Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Michuun Tiraamp Istiiv Baanoon hokkara Kaapitool irratti dhugaa bahuuf waliigale
Gargaaraa pirezidaantii duraanii Ameerikaa Doonaald Tiraamp kan ta'e Istiiv Baanoon, hokkara Kaapitool Amajjii 6'tti mudate ilaalchiisuun dhugaa bahuuf fedhii qabaachuu koree mana maree dhimmicha qoratuutti himuu midiyaan biyyattii gabaasan.
Hanga yoonaatti didaa ture. Garuu ammoo xialayaa maddda oduu CBS argteen, abukaatoon isaa Mr Baanoon dhiyaatanii dhugaa bahuudhaaf fedhii qabaachuu kooteetti himeera.
Mr Tiraap gama isaatiin dhigaa baatiin kunis ''faayidaa'' lammiilee Afeeriikaatiif jechuun dhagahameera.
Koreen filatamee kunis attamiin deeggartoonni Tiraampi akka itti Amajjii 6 irratti Kongirasii cabsanii seenuun miseensonni mama marichaa osoo injifannoo filannoo Baayidan mirkaneessaa jiranuu akka itti hokkara kaasan gara waggaa tokkootiif qorataa jira.
Mr Baanoonis dhimma hanga okkooraa qaqabsiisee kana irratti waan beekan akka dhugaa baahaniif maxiraan kennamuuf illeen hanaga yoonaatti didee ture.
Innis mirga ''seera raawwachistummaa'' dambii seeraa kominikeshiiniiwwan Waayit Haawuus hedduu ittiin eegamuun haguugamuu kaasaa ture.
Haata'u malee tibba okkoora Kaapitool sanatti, Mr Baanoon gorsaa seera qabeessa pirezidaantichaa hinturre. Kanaafuu dambii seeraa sanaan hin aguugamuu jedha korichi.
Michuun Tiraamp kun yoo dhuguma dhugaa bahan dhimma taatee okkooraa sanarratti waan tureerratti kallattii haaraa ni kennu jedhamee abdatameera. Akka korichi jedhuutti, gorsaan Tiraampi kun osoo taateen sun hin raawwatamiin dura waa'ee karoora isaa irratti hubannoo adda akka qabu amanama.
Tiraamp mataanisaa dhaddachicha irratti 'admoo gam-tokkee' jechuun jechuun komataa turan. Kanaafuu Mr Baanoon akka dhugaa bahaniif deeggarsa isaa kenneef jedhameera.