Falmii jabaa Yunaayitid fi Siitii - Tilmaama taphoota Pirimeer Liigii

Morkiin Yunaayitid fi Siitii ni eegama

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Taphoonni Pirimeer Liigii Ingilizii torban 31ffaa Sambata, Dilbataafi Wiixata taphatamu.
Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 3

Leenjisaan Yunaayitid Ruuban Amoorim bara dorgommii baranaa Maanchistar Siitii si'a lama injifataniiru.

Jalqaba yeroo leenjisaa Ispoortiing turan eegasiimmoo gara Yunaayitid erga dhufanii.

Haa ta'u malee, tapha Dilbataa Old Tiraafolditti taphatan ni injifatuu?

''Yunaayid rakkoo goolii galchuu dhabuu qaba,'' jedha xinxalaan ispoortii BBC Kiriis Suutan.

''Rakkoon isaanii guddaa isadha. Ta'us, humni ofirraa ittisuu Siitiis na shakkisiisa.''

Suutan tapha ijoo torban kanaa kana dabalatee tilmaama taphoota Pirimeer Liigii Ingilizii eegaman akkanaan lafa kaa'e.

Sambata

Evartan fi Arsenaal

Evartan fi Arsenaal
Ibsa waa'ee suuraa, Evartan fi Arsenaal

Kuni Arsenaaliif falmii jabaa ta'a fakkaata. Evartan gaafa Roobii Liivarpuul waliin yeroo taphate cimee ittisaa ture, yeroo jifatanis nama sodaachisu.

Bukaayoo Saakaan miidhamarraa deebi'ee tapha Fulihaam waliin taphatan irratti taphateera.

Haa ta'u malee, ittisaan isaanii Gabri'eel Maagaaleez dabalatee ittistoonni biroo miidhamaniiru.

Isarrattimmoo Arsenaal Kibxata dhufu Chaampiyeens Liigiin Riyaal Maadiriid waliin ni taphatu.

Kunis morkichi Arsenaaliif akka cimu ni taasisa.

Arsenaal injifatee Liivarpuul irratti dhiibbaa akka uumu fedhus tilmaamni kiyya taphichi qixa akka xumuramudha.

Tilmaama: 1-1

Astoon Viilaa fi Nootingihaam

Notingihaam Fooras ga'umsa bareedarra jira. Astoon Viilaanis akkasuma.

Viilaan taphoota jaha darban injifataniiru.

Astoon Viilaafi Nootingihaam Foorast tapha marsaa duraan qixa adda bahuun ni yaadatama.

Tapha kanarrattis abbaa mo'u tilmaamuun ni cima.

Foorast tapha kanarratti osoomallee qabxii dhaban bara dorgommii itti aanu Chaampiyeens Liigii Awurooppaarratti akka taphatan nan amana.

Tapha walakkeessa torban kanaa Yunaayitid itti mo'atan irratti xiyyeeffannoon isaanii kubbaa to'atanii sosso'u osoo hin taane qabxii akka ta'e agarsiisaniiru.

Astoon Viilaan taphoota Chaampiyeens Liigii fi Waancaa FA irratti hirmaataa jira.

Taphni itti baay'achuun haalicha itti cimsuu mala.

Tilmaama: 1- 1

Dilbata

Bireentifood fi Chelsii

Bireentifoord Chelsii waliin
Ibsa waa'ee suuraa, Bireentifoord Chelsii waliin

Rakkoon ijoo Chelsii ga'umsa waaraa mul'isuu dhabuudha.

Gaafa Kamisaa tapha Totanihaam waliin taphateerratti ga'umsa bareedaa agarsiisanii turan.

Tapha gaafa Dilbataarratti kana arguu dandeenyaa? Ani hin beeku.

Bara dorgommii baranaa kilaboota hubachuu rakkadhe keessaa tokko Bireentifoordidha.

Maalis ta'u goolii akka lakkoofsisan nan amana.

Chelsiin tapha kana yoo injifate liigicha sadarkaa hanga shanaffaa akka qabatu isa gargaaruu danda'a.

Haa ta'u malee, ni milkaa'a amantaa jedhu hin qabu.

Tilmaama: 1- 1

Fulihaam fi Liivarpuul

Fulihaam fi Liivarpuul
Ibsa waa'ee suuraa, Fulihaam fi Liivarpuul

Fulihaam gara Anfiild imalee qabxii hirachuun isaa ni yaadatama.

Gaafa Kibxataa tapha Arsenaal waliin taphatan irratti laayyoo hin turre.

Tapha kilabii liigicha dursaa jiru Liivarpuul waliin taphni taphatanis akkasumas cimaa akka ta'u nan eega.

Fulihaam kilaboo laafaas ta'u baatu Liivarpuul tapha kana akka mo'u nan tilmaama.

Moo Saalaah tapha kanarratti qooda guddaa akka qabu waan ifa jiru.

Tilmaama: 1 - 2

Totanihaam fi Saawuzaampitan

Saawuzaampitan tapha kanarratti qabxii ni argata amantaa jedhu hin qabu.

Totanihaam Ayyaana Qillee dura gara dirree Saawuzaampitan imalee 5fi 0 injifatee deebi'eera.

Gareen Postekogluu ga'umsa gaariirra jiraachuu baatus tapha kana mo'achuun isa hin dhibu.

Totanihaam galchii galchuu waan rakkate fakkaata. Tapha kana garuu salphaatti mo'a.

Tilmaama: 3 - 0

Yunaayitid fi Siitii

Yunaayitid fi Siitii
Ibsa waa'ee suuraa, Yunaayitid fi Siitii kilaboota haalaan wal morkatan keessaati

Maanchistar Yunaayitid galchiii galchuu hin dandeenye.

Ruuban Amoorim bakka Raasmas Hoyiluund Jooshuwaa Zirkizii maaliif akka hiriirse naaf hin galle.

Namoonni Yunaayitid tapha Notingihaam waliin taphateerratti bareeda ture jedhu.

Garuu, yoo hin galchan ta'e hiika hin qabu.

Erliing Halaand miidhamaan tapha kanarratti hin taphatu. Tapha inni hin hiriirreettimmoo Siitiin galchuu ni rakkata.

Maan Siitiin bara dorgommii baranaa akka durii sodaachisaa miti.

Amooriim bara dorgommii tokko Gaardiyoolaatiin si'a sadii kan mo'an yoo ta'e injifannoo guddaadha.

Haa ta'u malee, kuni ni ta'a tiolmaama jedhu hin qabu.

Tilmaama: 1 - 2

Taphoota biroo

Gama kaaniin taphoonni biroos jiru. Fakkeenyaaf gaafa Sambataa:

  • Paalaas Biraayitan waliin
  • Ipiswiich Woolvis waliin
  • Weest Haam Boornimaz waliin akkasumas Wiixata
  • Leestar Niiw Kaasil morkata.