’achuun oolmaa akka ooluuf abdatu.
Qabxii 85 qabatee lamaffaarra kan jiru Maanchester Siitiin kan Kibxata bor galgalaa dirree Tootenhaamitti taphatu waliin lamatu isa hafa. Arsenaal garuu tapha tokkottii Everteniin dirreesaa Emiretisitti simatee keessummeessu qofatu hafa.
Liyaandiroo Tiroosaard daqiiqaa 20 booda dogoggora Kasemiiroon hojjete fayyadamuun kubbaa Kaay Haveert kenneef goliitti jijjiire.
Maanchester Yunaayitid gamasaaniitiin baayyee dhama’aniiru garuu yaalii cimaa karra eegaa Arsenaal Daavid Raayyaa qore garuu hin taasifne.
Tapha abood maatu jedhame?
Leenjisaan Arsenaal Mikeel Areteettaa Maanchester Yunaayidiin erga mo’ateen booda BBC Sport’tti akkas jechuun dubbate: “Har’a bakka baayyee rakkisaa ta’etti qabxii barbaadnee ture. Seenaa keenya yoo ilaallu [bakka qabxii irraa argannu] gaari hin turre. Amma qabxii arganneen gammadneerra.
“Taphicha kubbaa to’annee akka gaariitti ture kan jalqabne. Goolii lakkoofsifnee booda akkan yaadutti gooliin sun gara hin taanetti nu geessee ture.
Sababiin isaas, garam alee of eeggannoon taphachuutt nu deeise, gara malee qarqaratti baanee, garam galee duubatti deebinee gurmaa’ina gahaa hin taaneen akka taphannu nu taasiseera.
“Bakka gaarii ta’anittillee akka kubbaa of jalaa dabarsinee kenninu nu taasiseera. Kun ammoo nuuf balaa ture. Haata’u malee, sirriitti ittisnee, nurratti hi galle.”
'Kun dhuguma garee Maanchester Yunaayitidihaa? Baayyee gadhee…
Maanchester Yunaayitid bokkaa dirree Ool Tiraaforditti dhangala’u keessa goolii Arsenaaliin isaan qixxeessu argachuuf waxxifataniiru.
Osoo akka duriitii silaa Maanchester Yuniyaatid Arsenaaliifi Maanchester Siitii waliin shaampiyoonaa ta’uudhaaf morkata ture.
Bara dhufaa darbaa taphoonni maanchester Yunaayitidiifi Arsenaal gidduutti gaggeeffamu morkii sadarkaa gaarii qabatanii xumuruu ture. Ammo garuu gaheen leenjisaa maanchester Yunaayitid, Erik Teen Haag, masaanuu kan ta’e Arsenaal dorgommii shaampiyoonaa keessaa baasuudha. Garuu iti hin milkaa’iin hafe.
“Kun seenaa keessatti sadarkaa ‘gadhee’ maanchester Yunaayitid irra jirudha,” jedhe taphataan sarara gidduu duraanii Reed Deevils Roobii Sabaajee.
“Anaan addatti kan na aarsu haala walakkaa saatii gara dhumaa maanchester Yunaayitid agarsiisedha,” jedha ambbaliin duraanii kilabichaa Rooy Kiin.
Taphattoonni of ilaaluu qabu jedhe itti dabaluun.
Dubbii tapha dura dubbateen Teen Haag gareen isaa akka cimanii caba torban darbe Kiristaal Palaasiin 4-0n mo’amanirraa akka dhinaniif gaafatee ture. Haata’u malee, ciminni isaan agarsiisan hin turre jedha Kiin.
“walakkaa sa’aatii gara dhumaa yoo ilaalte- murtee murteessuun, kan dhiibee seenee dhiibbaa uumu hin turre, dogogora hjjechuufi kufuu ture, hundi isaanii gargaar deemu malee quba wal hin qaban ture,” jedha.
“Gareen Maanchester Yunaayitid – baayyee mudhukeera.”
Maanchester bara kana Piriimer Liigii keessatti taphoota 14 irrati mo’ame. Kun ammoo bara dhufu kubbaa miilaa Awurooppaa kamiyyu keessatti akka hin hirmanne isa godheera.
“Akka amma Maanchester Yunaayitid iti mo’amaa jiru kana yero ilaaltu gaaffiin manaajer ilaalchisuun ka’u ni jiraata,” jedhe kilabichaaf goolii hedduu lakkoofsisuun rikkordii kan qabate Waayinii Ruuniii dubbii Iskaay Ispoortirratti dubbateen.