Loltootni Israa'el saddet Raafaatti ajjeefaman, Israa'el gargaarsaaf hulaa Gaazaarratti lola dhaabuu ibsite

Madda suuraa, Reuters
Israa'eel erga Samabta kaleessaa dhohiinsa Kibba Gaazaa keessatti raawwatameen loltoonnishee saddeeti jalaa ajjeeffamanii booda, deeggarsi namoomaa akka seenuuf daandii kibba Gaazaarratti lola akka dhaabdu beeksiifte.
Miidhaan Sambata kaleessaa loltoota Israa'el mudate kunis taatee hamaa loltota Israa'el irratti xiyyeeffateedha jedhameera.
Loltoonni kunneenis osoo konkolaataa waraanaa keessa jiranuu dhohinsa irra qaqabeen ajjeeffamu Waraanni biyyattii ibseera.
Loltoonni kunneenis duula Raafaa al-Sulxaaniitti taasisan irraa deebii'aa osoo jiranuu osoo konkolaataarra jiranu ta'un ibsameera.
Miidiyaaleen Israa'el akka gabaasaniitti, waraanni israa'el loltoota 50 ajjeessaniiru. Ministeerri Fayyaa Gaazaa kan Hamaasiin durfamu filisxeemoonni 30 ajjeeffamu beeksiise.
Humni Ittisa Israa'el (IDF) ibsa toora X isaa irratti baaseen, kanneen ajjeeffaman keessaa kaapteen Waasam Maahimuud kan waggaa 23 tokko ta'u ibsee, loltoota kaan erga maatiitti beeksiiseen booda ifa akka godhu ibse.
Ministirri Mummee Beenjaamiin Neetaanyaahuun gamasaanitiin, Israa'el ''waraana haqa qabeessa biyya keenya ittisuuf taasfneen haarsaa onnee nama cabsu baafneerra'' jedhan. ''Jiraachuu keenyaafi lubbuu keenya eegeeree mirkanneessuuf'' waraana kana itti fufna jedhan.
Gama biraatiin ammoo, waraanni Israa'el daandii Kibba Gaazaa irratti deeggarsi namoommaa dabalataan akka galu gochuuf ''sochii waraanaa tarsimoowaa'' guyyaa guyyaadhaan akka taasisu beeksiise.
Lola dhaabuun Dilbata har'aa eegalu kunis akka sa'aa biyyatti kan 08:00 irraa 19:00 hanga beeksiifni gara biraa kennamutti turuudha jedhameera.

Madda suuraa, Getty
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Dhukaasa dhaabuun kunis kan daandii guddicha guyyaa Sabmata Keereem Shaaloom karaa Gaazaan Israa'el waliin waliin qooddatan irra qaxxaamuruun gara kaabaatti geessuu qofaarratti raawwatama jedhameera.
Israa’el rakkoon namoomaa Gaazaa keessatti mudate akka hin hammaanneef Ameerikaa dabalatee michootashee hedduurraa dhiibbaa itti fufiinsaan irra ga’aa turte.
Ibsa Raayyaan Ittisaa Israa’el (IDF) Dilbata baaseen hordofuun, ''marii dabalataa UN fi dhaabbilee idil-addunyaa waliin taasifame walqabateen hordofeeti'' jedheera.
Daandiin deeggarsa namoomaatiif lolli irraa dhaabbatu kunis qaxxaamuraa Karam Shaalom kan Kibba Gaazaa irraa gara daandii Saalaah al-Diin - daandii mummee guddicha - achiinis gara kaaba gara Hospitaala Awurooppaa naannoo magaalaa Kaan Yuunis jirutti kan geessudha.
Waraanni Israa'el barreeffama toora X irratti barreesseen, Kibba Gaazaa stiriip keessatti dhukaasa dhaabuun akka hin jirreefi Raafaa keessattis lolli akka itti fufu ifa taasiseera.
Loltoonni erga Israa’el ji’a tokkoon dura Raafaa seeneenuudhaan, qaxxaamura Raafaa kan gama Gaazaatiin Masrii waliin jiru to’annoo jala oolchanii booda, namoonni hedduun akka ka'aniif ajajuun isaanitiin wal qabatee namoota kuma dhibbaan lakkaa’aman Raafaa keessaa baqataniiru.
Qaxxaamurri kunis, kan tibba tokko ulaa gargaarsi ittiin seenan ijoo kan ture, ergasiin booda cufameera.
Israa’el oppareshiniin Raafaa keessatti gaggeessaa jirtus garee Hamaas bakka buufata isaa “cimina guddaa isa dhumaati” jettee waamtu keessaa ari’uudhaaf barbaachisaa ta’uu dubbatti.
Dhaabbileen idil-addunyaa waa'ee haala namoomaa hamaa Gaazaa keessatti mul’atu akeekkachiisuudhaan, gargaarsi namoomaa dabalataa akka gadhiifamuf irra deddeebiin waamicha dhiyeessaniiru.
Roobii darbes Daarektarri Olaanaa Dhaabbata Fayyaa Addunyaa, Dr Teediroos Adihaanoom gabrayasuus, ummanni Gaazaa harki baayyeen, ''beela hamaa fi hanqina nyaataa beela cimaa fakkaatu'' mudachaa jira jedhan.












