Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Hantuuta magaalaa Niiw Yoork adamsuuf beeksisni hojii beessee guddaa kaffalu bahe
Hantuutoonni magaalaa Niiw Yoork keessaa 'of eeggadhaa, balaan isinitti bu'uuf jira' jedhaman - maaliif jennaan, namni isaan to'atu itti ramadamuuf.
Waajirri kantiibaa magaalichaa Erik Adaams, ''diina dhugaa'' magaalattii qolachuuf ''daarektara to'annaa hantuutaa'' barbaadaa jira.
''Namni gita kanaaf tolu si'oomina kan qabuufi dhiiga kan dheebote tahuu qaba,'' jedha beeksisni hojii qoosaa fakkaatuufi torbee kana bahe.
Namni hujii kana milkaa'ee argatu hanga doolaara 170,000 yookaan Birrii Itoophiiyaa miiliyoona 9 ol waggaatti argachuu mala.
Hojiin kun ''torban guutuu, sa'aatii 24 cichoomaan hojjechuu gaafata...,'' jechuunis ibsame.
Itti gaafatamummaa hujii kana keessaa tooftaalee to'annaa hantuutaa midhaasuu, pirojektootaafi qajeelfamoota adda addaa hoogganuu, akkasumas dirree bahanii maloota balleessuu fayyadamuu dabalata.
"Hantuutoonni beeksisa hojii kanaa jibbuun isaanii hin oolu. Garuu jiraattonni Niiw Yoork miiliyoona 8.8 akkasumas mootummaan magaalattii; lakkoofsa hantuutaa xiqqeessuu, qulqullina dabaluufi dhukkuba to'achuu irratti si wajjin hojjechuuf qophiidha,'' jedha beeksisni hojii kanaa.
Kunis qaama ''waraana hantuutaa'' irratti Onkololeessa keessa baname oggaa tahu, hojiileen amma dura hantuuta to'achuuf taasifaman hagas mara hin milkaa'in hafaniiru.
Tarkaanfiiwwan amma dura fudhataman keessaa: bakka balfa itti gatan daandiiwwan gubbaa qopheessuu, yeroo jiraattonni balfa manaa baasan jijjiiruu, akkasumas seera itti fayyadama laastika balfaa hantuuta dandamatu baasuu dabalata.
Waggoota dhiyoon asitti magaalaa Niiw Yoork keessa lakkoofsi jiraattotaa hantuuta argine jedhanii akkaan dabaleera.
Bara 2019n yoo walbira qabamu, tajaajilli maamiltootaa magaalattii jiraattonni nutti bilbilan %67n dabalaniiru jedha.
Magaalattii keessa hantuunni miiliyoona lama tahan daandiiwwaniifi sarara baaburaa keessa mumunyuuqu jedhamee tilmaamama - kunis jiraattota Niiw Yoork afuriif hantuuta tokko akka jechuuti.
Haatahu malee gabaasni American Housing Survey 2021 keessa bahe magaalonni Niiw Yoork caalaa hammaatan jiru jedha.
Akka gabaasa kanaatti Niiw York sadeessoo irratti kan argamtu ogguu tahu, magaalonni Bostan fi Filaadalfiyaa mandhee hantuutaa isaan jalqabaati jedha.