Raashiyaan, Yukireen Intala gorsaa Putiin dhiyeenya Mooskootti ajjeefte jettee himatte

Darya Dugina

Madda suuraa, Reuters

Maxxanfame

Gareen addaa Yukireen tokko Raashiyaa dhiyeenya magaalaa Mooskootti intala gorsaa Puutiin boombiin ajjeesaniiru jechuun Raashiyaan himatte.

Intalli dubaraa ganna 29 Darya Dugina, gaazexeessituu yoo taatu konkolaataa isheerratti boombii hidhameen Dilbata darbe ajjeefamte.

Abbaan ishee Aleeksaander Dugiin, michuu gaarii pireezidant Puutiin waan ta'aniif intalli isaani qiyyaafannoo keessa galtee jedhameera.

Aanga'onnii Yukireen himannaa Raashiyaa kana fudhatama dhabsiisaniiru.

Tajaajilli Nageenya Federaalaa Raashiyaa ibsa Wiixata baaseen ragaa argate osoo hin ibsiin ajjeechaa kana kallattiin kan raawwate Yukireeni jechuun himate.

Ibsi kuni dubartiin Yukireeniin qacaramte mucaa ishee dubaraa qabattee Raashiyaa kan galte walakkeessa ji'a darbee ture jedheera.

Itti dabaluunis dubartiin kun qe'ee intalli Dugiin keessa jiraattu kireeffattee waayee jireenya intalaa qorachaa turtee jedheera.

Konkolaataana xiqqaan qacaramtuun kun ittiin socho'aa turte lakkoofsa gabatee adda addaa sadii qabas jedhe.

Shakkamtuun kun battala ajjeechaan kun raawwateen gara biyya ollaa Istooniyaatti baqatteetti jedha ibsichi.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Michuun Putiin amma mucaan isaanii ajjeefamte kun hayyuu falaasamaa yeroo ta'an Sanbata mucaan isaanii ajjeefamtee waliin dhiyeenya magaalaa Mooskootti feestivaala tokkorratti argamanii barsiisaa turan.

Mucaa isaanii waliin konkolaataa tokko keessa taa'anii deebi'uuf kan turan ta'us booda yaada jijjiiranii konkolaataa adda addaan deebi'aa turan.

Boombiin konkolaataa gaazexeessituun ganna 29 oofaa turte Toyota Land Cruiser yeroo ta'u boombiin kan hidhamee ture jala isaati.

Viidiyoon miidiyaa hawaasaarra gadhiifame abbaan ishee bakka konkolaataan ishee ibiddaan gubatu dhaabatanii hojjettootni farra ibiddaa gargaarsaaf dhufaan ilaalan mul'iseera.

Dugiin mucaan isaanii kan ajjeefamte ''gocha shororkeessummaa Yukireen kan ilaalcha Naazummaa leellisuun'' jechuun dubbataniiru.

Ilaalcha kana Raashiyaan irra deddeebiin kaasuun mootummaa Yukireen ittiin himatti.

''Intalli koo Darya Dugiinaa ana duratti gara jabinaan ajjeefamte'' jechuunis dubbataniiru.

Itti dabaluunis, ''Isheen dubartii bareedduu Ortodoksummaa hordoftu, kan biyya ishee jaalattu, dhimma waraanaa kan gabaastu fi ogeettii falaasamaati''

''Injifannoo keenya qofa barbaanna'' kan jedhan abbaan ishee, mucaan isaanii kan lubbuu dhabde waraana kanaaf waan ta'eef waraanichi injifannoon akka xumuramu dhaaman.

Gorsaan Putiin waraana Raashiyaan Yukireen irratti bante ifatti deeggaru.

Mucaan isaanii amma ajjeefamte kunis hariiroo maatiin ishee bulchiinsa Putiin waliin qabaniif mootummaa UK'n qoqqobbiin irra kaahameera.