Libaanos: Seenaa maatii daqiiqaa muraasaaf manasaanii waliin haleelamurraa oolan

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 5

Biyya Libaanos keessatti erga haleellaa qilleensaa guddaa Israa’el guyyaa Jimaata raawwachuun hogganaa Hezbollaafi miseensota garee hidhattootaa beekamoo biroo ajjeesteen booda sodaa fi yaaddoon uumameera.

Gabaastoonni BBC naannichatti argamanis, guyyootaaf maatii buqqa'an hedduu kanneen manneen barnootaa keessa qubatan dubbisaa turan.

Manni barnootaa namoonni gara 2000 ta'an keessatti dahatanii jiru. maatiiwwann dhibbaan lakkaa'aman kanneen daree barnootaa namaan guutamee bakka dhabanis mooraa keessa rafu.

Keessattuu maatiin tokko, kan ijoollee dhiiraa qaama miidhamtoota lama kunuunsanis, naasuu ijoollee mudateen tasgabbeessuuf yaalii gochaa jiraachu dubbatan.

'Ijoollee akkookoo butadheen fiigee'

Akkoo Um Ahimad gamoo manasaanii cina jiru haleellaa qilleensaa Israa’eliin akka malee rukutamee garuu isheefii maatiinshee “haala addaatiin” lubbuun hafu dubbatti.

“Akkamitti akka baqanne hin beeku. Ilmaan ilmaankootii qabadheen fiige. Gartookkeen mana keenyaas ibiddaan gubatee ture.”

Utaalanii konkolaataasaanii seenuun, osuma gamoowwan kaan daandiisaanii irraa gubatuu abbaan warraashee konkolaataa oofuu eegale jetti.

Yoo garagalanii booddeesaanii ilaalanis manni saanii lafatti makameera. ''Mana qabna jennee kan itti deebiinu akka hin qabne mirkanneeffanneera,'' jetti Um Ahimad imiimmaan ishee udhaa.

''Bohuu hin barbaadu. Kanaan booda waanan bohuuf hin jiru. Waan qabnu hunda dhabeera garuu galata Rabbii lubbuun oolleerra.''

Ijoolleen ijollee Addee Um lamaanu miidhaa qaamaafi sammuu qabu. Isheen kan naateefi aarte fakkaatti: ''Waa'ee ijoollee Gaazaatiif baayyee gadda, garuu balleessaan ijoollee keenyaa hoo maaliidha?''

Osoo gaazexessitoota BBC waliin dubbataa jiranu gareen balaa tasaa dhiheessii kennuudhaaf sagalee guddaa dhageessisaa turan. Ijoollee isaan kunuunsaa turanis bo'iicha eegalan.

“Ilaa daa’imtii kun akkamitti akka sodaatu. Sagalee guddaa hundaan, yoo balballi rukutamulleen boo’uu fi iyyuu jalqabe.”

Kana booda ilmaan ilmaanshee halkan hirriba waan hin qabneef, isheen fi abbaan warraasheellee rafuu hin dandenye jetti. “Ijoollee akkookoo qofa osoo hin taane, ijoolleen as jiran hundi sagalee guddaa kamiyyuu yoo dhagahan nahaa jiru. Haleellaa qilleensaa itti fakkaata.”

Ganda xiqqoo naannoo Xiiros, kibba Libaanos keessa jiraatan irraa baqatan. Eddoon dahannaasaani ammoo daree mana barumsaa keessaa yoo ta'u, amma namoota dhibbaan lakkaa'aman kanneen kibba Libaanos irraa gara Beerutitti baqatan lafa dahoo ta'eera.

Kutaa saanii keessa, foddaaraafi naannoorra uffatasaanii miicuun hafaniiru.

Firaashii muraasnis lafa hafameera. Teessoon barattootaas teessuuma maatii Um Ahimad ta'eera. Distii itti waa bilcheeffatanii fi mijaalas muraasa qabu.

Osoo Um waliin haasoofnuu abbaan warraa ishee Baaraakat nu waliin ta'a. Waa'ee Hezbollaa homaa osoo hin kaasiin, lola kanaaf namoota siyaasaa komata.

“Dhaggeeffadhaa ummata Gaazaa deeggaruun akka nu barbaachisu nan beeka, garuu sun waraana keenya hin turre. Lafa keenya eeguu akka barbaannu beekamaadha, garuu nuuf, warra Libaanosif, ofii keenyaaf falmuu qabna.”

Akkuma maatii hedduu asitti argaman yeroo jalqabaaf kan buqqa'an miti. Bara 2006 fi 1982ttis mana isaanii dhaban. Kun amma yeroo sadaffaati.

Baaraakaatiifi maatiinsaa dhama’anii waraana akka hin barbaanne dubbata. "Ijoolleen Israa’el akka du’an, ijoolleen keenyas akka du’an hin hawwinu. Nagaan jiraachuu qabna.”

Nagaan ni jiraata jettee yaaddaa jedheen gaafadha. “Ani akkas natti hin fakkaatu. Netaaniyaahuun nagaa hin barbaadu. Amma baay’ee ifaadha waraanni kun bara 2006 (yeroo Israa’elii fi Hebollaan waraanaaf deeman) caalaa baay’ee cimaa ta’uuf deema, mirkanaa’aadha.”

''Akkuma Gaazaa keessatti daa'immaniif booynu, ijoollee ofii keenyaafis boonye. Akkuma Israa’eloonni ijoolleesaaniif boo’anii fi sodaatan nutis akkasuma,” jetti Um.

Ergaa waraana Israa'el irraa

Maatin gara biraas dubbiifneerra. Isaanis ''Beeksisa gabaabaa nu kennamee ture. Ergaan waraanni Israa'el bilbila keenyatti erge, mana keenya keessaa akka baanu kan jedhuudha,'' jechuun maanguddoon ganna 65 Kamaal Mouhsen nutti himan.

Namoota hedduu ergicha guyyaa Sambataa naannoo guyyaa walakkaa argatan keessaa tokko ture. “Daqiiqaa 30 hanga 40” booda ammoo haleellaan qilleensaa walduraa duubaan naannicharratti raawwatame jedha.

“Homaa fudhachuu hin dandeenye. Furtuu konkolaataakoo qofa qabadhee maatiikoo waliin ba’e.”

Tiishartii fi qumxaa uffatee jira. “Amma kan qabnu waan uffannee argitan qofadha.”

Intalasaa, ilma ilmasaa fi ollaasaa lama waliin mooraa mana barumsaa itti dahatan keessa taa'anii turan.

''Bakkeen hin jiru asi. Namoota kibbaa baqataniin guuteera.'' Guyyaa jalqabaatiif ala bulan. Garuu har'a garuu firriisaanii achii baqatan asitti argatan. Kanaafu wal jalaa siqanituma kutaa tokko keessa waliin bulaa jiru.

“There is no available space here. It is full of people who fled the south.”

''Amma namoota 16 waliin kutaa tokko keessa jiraana'' jetti Naadaa, intalli Obbo Kaamaal. ''Bara lola bara 2006's as dhufneerra.''

Naadaan waraanni kun caalaa rakkoo akka ta'u amanti. ''Israa'eloonni hogganaa Hezbollaa ajjeessaniiru. Kun mataansaa amma haalli cimaa ta'u agarsiisa.''

Sodaa diroonii

Osoo gaazexessitoota waliin dubbataa jiranu sagaleen diroonii Israa'el cimaan dhagahame. Yeroo gadi siqee samiirra naannawus sittiitti mul'ata ture.

Achiniis daqiiqawwan muraasaan booda karaa duubaarraatii sagalee duum jedhu tokko dhageenye.

Silaa Israa'eliti Daahi'eh kan mana barnootaa sanarra baayyee hin fagaanneetti, haleellaa haaraa raawwatte.

Naadaan maatiin ofii saaniifi ijoolleen akka yoo deebii'aniitti mana omaatuu hin agarre sammuun akka qophaa'an yaalii taasisaa jiraachu dubbatti.

Kutaa qulqullinaa mana barnootaa keessaa ganama bishaa dhumuu mutti himamee ture. Hojjattoonni garuu sirreessuuf kan danda'an raawwataa turan.

Deeggarsi qaqabuu eegale

Konkolaataan fe'umsaa tokko banuudhaan hojjettoonni firaasha duubarraa harkiisuun buusuu jalqabu. Yoo xiqqaate namoonni tokko tokko halkan kana konkiriitii cabbaa'aa irratti hin rafan.

Garuu hogganaan mooraa sanaa hanga yoomitti manni barumsichaa namoota hedduu kana gargaaruu fi keessummeessuu akka danda'u yaada akka hin qabne BBCtti himan.

Tola ooltonni baay'een as dhufaa jiru - warra mana hin qabneef wantoota barbaachisoo ta'an fidanii jiru. Maatiin kutaalee Libaanos biroo ykn naannoo Beerut biroo fa'i irraas dhufaa jiru. Uffataa fi nyaata tokko tokko fidaa jiru.

Haata'u malee, hogganaan kun namoota as jiran hundaaf gahaa akka hin taane dubbatan. Keessumaa kanneen biroo dhufaa jiran, Beerut qofa irraa osoo hin taane, kutaalee Libaanos biroo Israa'eliin irratti xiyyeeffata keessaa ta'u himu..