Taankeriin bishaan litira miliyoonotaa fi qurxummii 1,500 qabu hoteela keessaa dhohuun miidhaa geessise

Maxxanfame

Aquwaaremii guddaa bishaan litira miliyoona hedduu fi qurxummii 1,500 of keessa qabu hoteela Raadisan Blu keessatti argamu dhohuun hoteelichaa fi naannoo isaa lolaan miidhe.

Hoteelli kun Jarman magaalaa Berlin keessatti kan argamu yoo tahu taankerii guddaan bishaan litira miliyoonota hedduu qabatu hojjetamuun achi keessa kaa’ameera.

Taankerii kana keessa ammoo qurxummiileen 1,500 tahan jiru. Taankeriin ‘’AquaDom’’ jedhamuun beekamu kun meetira 15.85 dheerata.

Adunyaa irraa siliinderii bishaan qabachuun ol dhaabatu isa guddaa jedhamuun beekama.

Yeroo taankeriin kun dhohee lolaan hoteelicha fudhatu fuulleen hoteelichaa jiguun namoota lama irra miidhaa geesiseera.

Poolisiin ‘’miidhaa guddaatu’’ gahe jedhe. Viidiyoon qoodame taankerii qullaa fi lolaa hoteelicha fudhate agarsiisa.

 Keesummoonni hoteelicha keessa turan achii baafamaniiru.

Dubbii himaan ittisa balaa abiddaa Berliin BBCtti akka himanitti irra caalaan qurxummiilee taankericha keessa jiranii du’aniiru.

Haalli qilleensaa qorraan amma biyyicha jiru lubbuu qurxummiilee baraaruuf ulfaataa taasisuus himaniiru.

Taankericha keessa gosa qurxummii 100 ol tahantu jira ture.

Meeshaalee caccaboo fi hoteelicha keessaa wantootni ccacabuun bishaaniin fuudhaman balbala hoteelichaa fi daandii qarqarattis bahuun kuufamanii jiru.

Namni Pool Maleezkii jedhamu hiriyyaa isaa dubaraa waliin darbii 4ffaa irra ture. Sagalee dhohinsaa guddaan nahee gaafan ka’ee gadi ilaalu bishaan lafa guuteerun arge jedhe.

Isaa fi keessummoonni hoteelichaa kaan loltoota meeshaa waraanaa hidhataniin achii akka baafaman hime.

Kantiibaan magaalaa Berliin Firaanziskaa Giiffey gara hoteelichaa deemanii miidhaa gahe erga ilaalanii booda waan akka balaa sunaamii fakkaata jedhan.

 Ganamaan balaan kun dhaqqabuun isaa gaarii akka tahe himan. Sababni isaa daandii naannoo hoteelichaa fi ala isaa irra namoota hedduu fi ijoolleen ni heddumatu ture.

Kun lubbuu namaa irra balaan akka hin geenye gargaareera jedhan.

Akuwaaremiin kun wagga lama dura haareffamee ture.

Kutaaleen hoteelichaa suuraa akuwaaremii kana of keessaa qabu. Namootni akka daawataniifis wantootni irra dhaabbachuuf gargaaran hojjetamanii fi ture.

Waajjirri Ittisa Balaa Abiddaa Berlin baraartota gara 100 tahan bakkichatti ergeera.

Garuu maaliif taankeriin kun dhohuu akka danda’ee fi tarii haleellaan irratti gaggeeffamee yoo tahe adda baasuu hin dandeenye.