Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Gursumitti namoonni 'nuti beektota, dawaa isiniif goona’ jechuun namoota 28 irratti miidhaa qaqqabsiisan to’ataman- Poolisii
Harargee Bahaa aanaa Gursumitti namoonni ‘nuti beektota, dawaa isiniif goona’ jechuun namoota 28 irratti miidhaa qaqqabsiisan to’atamusaanii poolisiin beeksiisan.
Gochaan ‘goyyomsuu’ kun ALI ji’a Hagayyaa bara 2015 Aanaa Gursuum araddaa Odaa Nagaa keessatti akka raawwatame ragaan poolisii Godina Harargee Bahaa hima.
Shakkamtoonni ammaaf maqaan isaanii hin eeramne sadeen aanicha keessatti ‘dawaa habashaa isiniif goona’ jechuun namootarratti miidhaa qaqqabsiisuu Itti Gaafatamaa Komunikeeshinii fi Miidiyaa Qajeelcha Poolisii Godina Harargee Bahaa kan ta’an Komaandara Itti Aanaa Tolasaa Goshuu BBC’tti himaniiru.
“Gochi raawwatame kuni namoonni dhuunfaan ‘nuti beektota, dawaa isiniif goona’ jedhanii namoota waldhibdee lafarratti qaban, waldhibdee jaarsaafi jaartii gidduu jiru akkasumas dubbii mana murtiirratti qabaniin namoota 28’n ‘dawaa habashaa isiniif goona’ jechuun goyyomsan,” jedhan.
Namoonni kun ‘falmii mana murti akka mo’attan goona’ jechuun maallaqa miidhamtootarraa fudhachuu himuunis, “Dubbii seerri qabatee jiru ‘sirraa hambisna’ jedhanii waan kanatti fayyadamuun uummata goyyomsuudha” jedhan.
Gochaa kana raawwachuun kallattiin kan hirmaatan namoonni sadeen, miidhamtoota 28 kunneen irraa tokkon tokkoon isaaniirraa qarshii 200 hanga 1,000 fudhachuu isaaniis Kom. I/A Tolasaa Goshuu himaniiru.
Shakkamtoonni sadeen “dawaa habashaa beekna, nama maraate ni fayyisna, nama rakkoo qabu ni hiikna, nama himata (mana murtii) qabummoo himannisaa akka irratti hin mirkanoofne ni taasisna akkasumas namoota waldhibdee mana keessaa qabanimmoo namni sun akka hin dubbanne, akka inni maraatu, akka inni jaanja’u goona jedhamee warra dawaa habashaatti fayyadamudha” jedhan qondaalli Poolisii BBC’f yaada kennan kun.
Miidhamtoonni gochaa shakkamtoota sadeen kanaan dhukkuba sammuu fi qaamaaf saaxilaman jiraachuus kan dubbatan Kom. I/A Tolasaan, ammatti namoota 28 keessaa 9 miidhaa irra gaherraa fayyuu isaanii himaniiru.
“Namoota 19 hafan immoo ‘deebisnee fayyisna’ jedhanii araddaarra taa’anii dawaa adda addaa dibanii namoota kana tajaajilaa jiran. Kunis poolisii waliin dubbatanii poolisiin yeroo baatii tokkoo kenneefiiti” jedhan.
“Namoonni sammuun maraatanii sibiila akka kaateenaa dalagduun hidhamanii mana mana jiran jiru” jedhan.
Akka ragaan Poolisii agarsiisutti miidhamtoota 28 keessaa 27 dhiirota yemmuu ta’an tokko immoo dubartiidha.
Gochaan kun uummata keessatti miidhaa fidaa waan jiruuf hawaasni hubannoo fudhatee akka balaaleeffatuuf akka ofeeggannoo akka godhu kan dhaaman Komaandara Itti Aanaa Tolasaa Goshuu, namoonni shakkamtoota sadeen bira deemuun tolcha hojjechiifatan lamas to’annoo jala ooluu himaniiru.
“Namoonni lamaan kun jara bira deemanii ‘akkas naaf godhi’ jedhanii maallaqa kan itti kennanidha” jedhan.
Shakamtoonni ammatti Mana Murtiitti kan hin dhiyaanne yemmuu ta’u, Poolisiin dhimma isaanii qorachaa akka jirus himaniiru.
Gama biraatiin dhimma baala dawaa jedhamee kan gaafanne Kom. I/A Tolasaan, “Baala yoommuu jedhamu baala adda addaati. Hidda mukaas, baalas ta’uu danda’a. Kana namoota waan kana dalagutu beeka” jedhan.
Qorannoo poolisiin hanga ammaatti taasiseen shakkamtoonni sadeen kun heeyyama dawaa hojjechuus ta’e kanbiraa akka hinqabnes akka ta’es dubbatan.