‘Kooriyaan Kaabaa meeshalee waraanaa Raashiyaaf kennaa jirti’ - US

Meeshaa waraanaa

Madda suuraa, RUSSIAN DEFENCE MINISTRY

Maxxanfame

Raashiyaan sababa qoqqobbii irra kaa’ameen humna waraanaa isaaf meeshaalee waraanaa dhiyeessuu waan hin dandeenyeef, Kooriyaa Kaabaa irraa meeshaalee waraanaa bituuf dirqamteetti jechuun miidiyaan US gabaaseera.

Akka odeeffannoo basaasaa ifa taasifamee miidiyaan New York Times argateen, Raashiyaan rasaasa gurguddoo (artillery shells) miiliyoonaan lakkaa’amanii fi rokkeetoota Kooriyaa Kaabaa irraa bitteetti.

Qondaalli US akka jedhanitti, waraanichi akka dheerachaa deemeen Raashiyaan meeshaalee waraanaa dabalataa Kooriyaa Kaabaa irraa bituuf ni dirqamti.

Torban darbe, Raashiyaan diroonii Iraan ajajate jalqabaa fudhachuu isaa gabaafamee ture.

Iraan fi Kooriyaan Kaabaa, lamaanuu xiyyeeffannoon qoqqobbii biyyootii Lixaa guddaa kan irra jiru yoo ta’u, erga Pirezdaant Vilaadmiir Puutin Guraandala keessa Yuukireen irratti weerara jalqabee as Raashiyaa waliin hariiroo qaban cimsuuf barbaadaa turaniiru.

Bulchiinsi Kim Jong-un waraana kanaaf US’n himachuun, biyyootiin lixaa ‘qajeelfama olaantummaa’ fayyadamuuf yaaluuni Raashiyaan akka humna fayyadamtu taasiseera jechuun himataniiru.

Ji’a darbe, Kooriyaan Kaabaa walabummaa bulchiinsota bakka bu’oo Raashiyaa ta’an kan lixa Yukireen keessatti argaman – Rippaablika Ummatoota Donetsikii fi Lugaaniskii- kan simatte yoo ta’u, “hiriyyummaa cimaa” Raashiyaa waliin qabdus akka caalaatti cimsitu waada galteetti.

Pirezdaaantiin Raashiyaa Viladmiir Puutin, “hariiroo hunda dhunfataa fi wal ijaaruu” biyyoota lamaan jidduu jiru akka babal’isan himuu isaanii miidiyaan mootumma Piyongyaang (Kooriyaa Kaabaa) gabaaseera. 

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Hammii fi baayinni sirrii meeshalee waraanaa haaraa Raashiyaan Kooriyaa irraa argatte jedhamuun gabaasaame kun ammatti ifa miti.

Ta’us garuu qondaalli US akka miidiyaa Associated Press’tti himanitti, Raashiyaan gargaarsaaf gara Kooriyaa Kaabaatti ilaaluun ishee, “ akka humni waraanaa Raashiyaa Yuukireen keessa jiru gariin sababa to’annoo daldalaa fi qoqqobbiin hanqina meeshaalee waranaa guddaa keessa akka jiru agarsiisa.”

Broad economic sanctions have done little to damage Russia's income from energy exports, according to Finnish think tank the Centre for Research on Energy and

Akka Wiirtuun Qorannoo Annisaa fi Qilleensa Qulqulluu Fiinish jedhutti, qoqqobbiin diinagdee bal’aa kun daldala annisaa irraa galii Raashiyaan irratti miidhaa xiqqaa qofa uume.

Ji’ootan ja’an weeraraa kanaa keessatti Raashiyaan gatii boba’aa dabalaa dhufeen  gara yuuroo biiliyoona 158 kan argattee, kan keessa kan EU’n bittee walakkaa ol akka ta’u tilmaameera.

Ta’us, US fi EU’n dandeettiin Raashiyaan humna waraanaa ishee deebistee jabessuuf qabdu akka miidhameeru amanu.

Torban darbe, qondaaltonni bulchiinsa Baayden akka miidiyaa US’tti himanitti, dirooniin Iraanitti oomishaman Raashiyaa qaqqabaniiru.

 Qondaaltonni tikaa US, qondaaltonni Raashiyaa gara Iraanitti imaluun meeshalee waraanaa gosoota Mohajer-6 fi Shaheed jedhaman irratti leenjii akka fudhatan amanu.

Ta’us garuu, diroonotni kunneen erga Raashiyaa ga’anii booda rakkoo mekaanikii fi teeknikaan miidhamuu isaanii dhiyeenya gazexeessitootatti himaniiru.

Iraan waraana kana keessatti qaama kamiifu meeshaa waraanaa dhiyeessuu ishee kan haalte yoo ta’u, Adoolessa keessa garuu Gorsaan Nageenya Biyaalessaa US Jeek Salivaan, Iraan waraana Yukireen keessa jiruuf diroonota dhibbaaan lakkaa’aman, kan gariin dandeetti waraanaa qaban Raashiyaaf dhiyeessuuf karoorfachaa akka jirtu himaniiru.

Kibxata, qondaaltoonni ittisaa UK akka jedhanitti, Raashiyaan dhiyeessii diroonii waraanaa ishee irratti rakkacha jirti.

“Raashiyaan sababa qoqoobbii idil adil-addunyaan hanqina meeshalee jijjirraa uumameen kuusaa UAV ishee to’achuun dhabuun ishee hin oolu,” jedhaniiru.

“UAV qorannoo ykn to’annoo murta’aa ta’an qabaachuun kommaandonni akka sochii waraanaa irratti hubbannuu hin qabaannee taasisuu mala, akkasumas sochii waraanaa Raashiyaa irratti miidhaa guddaa uumaa deema,” jechuun qondaalli kun dubbataniiru.