Kitaabni Jawaar Naayiroobiitti eebbisiisuuf ture 'sababa nageenyaan' hafe

Jawaar kitaaba 'Hin Gaabbu' jedhee barreesse Naayiroobiitti eebbisiisuuf yaadee ture
Ibsa waa'ee suuraa, Jawaar kitaaba 'Hin Gaabbu' jedhee barreesse Naayiroobiitti eebbisiisuuf yaadee ture
Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 3

Kitaabni nama siyaasaa Jawaar Mohaammad Kamisa har'aa magaalaa guddoo Keeniyaa, Naayiroobii keessatti eebbisiisuuf ture guyyaa biraatti darbuu Jawaar beeksise.

Kunis, sababa ''baay'ina hirmaattotaa fi nageenya'' isaaniin walqabatee bulchiinsa bakka galmi itti taasifamuun ka'en akka ta'e fuula Feesbuukii isaarratti barreesse.

Jawaar kitaaba isaa 'Hin Gaabbu' jedhee moggaase keessatti waa'ee imala siyaasaa isaa fi kaan mana hidhaa keessa yeroo ture kan barreesse akka ta'e dhiheenya BBC'tti himeera.

Maddi biraa BBC'n irraa odeeffattee fi dhimmichi itti dhiheenyaan beekan ammoo Roobii galgala ''doorsisi/mormiin ifatti mootummaa Itoophiyaarraa dhufuu'' himan.

Doorsi kuni haala kamiin akkasumas qaama kamiif akka ergame wanti dubbatan hin jiru.

Dhimma kana BBC'n addatti waan mirkaneeffate hin qabu. Aangawoota mootummaa Itoophiyaatti bilbiluus deebii argachuu hin dandeenye.

Kana dura garuu kitaaba isaa Itoophiyaatti eebbisiisu kan barbaadu ta'us ''...biyyicha keessa kitaaba eebbisiisuuf dhiisii afuura baafachuunuun ulfaataadha,'' jedhee ture.

Jawaar erga Keeniyaa keessa buufachuunsaa bal'inaan himama. BBCnis baqaarra yoo jiraate gaafii dhiyeesseef, Itoophiyaatti akka deddeebi'u hime.

Ta'us, hojii isaaf haalli mijataa Naayiroobii akka taate dubbateera.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Bakki sagantaan eebba kitaabaa itti qophaa'e jechuun qopheessitoonni ibsan gamoo guddaa wiirtuu magaalaa Naayiroobii keessatti argamuufi KICC (Kenyatta International Convention Centre (KICC) jedhamudha.

Kanneen yaaddoo ibsatan kanneen gamoo kana bulchan ta'uu Jawaar barreeffama isaa karaa fuula Feesbuuk gubbaa qooderratti himeera. BBC'n bulchitoota gamoo kanarraa waan dabalataa odeeffate hin qabu.

Maddi BBC'n dubbise erga bakki eebba kitaabaa ifa ta'e booda irra deddeebbiin yaaddoon nageenyaa akka jiru gabaafamaa turuu himan.

Ta'us, koreen sagantaa qopheessu ''yaaddoon omaatu akka hin turre mirkaneessuu'' himan.

Xinxalaa siyaasaafi qondaala paartii mormituu kan ta'e Jawaar Mohaammad, guyyaa Roobii Tamsaasa Kallattii BBC Afaan Oromoo irratti dhihaachuun dhimmoota siyaasa Itoophiyaa bal'inaan dubbatee ture.

Kanaanis mootummaa Itoophiyaa amma biyya bulchaa jiru abbaa irrummaan kan himate yoo ta'u, walitti bu'iinsa biyyattii keessa adeemaa jirus mootummaan furuuf fedhii hin qabu jechuun komate.

Haala amma biyyattii keessa jiru biyya balaarra buusa jechuunis yaaddoosaa ibse.

BBC'n himannaa Jawaar dhiheesserratti gama mootummaa deebii argachuuf Waajjira Ministira Muummee, Komininikeeshinii Federaalaa, Paartii Badhaadhinaafi kaanitti bilbiluus hin milkoofne.

'Waan baay'eetu jira'

Jawaar kitaaba isaa kana keessatti imala siyaasaa hanga ammaa taasisee torban dura waa'ee qabiyyee kitaabichaa yeroo gaafatametti BBC'tti dubbatee ture.

''Qabiyyeen kitaaba kanaa yaadannoodha. Dhaloota kiyya irraa kaasee imala jireenya kiyyaati. Qabsoo Qeerroo irraa jalqabee waan hojjetamaa ture, barumsa ce'umsaa keessas waan tahaa turedha.''

Mata duree kitaaba kanaa maaliif 'Hin Gaabbu' akka jedhe yeroo gaafatamus imala isaan akka hin mufanne hime.

''Jiruu siyaasaa kana keessatti aarsaa baay'een kaffale. Hojii baay'ees nan hojjedhe. Milkaa'ina argadheera.

''Kana ilaalee yeroon madaalu aarsaan kaffale sanaafis milkaa'ina waan argadheef aarsaan kaffale garaa na nyaatu.''

Jawaar turtii BBC waliin taasiseen mana hidhaa keessaa ''lubbuun nan baha jedhee hin yaadne'' jechuunis himeera.

Dhimma isaas yoo gaafatamu ''Waan baay'eetu jira,'' jedhe.

Jawaar keessumaa qabsoo ummataa waggoota jaha dura bulchiinsa MM Abiy Ahimad aangotti fide keessa qooda bahateen bal'inaan beekama.

-----------------------------------------------------------

Oduuwwan BBC Afaan Oromoo biroo dubbisuuf as cuqaasaa.

BBC Afaan Oromoo Facebook akkasumas Chaanaalii WhatsApp haaraa eegalleerratti hordofuu dandeessu.