Dubartiin ijoolleeshee ajjeestee reeffa shaanxaa keessatti dhoksite adabamte

Dubartii ijoolleeshee ajjeeste

Madda suuraa, TVNZ

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 2

Niiw Ziiland keessatti haati ijoolleeshee lama ajjeeftee reeffa isaanii shaanxaa keessatti dhoksite hidhaa umrii guuruun adabamte.

Haakiiyaang Lii ijoolleeshee, kan waggaa saddeetii Yunaa Joo fi kan waggaa ja'aa Minoo Joo ajjeesuun manni murtii balleeessaa kan itti mure Fulbaana darbe ture. Kanaanis yoo xiqqaate waggaa 17 mana hidhaattii dabarsiti.

Namni ganna 45 Lii jedhamtu kuni yeroo bara 2018 yeroo ijoolleeshee ajjeefte maraattee akka turte kan himtu yoo tahu kunis abbaan warraashee du'uun yeroo muraasa booda dha.

Daanyaan Mana Murtii Olaanaa biyyattii Joofrii Veeniing, dhibeen sammuu Lii ajjeechaa kana keessatti shoora qabaatus, gochaan ishee garuu itti yaadame kan raawwate dha jedhan.

Reeffa ijoollee kanaa bara 2022tti jaalalleewwan manneen irraanfataman irratti qabiyyee hojjechuun caal-baasii mo'atantu argate.

Dhaddacha torbee lamaaf taa'ameen abukaatoon Haakyuung Lii fayyaan sammuu ishee abbaan warraashee du'uun booda akkaan miidhamuu himuun maatiin hafes isumaa wajjin du'uu akka qabduttii amanushee himaniiru.

Lii'n isheefi ijoolleeshee qoricha dhukkuba mukaa'uuf kennamu nootriipiitiilaayin jedhamu doozii baayyee kennuun ajjeesuuf yaalaa turte doozii ofii kennite dogoggortee yeroo dammaqxu ijoolleen du'anii, isheen garuu lubbuun of argatte.

Abbootiin alangaa gochaan Lii kuni ''ba'aa ijoollee guddisuurraa of hambisuuf ofittummaan raawwate dha,'' jedhan.

Ajjeechaa kana rawwachuun booda Liin maqaashee geeddartee Niiw Ziilaandii gadhiiste.

Kooriyaa Kibbaa bakka dhalootasheetti bara 2022tti qabamtee waggaa tokkoon booda gara Niiw Ziilanditti deebifamte.

Dhaddachi Roobii taa'ame ajjeechaan kuni maatii Liifi abbaa warraashee Joo akkatti miidhee dhaggeefateera.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Barreefama abbootiin alangaa dubbisaniin, haati Lii chuun Jaa Lii intalashee yaala gorsa fayyaa sammuuf dhaqachuu dhiisuusheef akka gaabbitu dubbattee.

Lii'n erga abbaan warraashee bara 2017tti du'een booda fedhii lubbuudhaan jiraachuu hin qabdus jette haati.

''Yoo du'uu barbaadde maaliif ofumaa hin duune? Maaliif lubbuu ijoollee badii hin qabne balleessiti? jechuun haatishee Chuun barreessuu miidiyaaleen Niiw Ziilaand gabaasaniiru.

Obboleessi abbaa warraa Lii Jiimii, ''gaddi hamaa akkasii maatii keenyarra bu'a jedhee yaadee hin beeku,'' jedhe.

Akkoon ijoollee kanaa ammayyuu sababa maaliin akka ijoolleen, ijoollee isaanii du'an itti hin himamne jedhe.

''Obboleessi koo otoo hin du'iin dura akkaan isaan tiksuuf imaanaa natti kennee ture,'' jedhe Jiimii joo. ''Kuni anaaf adabbii bara baraa dhiifama irraa hin arganne dha,'' jedhe.

Lii'n dhibee sammuu ''mukaa'uu akkasumas yeroo ajjeechaan raawwate gadda irraa dandamachuu hin dandeenye keessa turte jedha qorannoon fayyaa sammuu adabbiin kennamuun dura ture.

Daanyaan Jastiis Veeniing yeroo mana hidhaa keessatti dabarsitutti sababa dhibee sammuusheen ''akka dhukkubsataa addaatti'' akka ilaalamtus murteessaniiru.

''Abbaan warraashee yeroo akka malee dhukkubsatu dandamachuu hin dandeenye, yeroo inni du'us ijoolleeshee jirenya gammachuu ishee yaadachiisan arguu hin barbaaddu'' jechuun yaada kennaniiru.