Pirezidantii Iraan balaa xiyyaaraan du’an bakka bu’uuf dorgomaa kan jiran eenyufa'i?

Kaadhimamtoota pirezidaantummaa Iraan

Madda suuraa, EPA

Ibsa waa'ee suuraa, (Bitaa gara mirgaatti) Sa'iid Jaliili, Mohaammad Baqer Qaliibaf, Moosud Pezeeshkiyaan, Musxafaa Pormohaammadi, Amirhoseen Qaziizaadeh, fi Alireezaa Zakaanii
Maxxanfame

Bakka pirezidaantii Iraan balaa xayaaran du'anii, Ibraahim Raa'isii, akka dorgomaniif Maanni Maree Eegumsa Iraan kaadhimtoota jaha ifa godheera. Filannoon pirezidaantummaas ji'a kana akka gaggeeffamu ibsameera.

Kaadhimamtoonni jahaan filannoof dorgomuuf jedhan kun hundisaanii ilaalchafi ijjannoo Gaggeessaa Olaanaa biyyattii Ayaatolaa Khameeniitiin adda miti jedhama.

Bakka pirezidaantii balaa helikoptaraan du'anii bu'uuf dorgommiif iyyata kan galfate namoota 80 ta'uu kan ibse Manni Maree Eegumsaa, isaan keessaa kanneen ilaalcha warraaqsafi amantii irratti seenaa gaarii qabu jedhe jaha ifa godheera.

Kaadhimamtoonni jahaan pirezidaantii Iraan ta'uuf dorgoman kunneen jahaan eenyu isaan? Maalin beekamu?

Sa'iid Jaliilii

Madda suuraa, EPA

Sa'iid Jaliilii

barreessaa olaanaa duraanii Mana Maree Olaanaa Nageenya Biyyoolessaa Iraan turan. Akkasumas dhimma nikulara biyyattiirraatti adda dureen wal-tajjii garaa garaa irratti dhiyaachun mariyachuun beekamu.

Dhimma marii nikulara Iraan irratti nama Ayaatolaan sirriitti itti amananiidha jedhama.

Ammas Sa'iid Jaliilii dursaa garee marii nilkularaa Iraan ta'uun tajaajilaa jiru. Biyyoota addunyaa guddatan waliin dhimma nikularaa Iraan yeroo mariyataan ijannoo Iraan ibsuun kan beekamaniifi biyyattiin sagantaa nikularaasheerraa akka duubatti hin deebineef nama gahee bahatanis jedhamu.

Gama biraan ammoo nama amantii leellisuufi rincicaa akkasumas muuxannoo aangoo siyaasaa murtee kennuu gaafatu hin qabneedha jedhamuun filannoo kanarratti milkaa'uu dhiisuu mala kan jedhan jiru.

Mohaammad Baqar

Madda suuraa, EPA

Mohaammad Baqar Qaliibaaf

Morkataan biraa bakka Ibraahim Raa'isii bu'u jedhamnii egaman gameessa Mohaammad Baqar Qaliibaaf jedhamaniidha.

Yeroo ammaa af-yaa'ii Parlaamaa Iraan ta'uun tajaajilaa jiru. Keessoo mootummaa Iraan bareechanii beekunsaanii aangoo pirezidaantummaa kanaaf ni malu jedhamee eegamaa jira.

Kanaan dura aangoo olaanaa garaa garaa irra hojjataniiru. Janaraala Waraaqsa Eefumsa Iraan ta'uun tajaajilaniiru.

Akkasumas Kantiibaa magaala Tehraan turan. Ajajaa olaana humna poolisii Iraan ta'uunis hojjataniiru.

Alireza Zakani, Amirhossein Qazizadeh Hashemi fi Mostafa Pourmohammadi

Kaadhimamtoonni biroo sadan ammoo kantiibaa magaala Tehraan kan ta'an Alireezaa Zakaanii, pirezidaantii ittaanaa biyyattii Amiirhoseen Qaziizaadeh, akkasumas Musxafaa Pormohaammadi ta'uunsaanii ifa ta'ee jira.

Musxafaa Pormohaammadi kanaan dura Ministiira Haqaa akkasumas Ministiira Dhimma Biyya Keessaa ta'uun hojjataniiru.

Pireezindaantii Iraan balaa helikoptaraan du'an, Ibraahim Raa'isii, waliin bara 1980oota keessa "Koree Ajjeechaa" jedhamuun beekamu keessa turan.

Koreen kun lammiilee Iraan heddurratti murtee du'aa dabarsee akka turetu himama.

Masuud Pezeshkiyaan

Kaadhimamtoota jahaan keessaa ilaalcha leellistummaa baay'ee hin qabu kan jedhamu miseensa Parlaamaa kan ta'an Masuud Pezeshkiyaanidha.

Iraan keessatti namoonni ilaalcha leellistummaa hin deeggarre biratti jaalatamaa waan ta'eef carraa filannoo kana mo'achuu danda'a jedhamee eegama.

Sanyiin isaa Azeerii waan ta'eef keessumaa hawaasa Iraan Kaaba Baha naannoo daangaa Turkii jiran biratti fudhatama argachuu danda'a.

Mohaammad Ahamaddinejad

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Pirezidaantiin duraanii Mohaammad Ahamaddinejad pirezidaantummaaf akka hin dorgomne dhorkaman

Namoonni biroo biyyattii keessatti maqaa guddaa qaban lama: pirezidaantii duraanii Mohaammad Ahamaddinejad fi Alii Larijaanii filannoo kanarratti akka hin hirmaanne godhamaniiru.

Alii Laarijaanii nama ilaalacha amantii leellistummaa qabuufi afyaa'ii paaralaamaa biyyattii marsaa afur tajaajilaniidha.

Namoonni kun lamaan filannoo keessaa akka hafan godhamuunsaanii carraan filannoof qophaa'e dhiphaafi kanneen ilaalcha leellistummaa qabaniifi Ayaatolaadhaf abboomaman qofaan akka kaadhimamtummaa to'atan godhamaniiru jedhama.

Namoonni ilaalcha siyaasafi amantii leellisan pirezidaantummaaf akka kaadhimaman godhamuunsaanii filannichi osoo hin gaggeeffamin bu'aan filannoo akka beekamu taasiseera jedhamaa jira. Kunis aangon biyyattii harka pirezidaantii ilaalcha leellistummaa akka galu Ayaatolaa Khameenin dursanii haala mijeessaniiru kan jedhuudha.