'Shakkamaan' Harargee Lixaa aanaa Bookeetti uffata dubartii uffatee to’atame eenyu?

Maxxanfame

'Shakkamaan' Harargee Lixaa aanaa Bookeetti uffata dubartii uffatee to’atame “rakkoo nageenyaa uumuuf socho’aa ture” jechuun namoonni tokko tokko miidiyaa hawaasaa irratti barreessaa turan.  

Shakkamaan uffata dubartii uffatee magaala keessa yemmuu deemu poolisiin to’atame kun Muraadee Aliyyii jedhama.

 Itti aanaan Daayrektara Waajjira Poolisii Aanaa Bookee, Inispeektar Yirgaa Birruu, shakkamaan kun dheengadda ALI Fulbaana 04, 2015 ganama naannoo sa’aa 4:00 godina Harargee Lixaa aanaa Bookee magaala Bookee Xiqqoo keessatti humnootii nageenyaan to’atamuu BBC’tti himan.  

“Namoonni bifa kanaan huccuu fakkeessanii uffatanii wanta heddu hojjechuu danda’u jennee waan shakkineef to’anne” jedhan qondaalli poolisii kun.

Shakkamaan kun dhalootaan Harargee Bahaa aanaa Kombolchaa magaala Fal’aanaa akka ta’efi yeroo ammaa magaala Bookee Xiqqoo keessa jiraachaa kan jiru ta’us himaniiru.

“Mucaan kun bifa kanaan miidhagee, huccuu dubartii kana uffatee suuqiidhaa waa bitachuuf yemmuu gadi bahu eeruu hawaasni qaama nageenyaaf kenneen qabame,” jedhan.

 To’annoo jala erga oolchanii booda qorannoon irratti adeemsifamaa jiraachuu kan himan Inispeektar Yirgaa, “bara darbe aanuma Bookee kana keessatti gargaaraa konkolaachisaa ta’ee hojjechaa ture. Amma immoo amaluma isaarraa kan ka’e kushinaa keessa hojjeta,” jedhan Inispeektarichi.

“Mucaa yeroo qorannu ‘daa’imummaa irraa kaasee ani fedha dubartii ta’uu nan qaba. Maatiin kiyyas dubartii waan hin qabneef huccuma dubartii kana natti uffisaa na guddisan’ jechuun jechasaa kenne,” jedhan.

Qorannoo poolisiin taasiseen shakkamaan kun “kanaan duras akka hojjattuu dubartii ta’ee hojjechaa akka ture namoonni heddu jecha nuf kennaniiru,” jechuunis himan. 

Yeroo ammaa poolisiin shakkamaa kana wantoota lamaan shakkuun qorachaa akka jiru kan himan Inispeektar Yirgaa Birruu, “tokkoffaa huccuu dubartii kana akkanatti uffatanii, miidhaganii akkasitti gadi bahuun kun maaliifi kan jedhu qorannaa irratti gaggeessaa jirra,” jedhan.  

“Inni lamataa immoo mucaan kun ergama diinaa qabateeti ammoo maali kan jedhus qorataa jirra” jechuun himan.  

Itti dabaluunis qorannoon poolisii kan hin xummuramne ta’uu himuun, “yeroo ammaa mucaan kun dhimma ittiin shakkamurraa bilisa jechuu hin dandeenyu. Qabatamaanis immoo kanadha jechuu hin dandeenyu. Sababnisaas qorannoon gaggeeffamaa waan jiruuf,” jedhan Inispeektar Yirgaan.

 Taateen akkanaa aanaa Bookee keessatti yeroo mudatu kun isa lammataa akka ta’e kan himan Inispeektar Yirgaan “kanaan duras namni tokko bifa kanaan huccuu dubartii uffate qabnee turre. Innis taphachuufin uffadhe kan jedhu hime. Innis hidhamee dhimmisaa qulqullaa’aa ture” jedhan.

Kana malees godina Harargee Lixaa magaala Ciroo keessa dhiirooliin uffata dubartii uffachuun gochaalee burjaajii dalagaa turan jiraachuu isaanii himaniiru.