Keeniyaan baqattootaaf lafa dahoomoo lafa yaaddoo ta'aa jirti?

Madda suuraa, Getty Images
Keeniyaan erga Mudde 12, 1963tti walabummaa argattee kaasuun baqattoota keessummeessaa jirti.
Baqattoonni gara Keeniyaa dhufanis baayyinaan biyyoota akka Yugaandaa, Sudaan fi Itoophiyaa irraati.
Jalqaba irratti mootummaan Keeniyaa itti-gaafatamummaa bulchiinsa baqattoota kanneenii qaba ture.
Itti -aafatamummaa kun karaa Barreessaa Baqattootaa Ministeera Dhimma Biyya Keessaa jalatti hordoffii taasisan ture.
Haata’u malee, sababii rakkoo siyaasa bara 1990 - 1992'tti Somaaliyaafi Itoophiyaatti uumame tureen baayyinni baqattootaa garmalee dabaluun kuma 200 ol qaqqabu maddeen ni mul'isu.
Mootummaan Keeniyaas lakkoofsa kana ofiin keessummeessuun waan hin dandeenyeef bulchiinsa baqattootaa Mootummoota Gamtoomaniitti Ejjansii Baqattootaa (UNHCR)tti dabarsee kenne.
Yeroon kunis kan itti kaampiiwwan baqattootaa biyyattii keessatti hundeeffamanidha.
Hanga har’aatti Keeniyaan baqattoota biyyoota baha Afrikaa adda addaa irraa sababii siyaasaa, waraanaafi hongee baqatan simachuu itti fufteetti.
Akka dhaabbanni UNHCR gabaasetti, yeroo ammaatti baqattoota 555,183 ta'anitu Keeniyaatti argama.
Haata'u malee, baqattoonni gara Keeniyaatti baqatan hundi carraa kan jalaa baqatan jalaa dahoo eegumsa qabu hin argatan.
Kanaaf, gariinsaanii yoo ajjeeffaman kaan ammoo butamuun gara biyyaa irraa baqataniitti yoo deebiifaman dhagahama.

Madda suuraa, Facebook
Yeroo dhiyootti Guraandhala 4, 2023 baqataan lammii Sudaan Kibbaa Keeniyaatti kolu-galtummaa gaafate Naayiroobii irraa butamee ture.
Morris Mabior Awikjok Bak mana isaa Naayiroobii keessatti “namoota hidhatee uffata poolisii uffataniin” butamee akka ture himame.
Himannaa “qondaaltota mootummaa miidhuu” jedhamuun waan barbaadamee dabarfamee akka kenname gabaaseera gaazexaan biyya keessaa tokko gabaasee ture.

Haaluma walfakkaatun Sadaasa 19, 2021 lammii Itoophiyaa fi namni bizinasaa beekkamaan, Saamsoon Taklamikaa'eel, guyyaadhaan magaalaa Naayiroobii keessatti konkolaataa isaa keessaa butamee erga fudhatameen booda hanga ammaatti bakka buteensaa hin baramne.
Vidiyoon yeroo Saamsoon butamu waraabame akka mul'iseetti, Saamsoon namoota lamaan konkolaataasaa keessa harkifamee baafamuu fi namoonni kunneen poolisii tiraafikaan gargaaramuu argisiise.
Innis erga fudhatamee torban lamaan booda, gochaa kanaaf eenyu akka itti gaafatamu ykn ka’umsi isaanii maal akka ta’e ifa miti jechuun dubbi himaan poolisii Keeniyaa Biruno Isohi Shioso ibse ture.
Maatiiniifi namoonni Saamsoon beekan mootummaan eessa buutensaa akka qoratuuf hiriiraan gaafatanilleen hanga ammatti waan barame miti.

Madda suuraa, Facebook
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Akkasumas, hayyuun seenaa Oromoo kan waggoota 30 ol aadaafi Koosmooloojii Oromoo barsiisaa ture Aab Dabbassaa Guyyoo Saffaroo erga Fulbaana 27, 2015 Keeniyaa butamanii as buteen isaanii dhabamee jira.
Itoophiyaan wayita sirna Dargii jalatti bulaa turteetti, Kibba Sidaamoo bulchaa kan turan Jattani Alii, Adoolessa 2,1992 magaalaa guddoo Keeniyaa Naayiroobii keessatti ajjeefaman.
Haaluma walfakkaatunis, abbaa seeraa fi falmaa mirga namoomaa beekamaa Sudaan Kibbaa kan ture Dong Samuel Luak fi miseensa partii mormitoota Agrey Ezbon Idri Amajjii 23 fi 24 bara 2017 daandii Nairobi irraa butaman.
Ebla 30, 2019'tti ammoo UN akkaataa gargaarsa Imbaasii Sudaan Kibbaa Naayiroobii jiruutiin ogeessota Sudaan Kibbaa itti xiyyaara daldalaa kireeffameen gara Sudaan Kibbaatti geeffaman gabaasa baase. Boodas jarri lamaanu Sudaan Kibbaatti ajjeefamu dhaabbanni UN gabaase ture.
Dhaabbata Humaan Raayitsi Wooch (HRW) Afriikaa Bahaatti daarektara kan ta'an, Otsieno Namwaya BBC'tti akka himanitti, kun Keeniyaatti adeemsa beekamaadha.
“Namoonni baay'een Keeniyaarraa butamanii jiru. Taateen kunis irra caalaan isaa waan hin beekneef osoo hin taane, namoonni dhimmisaa ilaallatu yeroo barbaachisutti deebii waan hin kennineefidha.”

Madda suuraa, Getty Images
Hirmaannaa qaamolee nageenyaa fi beekamtii mootummaa Keeniyaa malee gochaan butamuu Keeniyaa keessatti raawwatame hin jiru jedhan.
“Beekumsa guutuufi deeggarsa mootummaa Keeniyaatiin raawwatama. Poolisiin isaan butee dabarsee kennu.''
Akka dhaabbanni HRW jedhutti, Keeniyaan dirqama idil-addunyaa kol-ugaltoota balaa jalaa baqatan eeguuf qabdu kabajuu dadhabaa jirti.
Dirqama kana jalatti Keeniyaan namoota bakka isaan irraa baqachaa turanitti deebisuun hin hayyamamu; keessumaa yeroo balaan jalaa baqatan sun ammallee jirutti.
“Kanaaf, wanti Keeniyaan hojjechaa jirtu bu’uuraan seera idil-addunyaa kan cabsuudha,” jedhan.
Aab Otsieno Namwaya gochoota seeran ala mootummaan Keeniyaan raawwatamuu hedduu arguu ibsan.
Bara darbe lammii Tarkii baqatee gara Keeniyaa dhufe tokko gara biyyaatti deebisan.
Namni sun poolisii keeniyaatiin butamee, kiyaambu keessatti qabamee, aanga'oota keeniyaatiin xiyyaaraan gara Tarkiitti deebifamee, tarii hidhaan umurii guutuu ykn fannifamuu akka hin oolu himu.
Haalli kunis baqattoota Sudaan Kibbaafi Kongoo kan mootummaan isaanii isaan hordofu irrattis mudateera jedhan.
“Kanaaf garuu kan komatamuu qabu Keeniyaa qofa miti. UNHCR dhimma kana aangawoota Keeniyaa gaafachuuf dirqama qaba, ta'us garuu gonkumaa hin gaafatan.”

Madda suuraa, Getty Images
Tarkanfiin Keeniyaa irratti fudhatamuu qabu jiraa?
Sadarkaa mana maree nageenyaa UN dabalatee tarkaanfiiwwan fudhatamuu danda'an baay'eedha.
“UNHCR Keeniyaa waliin dhimma kana baay'ee kaasnee jirra garuu jijjiirama homaatu hin godhan.
“Bara 2021 baqataan lammii Koongoo sanada UNHCR fi Keeniyaa qabu, namoota Koongoo irraa dhufan kanneen qondaaltota nageenyaa fakkaataniin hordofamaa akka ture himuun, gara magaalaa biraatti ykn Keeniyaa akka bahu gaafate.”
Garuu hanga fudhatamutti gaaffii isaaf UNHCR deebii kennee hin beeku. Hanga har'aattis namni kun eessa buutensaa hin beekamu jedhan.
“Kanaafuu, UNHCR Jenevaa gidduu yoo seene malee, rakkinnichi itti fufuu mala.”

Madda suuraa, Hamidah
Nama siyaasaa fi rogeettiin lammii Yugaandaa Nasimbwa Hamidaa waggoota dheeraaf lubbuushee baraaruuf fiigaa jirti.
“Ani bakkan jirutti nagaa hin qabu waanan godhus hin beeku.”
Filannoo biyyoolessaa Yugandaa Amajjii geggeeffame hordofe, miseensa paartii mormituu Hamidaan ijoolleeshee afur walliin Guraandhala 2021 Keeniyaatti baqatte.
Komishinii mirga namoomaa Keeniyaa kan ishee keessummeesse yoo ta'u, akka qubattuufis UNHCR'n akka galmooftu gaafate. Erga galmoofte booda rakkoonshee eegalu himti.
“Kaakumaa keessatti jireenyi cimaa ture. Waanan biyyaa ba’eef filannoo biraa hin qabun ture, meeshaalee bu’uuraa kan akka bishaanii fi nyaataa dhabne.
“Ijoolleenkoo dhuguma rakkatan, yeroo tokko anaafi ijoolleenkoo mormii dhageessifne. Boodarra hojjettoonni kaampii sanaa nyaata tokko tokko ummataaf raabsan.”
Haalli jireenyaa cimaa kaampiicha keessa ture irraa kan ka'e ijoolleenshee gara Yugaandaatti akka deebi'an kadhatanii ture. “Lafa alagaatti osoo hin taane mana keenyatti deemnee du’uu qabna jedhan.''
Isheenis ijoollee biyyatti deebifte ofii Kaakumaatti hafte. Haata'u malee, sababii miseensoonni raayyaa ittisa Yugaandaa kaampicha keessa turaniif turtiin ishee daran balaadhaaf kan saaxilamedha.
Sodaa keessa galtee UNHCR akka bakka biraatti ishee jijjiiru beeksiste. Dhaabbatichi garuu poolisii Keeniyaatti akka himanna dhiheessitu gaafate.
“Akkamiin nammoota bitamun dabarse na kennu danda’utti rakkookoo himadha?”
“Komishiniin mirga namoomaa Keeniyaas, sababa dhimmi koo hamaa ta’eef Kaakuma keessa ta'uu hin qabdu jedhee UNHCR kadhachaa ture. Irra deddeebi’anii barreessaas turan.
Ta'us deebii waan dhabdeef ofumaan Adoolessa 2022 kaampiicha keessa baqattee bakka bira dhaqxe.

Madda suuraa, Hamidah
Ammaan kanattis sababii shororkeessituu jedhamun farajamteefu eessattuyyuu imaluu hin dandeessu.
Dhaabbanni HRW kan ishee gargaaraa jiruti Daarektara kan ta’e Otsieno Namwaya erga 2021 dhimmashee hordofaa jirra jedhan.
UNHCR kan isheen itti galmooftee fi cimina haala ishee beekus eegunsa taasisuuf dhabuutti komata.
Hamidaan amma UNHCR “Eessa akkan jirullee hin beekan, garuu ijoollee dararaa jirti jedhanii kaampii hunda keessa suuraa fi lakoofsa bilbila koo maxxansan. Silaa nu eeguu qabu turan,” jechuun komatti.












