Yukireen misaayiloonni Raashiyaa Kireemiyaatti barbadaa'uu beeksifte

Suuraa dhohiinsaa

Madda suuraa, SASHAKOTS/TWITTER

Maxxanfame

Dho’iinsi Kaaba Kireemiyaa, iddoo Raashiyaan humnaan Yukireenirraa fudhattetti mudate misaayiloota Raashiyaa baaburaan fe’amee imalarra ture barbadeessuu Ministeerri Ittisaa Yukireen beeksise.

Bulchaa Raashiyaan magaalaa Zhankoyi jedhamutti muudde Ihoor Iviin akka himanitti, naannichi dirooniidhaan haleelame.

Yukireen dho’iinsi sun qaqqabuu ibsuun, dho’iinsi akkasii waanuma baratame jechuun ibsuurra kan darbe haleellaa kana duuba akka turte garuu hin amanne.

Yukireen haleellaa kana raawwachuun yoo mirkanaa’e, haleellaa waraanni Yukireen Kireemiyaatti akka tasaa qaqqabsiise ta’uusaati.

Raashiyaan bara 2014 humnaan Kireemiyaa Yukireenirraa dhuunfatte.

Ministeerri Ittisaa Yukireen ibsa baaseen akkas jedhe: ''Dho’iinsonni boombii adeemsa Raashiyaa meeshaalee waraanaa hiikkachisuu itti fufsiisa, akkasumas dachee Yukireen kan taate Kireemiyaa weerartootarraa bilisa baasa.''

Yukireen akka himtetti, misaayilota haleelaman sana silaa doonii Raashiyaa Galaana Gurraacharratti argamutu itti gargaarama ture.

Bulchaan Raashiyaan magaalaa Zhankoyi jedhamutti muudde Ihoor Iviin akka himanitti, dargaggeessi ganna 33 diroonii rukutamtee kufteen madaa’e tokko hospitaala geeffameera.

Qondaalli Raashiyaan muudde kun haleellaa maadhee waraanarratti qiyyaafte garuu qaqqabuu hin ibsine.

Ihoor Iviin akka himanitti, gamoowwan hedduutti ibiddi qabate, raabsaan annisaa elektirikiillee barbadaa’e jechuun miidiyaa biyyattiitti himan.

Raashiyaan yeroo xumuraaf Yukireen haleellaa diroonii doonii Galaana Gurraacha, buufata doonii Kireemiyaa kan ta’e Sevaastopool irratti argamu haleelte jette kan balaalaeeffatte Onkoloolessa bara 2022 ture.

Yeroo sanatti dirooniwwaan sagaliitu doonii waraanaa kana haleeluuf bobbaafame jette Raashiyaan.

Yukireen garuu haleellaa sanaaf itti gaafatamuummaa otoo hin fudhanne.