Naannoo buufata nikularaa Yukireenitti waraanni akka hin gaggeeffamneef biyyoonni lixaa waamicha dhiyeessan

Madda suuraa, Getty Images
Biriteen, Faransaay, Jarmanii fi US nageenyi buufata nikularaa Yukireen, sababa waraanatiin yaaddessaa ta'e, akka mirkanaa'u gaafatan.
Gaggeessitoonni biyyoota lamaanii ergaa karaa bilbilaa dabarsaniin Yuukireen haleellaa Raashiyaa akka ofirraa qolattuuf gargaarsa isaanii cimsanii akka itti fufan ibsan.
Haleellaa buufata anniisaa nikularaa guddicha irratti deddeebin gaggeeffamuuf Yukireen fi Raashiyaan wal himataa jiru.
Pirezidaantin Yukireen Volodmir Zeleniskiin Guyyaa Walabummaa biyyattiin kabajachuuf jirtuun wal qabsiisee ergaa dabarseen, lammiilen biyyattii jabaatanii akka falmatan dubbate.
"Raashiyaan waan fokkisaa fi hamaa raawwachuu dandeessi, kaayyon diina keenyaa nu qaanessuudha. Waan nurra gahu hunda ofirraa qolachuuf cimuu qabna," jedhe Zeleniskiin.
Raashiyaan erga Yukireen weerartee ji'a jaha guutee jira. Yukireen ammoo waraana keessa teessee Hagayya 24, 2022 Guyyaa Walabummaa ishee kabajachuuf jirti.
Biyyoonni lixaa afur Dilbata akka isaan karaa bilbilaa wal argan kan godhes waa'edhuma waraana Yukireenidha.
Pirezidaantii US Joo Baayidan, Faransaay irraa Imaanu'el Maakron, Booris Joonsan UK irraa fi Chaansilarii Jarman Olaaf Iskoolz ta'aniii dhimma haleellaa buufata nikularaa Yukireen irratti gaggeeffamaa jiruu fi deeggarsa Yukireenif godhamuu qabuu irratti mariyatan.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Dhuma wal gahii isaanii irratti naannoo buufata nikulara Zapporizyiyaatti waraanni akka hin gaggeeffamneef waamicha dhiyeessanii jiru. Lolli naannoo buufata anniisaa nikularaa kanatti gaggeeffamu gaaga'ama guddaa akka fidus akeekan.
Ogeeyyin UN bakka buufata nikularaa deemanii akka ilaalaniif waamicha UN dhiyeesse Pirezidaantin Raashiyaa Vilaadmir Puutin tole jechuu isaanii gaggeessitoonni biyyoota lixaa kun waan gaaridha jechuun simatan.
Gageessitoonni biyyoota lixaa kun arfan deeggarsi waraanaa Yukireenif taasifamu cimee akka itti fufu walii galuu isaanii beeksisan.
Yukireen naannoo buufata nikulara Zaporizyiyaatti dhiyoo kan argamtu magaala Nikooppolitti haleellaa misaa'elaa raawwatamuu himte.
Sanbata darbe Hagayya 20, 2022 dooniwwan waraanaa Kirimiyaatti argaman diroonin haleeluu Yukireen beeksifte. Raashiyaan gama isheetin Kirmiyaatti diroonii Yukireen rukuttee kuffisuu himte.
Guyyoota dhiyoo as haleellawwan diroonii heddu Kirimiyaa keessatti Yukireen raawwachuu ishee gabaafamaa jira.
Haleellaan Hagayya 18 magaala Sevaastooppolitti buufata xayyaara waraanatti gaggeffamee fi Hagayya 19 qarqara galaanitti buufata waraanaa irratti gaggeeffaman Yukireen buufatalee waraanaa Raashiyaa Kiriimiyaatti argamu irratti xiyyeeffachuu agarsiisa.
Jalaqaba ji'a kanaa buufata xayyaaraa Raashiyaa qarqara galaanaa lixa Kiriimiyaatti argamutti jeettiwwan waraanaa 9 barbadaa'un ni yaadatama.












